Zoonii dinagdee addaa Addis Tumooroo Finfinneetti

Finfinnee: Ijaarsi zoonii dinagdee addaa Addis Tumooroo bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti Roobii darbe jalqabame.

Zoonichi tumsa kaampaanii Chaayinaa ‘CCCC’n Finfineetti lafa heektaara 35 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, mooliiwwan guguddoo, appaartimantiiwwan jireenyaa, biirolee, dhaabbilee barnootaafi fayyaa akkasumas qaamolee bishaanii bashannanaa, jiddugaleessota ispoortiifaa of keessaa qaba.

Zooniin dinagdee addaa kun bifa magaalattii kan jijjiiru, dorgommii idiladdunyaa akka cimsattu, madda miidhagina dabalataa kan ta’u, jiraattotaaf carraa hojii guddaa kan uumu, daldala kan guddisu, jiddugaleessa gabaa idiladdunyaa guddaadha.

Akkasumas bu’uraalee misoomaa tajaajila hawaasummaa kennan kan ofkeessaa qabuufi yeroo gabaabaa keessatti xumuramee hojiitti akka galu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa Finfinneerraa argame nimul’isa.

Pirojektii Finfinnee, naannawa Gootaraatti ijaaramu kana kan jalqabsiisan Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad akka jedhanitti; mootummaan magaalattii haaressuufi abaaboo taasisuuf hojiiwwan misoomaa hedduu hojjechaa jira.

Kanaafis adeemsota sadii hordofaa kan jiru ta’uu eeranii, adeemsa kana keessaa kan jalqabaa hojiiwwaan misoomaa mootummaafi dhuunfaan waliin ta’uun hojjetan ta’uu himaniiru. Jiraattonni magaalattii hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran fayyadamuu qofa osoo hintaane abbummaan akka kununsaniifi eeganis hubachiisaniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You