Egere har’a ijaaruu

“Bosonoonni fayyummaa dachee keenyaafi nageenya ilmaan namaaf daran barbaachisu. Oksijiinii nuu kennanii kaarboonii kuusuudhaan haala qilleensaa to’atanii jijjiirama qilleensaa hir’isuuf gargaaru.

Bosonoonni uumamoota miliyoonatti lakkaa’amaniif man’ee jireenyaa ta’uudhaan lubbudaneeyyii of keessatti qabatu. Bosonoota qabnu haa kunuunfannu. Biqiltuuwwan dabalataa dhaabuudhaanis uwwisa bosona keenyaa haa guddifnu” Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD).

Haaluma kanaan barana biqiltuu biliyoona 7.5tu dhaabbiidhaaf qophaa’e. Biqiltuuleen kunniin buufataalee kuma 115tti qophaa’an. Baay’inni kun waggaa jahan har’aa kuma 45 qofa ture. Milkaa’inni guddaan kun kan argame ashaaraa magariisaati.

Akaakuun biqiltoota qophaa’aniis akkasuma dabaleera. Fakkeenyaaf biqiltuun shimalaa miliyoona 80 barana qofa qophaa’eera. Lafa hektaara miliyoona lamatu dhaabbii baranaatiif addaan baafame. Guyyaa tokkotti biqiltuulee miliyoona 600 dhaabuuf karoofamee kunis kaleessa haala gaariidhaan raawwatameera.

Itoophiyaan keessumaa bara 2011 irraa kaastee hojmanee guddaa, biyyoota addunyaa hafaniif fakkeenya ta’u xiyyeeffannaan hojjechaa jirti, inisheetiivii ashaaraa magariisaa. Bu’aafi hubannoon inisheetiivichaas ummata biratti babal’achaa dhufeera. Abbaa inisheetivii ashaaraa magariisaa kan ta’an Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad(PhD) dhaabbii biqiltuu iddoowwan adda addaatti raawwachuun ergaawwan gara garaas dabarsaa turaniiru.

Kanaanis, “Waan gaarii dhaloota ittaanuuf darbuu qabu kaa’uun yoo nu barbaachise inni tokkoffaafi salphaan egere har’a dhaabuudha. Warri carraa tolaniifi jajjaboon ijoolleesaaniitiif bu’uura misoomaa hojjetanii maallaqa baankiitti kuusuufiin hambaa kaa’u.

Nuti, Itoophiyaanonnis yoo xiqqaatee xiqqaate ijoollee keenyaaf biqiltuu hurufaafi tulluuwwanirra dhaabuu qabna. Biqiltuun kun yoo xiqqaate, nyaata, qoricha, balaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu jalaa baraaramuuf sadarkaa olaanaadhaan kan gumaachuudha. Biqiltuu dhaabuun qoricha, nyaataafi miidhagina dhaabuudha. Bishaan humna guddaa qabuufi nu balleessuuf dhufutti daangaa gochuudhas jedhan.

Egaa, biqiltuu dhaabuun uumama wajjin waliigaluufi araaramuudha. Hojiilee ijoo hunda fayyaduufi dhaala dhaloota ittaanu boonsuudha. Kanaaf lammiin hundi kanarratti qindoominaan hojjechuu qaba; dhimmichi biyya magariisa taate dhaloota ittaanu dhaalchisuu waan ta’eef.

Mukeen waggoota dhibbaaf turuuf dandeettii qabu. Kun seenaa tursiisuuf daran kan gargaaru waan ta’eef dhaloota ittaanuuf waantota barreeffamaafi bobbocaan kaa’amu caala.

Dhaloonni ittaanu kun bilqiltuu abbootiin keenya nuu dhaabaniidha jedhee ashaaraa amma kaa’amaa jiru deebisee akka yaadatu waan taasisuuf biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun barsiifata ta’uu qaba.

Biqiltuulee danuu dhaabuu qabna. Kana barsiifata godhachuufi Itoophiyaa magariisa gochuun nurraa eegama. Yoo kana goone rakkoon roobaa nu hinmudatu. Yoo hanqinni bishaanii hinjiraanne ciccitiinsi elektirikii nu hinmudatu. Facaasnee haammachuufis hinrakkannu. Kanaaf ummanni Itoophiyaa biqiltuu faayidaalee danuu qabu kana dhaabuu muuxaneeffachuu qaba. Ijoolleesaas waan gaarii akkanaa barsiisuun daran murteessaadha.

Fulbaana booda biqiltuu amma dhaabne kunuunsuun hirmaannaa ho’aa dhaabbiirratti mul’ateen ittifufuu qaba. Kun akka ta’uufis kutaaleen hawaasaa marti tattaaffii dabalataa gochuudhaan karoora dhaloota egeree jiddugaleffate kana milkeessuu qabu; dhimmichi egere har’a ijaaruu waan ta’eef.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You