Waliigalteen omisha hortiikaalcharii biyyoota miseensota Komeessaatti erguu dandeessisu mallatteeffamuun damichaaf abdiidha

Finfinnee: Waliigalteen omisihaalee Itoophiyaa sadii mosee (dinnicha), avokaadoofi shunkurtii biyyoota miseensotaa Komeessaatiif dhiyeessuu dandeessisu Ministeera Qonnaa, Komeessaafi Waldaa Omishtootaafi Ergitoota Hortiikaalcharii Itoophiyaa jidduutti Kibxata darbe kan mallatteeffame guddina damichaatiif abdii ta’uun ibsameera.

Ministeera Qonnaa bakka bu’uun waliigalticha kan mallatteessan gorsaan Ministir De’eetaa Qonnaafi Hortikaalcharii Pirofesar Alii Mahaammad akka jedhanitti, waliigaltichi caalaatti omishaalee eeraman kanneen biyyoota miseensota Komeessaafi biyyoota addunyaa kaan biraan ga’uu kan dandeessisuudha.

Komeessaan waldaa biyyoonni Afrikaa Bahaafi Kibbaa daldalaan walta’aniin waan ta’eef raawwatamuun waliigaltichaa gabaan omishaalee hortikaalcharii Itoophiyaa akka bal’atu taasisa jedhanii, waliigaltichi hariiroo gabaa waloo biyyoota miseensotaas daran kan cimsu ta’uus eeraniiru.

Waliigaltichi abbootiin qabeenyaa duunfaa omishaaleesaanii akka babal’isan kan gargaaru, deeggarsa maallaqaafi teknolojii akka argatan kan taasisu ta’uus eeraniii, keessumaa omishtoonni xixiqqoon humnasaanii akka cimsatan gargaara jedhaniiru.

Keessumaa hudhaalee gama galtee tursiisa omishaalee fa’iin mul’atan nifura jedhamee akka eegamus dubbataniiru.

Waliigalteen taasifame kun pirojektii waggaa sadii hanga shaniitti turu yoo ta’u, akka barbaachisummaafi haalasaatti ilaalamee kan haareffamu ta’a jedhan.

Raawwachiisaan Hojii Waldaa Omishtoota Hortiikaalcharii Itoophiyaa Obbo Tewodiroos Zawudee gamasaaniin Itoophiyaan biyyoota muraasa omisha hortiikaalchariif mijatoo ta’an keessaa tokko taatus sababoota adda addaatiin guddina barbaadamu kan hingalmeessine ta’uu eeraniiru. Kunis sababoota dhiyeessii lafaa, maallaqaafi loojistikii wajjin walqabatan ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen Komeessaa biyyoota 21 miseensummaan qabu wajjin taasifame muuxannoowwan adda addaa garana fiduuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Alergii bu’aalee hortiikaalcharii keessatti gumaachi Daandii Qilleensa Itoophiyaa olaanaa ta’uus ibsanii, qindoominni qaamolee kaaniis daran cimuu akka qabu dubbatan.

Raawwachiisaan hojii misooma hortiikaalcharii Obbo Abdallaa Nagaashis waliigalteen raawwatame hariiroo hirmaattota omishaa hanga gabaatti jiran cimsuun fayyadamummaa guddisa jedhan.

Raawwachiisaan hojii Komeessaa waliigalticha mallatteessan Doktar Joon Mukaakaas gamasaaniin dhaabbannisaanii hortiikaalchariirratti sona dabalee gabaaf dhiyeessuurratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Inisheetivoonni adda addaa kanneen akka avokaadoofaarratti keessumaa gama Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jiranis bakka guddaa kan qaban ta’uu hayyoonni waltajjicharratti dubbisne ibsaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You