“Rakkoo ofii ofiin furachuun gargaaramtummaaf akka harka hinkennine nu taasisa” – Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Taklamaariyaam

Komiishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Federaalaa hoggantootaafi ogeessota miidiyaafi kominikeeshinii Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaafi ministeerota gara garaaf torban darbe leenjii guyyaa lamaa Akkaadaamii Gahumsa Hoggansa Afrikaatti kenneera. Barreeffamoota ka’umsa marii leenjicharratti dhiyaataniirrattis marii bal’aan adeemsifameera.

Komishinarri komiishinichaa Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Taklamaariyaam akka jedhanitti, hoggansi hojii sodaa balaa dhimma nageenya biyyaalessaa, haqa hawaasaafi misooma waaraa waan ta’eef qaamoleen hundi irratti hirmaachuu qabu.

Wayita balaan uumamaas ta’e namtolchee mudatutti deeggarsa namoomaa taasisuudhaaf midhaaniifi fandiin ykn qarshiin dhimma kanaaf oolu kuufamee taa’uu qaba. Akkasumas aadaa walgargaarsa hawaasaa gabbisuun barbaachisaadha. Walgargaarsi hawaasaa deeggarsa namoomaa qaama kamiin taasifamu caalaa bu’a qabeessa ta’uus himaniiru.

Balaan yeroofi bakka kamittuu mudachuu danda’a. Balaa mudachuu malu salphisuuf, ittisuufi deebii hatattamaa kennuuf garuu dursinee qophaa’uu qabna. Wantoonni balaa uumuu danda’an baay’een waan jiraniif dursinee qophii barbaachisu taasisuu qabna.

Yoo qophii barbaachisu taasisuu baanne balaan mudatu miidhaa guddaa qaqqabsiisuu danda’a. Qophaa’ummaan karaa baay’ee ibsamuu danda’a. Akka nama dhuunfaa, hawaasaa, aanaa, godinaa, naannoofi biyyaatti qophii barbaachisu taasisuu qabna. Qophii barbaachisu taasisuun deebii balaatiif murteessaadha jedhu.

Balaa mudachuu maluuf qophii barbaachisu taasisuu dhabuun miidhaa hamaa nurraan gahuu danda’a. Komiishinichis balaa dursanii ittisuu, wayita balaan mudatutti ammoo lubbuu lammiilee baraaruu, nageenyasaanii mirkaneessuufi lammiilee sababa balaatiin miidhamaniif deeggarsa namoomaa taasisuudha.

Hojiin kun komishinicha qofa utuu hintaane qindoomina qaamolee maraa gaafata waan ta’eef dhaabbileen sadarkaa sadarkaan jiranis ittigaafatamummaa isaan irraa eegamu bahachuu qabu. Balaan utuu hinmudatin dursanii ittisuufi erga mudate booda ammoo deeggarsa namoomaa barbaachisu taasisuuf qophii barbaachisu taasisuu qabu.

Hojiin hoggansa soda balaa dhimma dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa hunda ilaallatu waan ta’eef hundumtuu qindoominaan irratti hojjechuu qaba. Hawaasnis bakka balaan mudachuu danda’a jedhamee ofeeggannoon duraa kennamerraa fagaachuu qaba.

Bakka balaan lolaa mudachuu malurratti mana ijaarratanii jiraachuun ofiitiin balaaf of saaxiluudha. Balaa dursanii ittisuun balaa mudachuu malu hir’isuu, ittisuufi miidhaasaa xiqqeessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qarshii ykn doolaara tokko balaa dursanii ittisuurratti invasti gochuun qarshii ykn doolaara 20 balaa booda ba’u kan baraaru ta’uu dubbatu.

Hawaasni bakka balaan itti mudachuu danda’a jedhamee dursee ofeeggachiisi kennamerraa akka fagaatu ykn gadhiisee akka deemu gochuun tooftaa balaa dursanii ittisuuti. Balaa mudachuu maluu dursanii ittisuun hojii dursa argachuu qabuudha.

Hojiin kun lubbuu qarshiin hinbitamneefi qabeenya badu baraaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Balaan erga mudatee booda qarshii guddaa baasii taasisuurra qarshii xiqqoo balaa dursanii ittisuuf baasuun lubbuufi qabeenya badiisarraa baraaruu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Qarshii xiqqoon balaa dursanii ittisuuf ba’u qarshii guddaa balaan erga mudatee booda ba’u hojii misoomaaf akka oolu taasisa. Dhaabbileen deeggartootaas balaa dursanii ittisuurratti utuu hintaane erga balaan mudatee booda nu deeggaruurratti xiyyeeffatu. Kun lubbuu baraaruu waan ta’eef akka rakkootti hinfudhannu. Ta’us balaa dursanii ittisuun dhimma xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamuu qabu waan ta’eef miidiyaaleenis asirratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.

Sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuun gargaaramtummaafi gargaarsa namoomaa jalaa ba’uuf gargaara. Gargaaramtummaan ilaacha ykn barmaata hamaa bilisummaa, birmadummaafi kabaja nama dhuunfaas ta’e biyyaa gad buusuudha.

Deeggarsi namoomaa nuuf taasifamu dhumee kadhaa ittaanuuf nu saaxila taanaan balaa guddaa qaba. Gargaaramtummaan miila lamaan akka hindhaabbanne nu taasisa waan ta’eef rakkoo keenya ofumaan furachuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waltajjiiwwan gara garaarratti jedhan waan nyaannuufi omishaalee ittifayyadamnu biyya keessatti omishuu qabna.

Gargaaramtummaan miira kaka’umsaan hojjechuufi kalaqaa ajjeesa. Kanaafuu ilaalchi eeggattummaafi gargaaramtummaa jijjiiramuu qaba. Qabeenya bishaanii, lafa qonnaa, haala qilleensaa mijataan badhaateefi humna omishaa guddaa utuu qabnuu gargaaramuun tasumaa nuuf hinmalu. Qabeenyawwan naannawaa keenya jiranitti fayyadamnee bonaafi ganna hojjechuudhaan gargaaramtummaa jalaa ba’uu qabna.

Hawaasni omishee wabii nyaatasaa hinmirkaneeffanne bilisummaa guutuu qaba jedhee dubbachuu hindanda’u. Biyyi gargaaramtummaafi deeggarsa namoomaan jiraattus birmadummaa, bilisummaafi kabaja hinqabdu. Deeggarsa namoomaa humna ofiitiin deebii kennuuf dursanii qophaa’uun barbaachisaadha.

Rakkoo keenya ofii keenyaan furachuuf qindoominaan hojjechuufi aadaa walgargaarsa keenyaa gabbifachuu qabna. Rakkoo ofii ofiin furachuun ilaacha eeggattummaa, gargaaramtummaafi dhibaa’ummaa dhabamsiisuun miira of danda’uufi cimanii hojjechuu gabbisuun akka harka hinkennanne nu taasisa.

Daa’immaniifi namoota sababa rakkoo fayyaa, umuriifi sababoota gara garaatiin deeggarsa namoomaa barbaadan gargaaruun barbaachisaadha. Rakkoo kan ta’e namoota utuu hojjetanii of jiraachisuufi jijjiiramuu danda’anii eeggattummaa, gargaaramtummaafi hiyyummaa jalatti kufanii jiraniidha. Kanaafuu namni hojjechuu danda’u hundi hojjetee gargaaramtummaa jalaa ba’uu qaba. Deeggarsi namoomaa namoota gargaarsi maluuf qofaaf ta’uu qaba jedhu.

Gargaaramtummaan bilisummaafi kabajaa keenya qofa utuu hintaane xiinsammuu keenyas ni miidha; haamilee keenyas ni ajjeesa. Lammiileen sababa balaa uumamaafi namtolcheetiin miidhaman akkasumas sagantaa seeftineetiitiin deeggaramaa jiran cimanii hojjetanii gargaaramtummaa jalaa ba’uu qabu. Namoonni utuu adda hinbaafamin sagantaa seeftineetiitiin deeggaramaa jiranis calalamuu qabu. Sagantaan maaddii guutuufi carraa hojii uumuu tooftaa ittiin gargaaramtummaa keessaa ba’an waan ta’eef cimee itti fufuu qaba jedhu.

Akka biyyaattis ta’e hawaasaatti bilisummaa, birmadummaafi kabajni keenya kan dhugoomu yoo fedhii deeggarsa namoomaa keenya ofumaan guuttanneefi rakkoo nu mudate ofumaan furanneedha. Wayita balaan umamaafi namtolcheen mudatutti fedhii deeggarsa namoomaa keenya ofumaan guuttachuuf dursinee midhaaniifi qarshii deeggarsa kanaaf oolu kuufachuu ykn ol kaa’achuu qabna. Akka biyyaatti midhaan kuntaala miliyoona shan deeggarsa namoomaaf kuufachuu qabna. Deeggarsa guyyaa guyyaan taasifamuuf midhaan kuntaala miliyoona 1.5 kuufachuu qabna.

Midhaan deeggarsaaf barbaachisu omishuuf ammoo lafa hektaara kuma 250 omishuun ga’aadha. Midhaan sababa kanaaf omishames walittiqabamee kuufamuu qaba. Midhaan kana omishuun qarshii midhaan deeggarsaa bituuf ba’u dachaa shaniin hir’isa. Deeggarsi namoomaa taasifamu kamiyyuu kan harka nu hinkennachiifneefi misooma keenya si’eessu ta’uu qaba. Deeggarsa namoomaa biyya alaa akka dabalataatti malee kan abdannuufi itti amannu ta’uu hinqabu.

Deeggarsi namoomaa gara gargaaramtummaa ittifufiinsa qabuutti ce’uu hinqabu. Akka nama dhuunfaa, maatii, hawaasaafi biyyaatti eeggattummaafi deeggarsa namoomaa jalaa ba’uuf qabeenyawwan uumamaa qabnutti fayyadamuun omishaafi omishtummaa keenya guddisuufi nageenya waaraa mirkaneessuurratti xiyyeeffannee hojjechuun dirqama.

Balaa uumamafi namtolchee yoomiyyuu jiraachuu waan danda’uuf namoota balaa kanaaf saaxilamaniif deeggarsa namoomaa taasisuuf midhaan ofeeggannoo gahaa kuufachuufi qarshii dhimma kanaaf oolu qusachuun barbaachisaadha. Akkasumas aadaa hawaasni waliisaa ittiin deeggaru gabbisuunis barbaachisaadha.

Miidiyaanis erga balaan uumamee ykn wayita balaan mudatutti qofa utuu hintaane ofeeggannoo balaa dursanii ittisuurrattis xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Hawaasnis odeeffannoo argate hojiirra oolchuun balaa dursanii ittisuuf qophii barbaachisu taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Aadde Salaamaawiit Kaasaa akka jedhanitti, rakkoolee numudatan ofii keenyaan furachuuf humna nama dhuunfaa, maatiifi hawaasaa cimsuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna.

Balaa uumamaafi namtolchee tasa mudatanis humna qabnuun furachuuf qophii ta’uun eeggattummaafi gargaarsa alaa jalaa ba’uu qabna.

Miidiyaanis dhimma balaa dursanii ittisuurratti hubannoo hawaasaa gabbisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Haala itti eeggattummaafi deeggarsa jalaa ba’uun danda’amuufi muuxannoo gama kanaan jiran qooduurratti xiyyeeffatanii ilaalcha hawaasaa jijjiiruurratti bal’inaan hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Sagantaan maaddii guutuu hojii wabii nyaataa maatii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, of danda’uun maatii walitti ida’amee biyya of dandeessu ijaaruuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Kaayyoon xumuraa hawaasni keenya ilaalcha eeggattummaafi gargaarsa jalaa bahee akka of danda’u taasisuudha. Of danda’anii jiraachuun kabaja namummaa ta’uus eeraniiru.

Of danda’ee jiraachuun humna kootii ol jedhanii yaaduun sirrii miti kan jedhan Aadde Salaamaawiit, kun jijjiiramee ilaalcha ani of nan danda’a jedhuun bakka bu’uu qaba. Kanaafuu miidiyaan ilaalcha kana jijjiiruurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You