Finfinnee: Godina Baaleetti qonna arfaasaa baranaatiin qamadii kuntaala miliyoona shanii ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miliyoonni 3.9 sassaabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Aliyyi Muhammad ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, omisha qamadiitiin godinichi akka guutuu biyyaattis ta’e naannootti adda dureedha.
Haala mijataa omisha qonna qamadiitti fayyadamuun beekumsa ammayyaa ittidabaluun hojiin omishaafi omishtummaa bal’inaan waqtiilee arfaasaafi gannaa hojjetamaa jira jedhaniiru.
Waqtii arfaasaatti lafa hektaara kuma 125 sanyii qamadiitiin uwwisuuf karoorfamee, hektaara kuma 126 raawwatamuu himanii: kan faca’e keessaayis hanga ammaatti lafa hektaara kuma 98fi 936rraa callaa qamadii kuntaala miliyoona 3.9 sassaabameera jedhan. Omishtummaansaas yommuu ilaalamu giddugaleessaan hektaara tokkorraa kuntaala 39 akka ta’u eeraniiru.
Omisha gannaatiinis waliigalaan lafa hektaara kuma 578 akaakuuwwan sanyii midhaanii garagaaraatiin uwwisuuf karoorfamuu ibsanii, kana keessaa lafa hektaara kuma 341 irraa qamadiin akka facaamu himaniiru.
Lafa misoomaa jiru kanaarraa waliigala midhaan akaakuuwwan hundarraa callaa kuntaalli miliyoona 20 kan eegamu ta’uufi callaa qamadiimmoo kuntaala miliyoona 14 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachui ibsaniiru.
Makaanaayizeeshiniin qonnaas godinichatti sadarkaa gaariirratti kan argamu ta’uu himanii, lafa qotamu keessaa %70 tiraaktaraan qotamee kombaayinaraan haamama jedhan.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016