Biyya dhaabdu, dhaloota waaressu

Finfinnee: Itoophiyaan keessumaa bara 2011 irraa kaastee hojmanee guddaa, biyyoota addunyaa hafaniif fakkeenya guddaa ta’u xiyyeeffannaan hojjechaa jirti, inisheetivii ashaaraa magariisaa.

Inisheetivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin (PhD) jalqabamee hojiirra oolaa jiruun akka biyyaatti baay’inni biqiltuu qophaa’uus ta’ee dhaabamuu daran dabalaa dhufeera. Bu’aafi hubannoon inisheetivichaas ummata biratti babal’achaa dhufeera. Bara darbe guyyaa tokkotti biqiltuun miliyoonni 500 kan dhaabame yoo ta’u, barana ammoo miliyoona 600 dhaabuuf karoorfamee kaleessa haala gaariidhaan gaggeeffameera.

Dhimma ashaaraa magariisaa kanaan walqabatee abbaa inisheetivichaa kan ta’an Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) dhaabbii biqiltuu iddoowwan adda addaatti raawwachuun ergaawwan gara garaas dabarsaa turaniiru.

Kanaanis, “Waan gaarii dhaloota ittaanuuf darbuu qabu kaa’uun yoo nu barbaachise inni tokkoffaafi salphaan egeree har’a dhaabuudha. Warri carraa tolaniifi jajjaboon ijoolleesaaniitiif bu’uura misoomaa hojjetanii maallaqa baankiitti kuusuufiin hambaa kaa’anii dhaloota ittaanuuf haa ta’u jedhu.

Nuti, Itoophiyaanonni yoo xiqqaatee xiqqaate ijoollee keenyaaf biqiltuu hurufaafi tulluuwwanirra dhaabuu qabna. Biqiltuun kun yoo xiqqaate, nyaata, qoricha, balaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu jalaa baraaramuuf nu gargaara. Biqiltuu dhaabuun qoricha dhaabuudha. Nyaata dhaabuudha. Miidhagina dhaabuudha. Bishaan humna guddaa qabuufi nu balleessuuf dhufutti daangaa gochuudha jedhan.

Kanaaf tokko tokkoon lammii Itoophiyaa dhiira dubartii, guddaa xiqqaa, barataa barsiisaa, qonnaan bulaa daldalaa, abbaan taayitaa… karaa qindaa’aafi ida’amaa ta’een hojjechuu qabna. Hojii biyyaalessaa ijoon tokko yoo jiraate biyya magariisa taate dhaloota ittaanu dhaalchisuudha. Dhimma kanarratti hundi keenya duuluufi hirmaachuu qabna jedhan.

Dhugaadha, mukkeen waggoota dhibbaaf turuuf dandeettii qabu. Kun seenaa tursiisuuf daran kan gargaaru waan ta’eef dhaloota ittaanuuf waantota barreeffamaafi bobbocaan keenyutu caala.

Biqlituu dhaabuu barsiifata godhachuu barbaachisa. Lammiileen Itoophiyaa irree walta’een biqiltuu dhaabuufi kunuunsuudhaan bu’uura badhaadhina Itoophiyaa akka kaa’anis dhaamaniiru.

Biqiltuuwwan danuu dhaabuu qabna. Kana barsiifata godhachuufi biyya keenya magariisa gochuu qabna. Yoo kana goone rakkoon roobaa nu hinmudatu. Yoo hanqinni bishaanii nu hinmudanne ciccitiinsi elektirikii nu hinmudatu. Facaasnee haammachuuf hinrakkannu.

Nyaata alaa galus asumatti guuttachuu dandeenya. Kanaaf ummanni Itoophiyaa biqiltuu faayidaa danuu qabu kana dhaabuuf otoo shaakalee nama gammachiisa. Ijoollee keenya waan gaarii akkanaa barsiisuun bu’aaqabeessaafi barbaachisaa ta’uusaatiin barsiifata ta’uus qaba jedhan.

Fulbaana booda biqiltuu amma dhaabne kunuunsuun haaluma kanaan ittifufa. Waggoota muraasa booda hojiin kun lammiilee Itoophiyaatiif aadaa ta’a. Oggaa ummata waan magariisa jaalatu ta’aa deemnu kun karaalee hundaan dinagdee keenya utubuuf ni fayyada jechuun kallattii ittaanuufi faayidaasaas ibsan. Matadureen duula ashaaraa magariisaa baranaas “Biyya dhaabdu, dhaloota waaressu” ta’uu eeran.

Dhimma bosonaafi isaan walqabataniin Xaaliyaaniitti dippiloomaa, qonna waliigalaatiin Kolleejii Qonnaa Jimmaarraa dippiloomaa, digrii jalqabaa Kolleejii Qonnaa Haramayaarraa (saayinsii biqiltuutiin), akkasumas dameedhuma walfakaatuun Awustiraaliyaatti kan baratan Hayyuun Yuubaa Dachaasaa Jiruus waa’ee ashaaraa magariisaa kanarratti turtii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin xiinxallii hayyummaa ittaanu kennaniiru.

“Biyyi keenya qilleensa namaaf, beeladaafi biqiltuuf mijatu qabdi. Dhimmi dhaabbiifi kunuunsa biqiltuu kun ammaan tana mataduree cimaa ta’ee sadarkaa mootummaafi ummataatti bal’inaan irratti hojjetamaa jiraachuun waan daran nama gammachiisuudha.

Biyyoota Afrikaa 54 keessaa Itoophiyaa qofatu haala qilleensaa sadan (baddaa, baddadareefi gammoojjii) of keessaa qaba. Kun biyyoota kaanii ol akka yaadnu nu taasisa. Oggaa waa’ee biqiltuu yaadnu biqiltuun biqilchaa jirru waantota hedduu of keessaa qabaachuu hubachuu qabna.

Kanaaf waanti ammaan tana hojjechaa jirru faayidaa olaanaa qaba. Akka ardiittis ta’e, addunyaatti bu’aa qaba. Biqiltuun ni dhaabama. Naannawa yeroo kana rooba argatanitti dhaabuun gaariidha. Iddoowwan lagaafi bishaan jallisii qabanitti ammoo dhaabbiin kun yeruma kamuu ittifufuu qaba.

Karaa kunuunsuutiinis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Namni baay’achuun kanaan walqabatee babal’ifannaa lafa qonnaatiin biqiltuun dhaabame kun ciramuu waan maluuf of eeggannaa gochuun daran barbaachisaadha. Biqiltuu kana bakka gaaddisa argatutti dhaabuu qabna. Bosona keessatti kanneen dulloomanii dadhaban keessaa dhabamsiisaafi bakka buusaa deemuunis barbaachisaadha.

Imaammanni ittifayyadama lafaas jiraachuu qaba. Biqiltuun dhaabamaa jiru rooba hammamii, biyyoo akkamiirra, haala qilleensaa akkamii barbaada jedhanii addaan baasanii dhaabuufi kunuunsuun barbaachisaadha.

Sigigaachuu lafaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota adda addaatti uumamaa jiruuf ka’umsi ciramuu bosonaafi jijjiiramuu qilleensaa waan ta’eef hojiin ashaaraa magarsiisaan eegalame kun kanaafis furmaata waan ta’eef cimee ittifufuu qaba. Hojii kana keessatti qindoominni dhimmamtoota waa’ee biyyoo qoratanii, meetiworolojii, daandii baasaniifi biqiltuu qopheessanfaas daran murteessaadha.

Lafti biqiltuun irra dhaabameefi dhaabamu tuttuqaa keemikaalotaarraas eegamuu qaba. Yoo kun ta’uu baate waanti itti dhama’amaa jiru dadhabbii qofa ta’a. Hojichi tokko ta’uufi qindoomina barbaada. Dhimma dhaabbiifi kunuunsa biqiltuu kanarratti hunduu karaalee aadaa, uumamaafi seeraatiin waliigaluu qaba. Aadaan, seerriifi saayinsiin walsimachuu qaba.

Biqiltuun bal’inaan dhaabamaa jiru erga bosonaa’ee booda sababa babal’ina magaalaafi qonnaatiin akka hinciramneef keessumaa magaalotatti dalga babal’achuurra manneen jalaa olee ijaaramuu qabu. Dhimmi ani ammaan tana irratti hojjetaa jiru waa’ee magaalaa baadiyyeessuu, baadiyyaa magaalessuurratti kan xiyyeeffateedha.

Qonni gamoowwanirratti eegalames jabaatee ittifufuu qaba. Kanarratti amala biqiltuufi haala qilleensaas addaan baafachuun barbaachisaadha. Lafa kana garmalee ittitaphannee balleessaa waan jirruuf kanarraa of qusachuun barbaachisaadha. Hojiin lafarratti hojjetamu kamuu qorannoodhaan deeggaramuu qaba.

Kanarraa qorattootaafi hayyoota damichaa akka koorraa hojii guddaatu eegama. Ragaa dhimma kanaan walqabatee fudhannurrattis of eeggannaa guddaa gochuu qabna. Hojiin dhaabbii biqiltuurratti eegalame kun of eeggannaa guddaa barbaada.

Namni addunyaa kaanirraa dhumee kan hafus biyyuma kanatti; waan qilleensishii mijataa ta’eef. Faranjooniyyuu kana ragaa bahu. Biyyi jennata jedhamtu Afrikaa keessatti argamti, ishiinis Itoophiyaa, bakkichis Bishooftuudha jedhamti jechuun kaasu. Kanarratti waliigalanii murteessaniiru. Kun nu jaalatanii kan dubbatan otoo hintaane dhugaa lafa jiruudha.

Bishooftuutti biqiltuun akaakuu kamuu ni biqila. Lafti Itoophiyaa kibbaas lafa raajiiti. Sombi addunyaa Amaazooniifi as jira. Kanaaf qabeenya kana eeguufi kunuunsuu qabna. Anis sichi kanarrattis xiyyeeffadheen hojjedha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 18 Bara 2016

Recommended For You