Gatiin sharafa alaa gabaadhaan hogganamu alergii guddisuuf shoora guddaa taphata

Finfinnee: Gatiin sharafa alaa gabaadhaan hogganamu meeshaaleen biyya keessatti omishaman gabaa alaarratti akka barbaadaman gochuun alergiin akka guddatu kan taasisu ta’uu hayyuun dinagdee beeksisan.

Inistituutii Qorannoo Imaammataa Biyyaalessaatti qorataan dinagdee Doktar Birhaanuu Alamuu fooyyessa dinagdee gooroo dhiyeenya mootummaan Itoophiyaa hojiitti hiike ilaalchisee turtii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, mootummaan waggoota sadan darban keessa karoora dinagdee waggoota kudhanii dinagdee mandhaleerratti xiyyeeffate baaseeera.

Carraa hojii bal’aa uumuuf, qaala’iinsa gatii to’achuuf, omishaafi omishtummaa dabaluuf madaallii daldalaa fooyyessuuf dinagdee gabaadhaan hogganamu dhaabbilee dhuunfaatiin socho’u diriirsuuf wantootni hojjetamuu qaban karooricha keessatti ifatti tarreeffamaniiru.

Hojmaanni gatiin sharafa alaa Baankii Biyyaalessaatiin akka hogganamuuf jedhu turuu yaadachiisanii, hojmaatni akkasiimmoo gatii sharafa alaarratti gabaa gurraachi (seeraan alaa) akka babal’atuuf sababa ta’eera jedhan. Babal’inni gabaa gurraachaammoo hanqina sharafa alaa uumuun dinagdee biyyattii dadhabsiisaa tureera jechuunis ibsan. Gatiin sharafa alaa harka Baankii Biyyaalessaatii bahee gabaadhaan akka hogganamu taasisuuf hojmaanni jalqabame dinagdee biyyattii guddisuuf tarkaanfii jajjabeeffamuu qabu ta’uu himaniiru.

Murtichi faayidaa qofa osoo hintaane miidhaa hineegamnes qaqqabsiisuu waan danda’uuf faayidaa argamuuf karoorfamee ol guddisuufi rakkina hordofee dhufummoo xinneessuuf xiyyeeffannoon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Yommuu sharafni alaa gabaadhaan hogganamu gatiin meeshaalee alaa galanii dabaluu danda’u. Kun akka saayinsii dinagdeetti karaa alkallaattiitiin lammiileen meeshalee alaa galanirra meeshaalee biyya keessatti omishaman bitatanii akka fayyadaman taasisa. Kunis milkaa’ina inisheetivii Itoophiyaan haa omishtuutiif gahee guddaa taphata jedhan.

Hojmaaanni kun jiruufi jireenya namoota galii dhaabbataa argatan kanneen akka hojjetaa mootummaarratti dhiibbaa fida jedhee mootummaan adda baasee furmaata murtichaa faana diriirsuun tarkaanfii murteessaadha jedhaniiru. Hojmaanni akkasii biyyoota baay’ee keessattuu kanneen dinagdee kaappitaalaa hordofan biratti baal’inaan jiraachuu hayyichi eeraniiru. Ollaan Itoophiyaa Keeniyaanuu hojmaata akkasii qabaachuus ibsaniiru.

Hawaasa guutuufi daldaltootaaf hubannoo kennuun, daldaltootni seera daldalaa eeganii akka hojjetan taasisuun daballii bu’uura dinagdee malee gatii omishaarratti taasifamu hambisuun rakkinoota hojmaaticha hordofanii dhufan hambisuun dinagdee biyyattii tasgabbbeessuun akka barbaachisus gorsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You