Nageenya tiraafikii mirkaneessuun kutaalee magaalaa shan moodeela gochuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Nageenya tiraafikii mirkaneessuun kutaalee bulchiinsa magaalichaa shan moodeela gochuuf hojjechaa jiraachuu Waajjirri Geejjibaa Magaalaa Shaggar beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Yaasiin Ahmad wayita waajjirichi Kibxata darbe qooda fudhattoota wajjin waliigaltee hojii mallatteessetti akka jedhanitti, nageenya tiraafikii mirkaneessuudhaan magaalichi akka Oromiyaatti hojii fakkeenya qabu hojjechaa kan jiru ta’uus balaa tiraafikaa sadarkaa barbaadamutti gadi xiqqeessuuf gara fuulduraattis hojiileen hedduun hojjetamuu qabu.

Hojiileen misooma magaalaa hundi yoommuu hojjetaman akkaataa balaa tiraafikii hir’isanirratti ittiyaadamanii hojjetamuu akka qaban kan eeran Obbo Yaasiin magaalichi, magaalaa konkolaattotni hedduun keessa socho’an waan ta’eef iddoon dhaabbii konkolaataa qophaa’uu qaba jedhaniiru. Kanaafis waajjirichi qo’achiiseera.

Balaa tiraafikii %5n hir’isuuf waajjirichi karoorfatee hojjechaa jiraachuus himanii: milkaa’ina karoorichaatiif nama dhuunfaarraa eegalee qoodafudhattootni ittigaafatamummaasaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Waajjirichatti Daarektarri Nageenya Tiraafikii Obbo Gaashaawu Indaalaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, guyyaatti konkolaattota kuma 200 hanga kuma 300tu magaalicha keessa socho’a. Kanarraa kan ka’e carraan uumamuu balaa tiraafikii olaanaadha.

Hanqinni gahumsa konkolaachisaa, rakkooleen teknikii konkolaataa, naamusa to’attoota tiraafikiifi namooota lafoo deemaniin walqabatan, hanqinni bu’uraalee misooma daandii, daldalli daandiirratti gaggeeffamu, bobbaasiin seeraan alaa, umrii malee eeyyama konkolaachisummaa ragaa sobaa fayyadamuun fudhachuufi seera tiraafikiirratti hanqinni hubannoo hawaasa bira jirufaan magaalichatti sababoota uumamuu balaa tiraafikaati jedhan.

Balicha hir’isuuf wantoota balichaaf sababa ta’an kunneen teknolojiitti dhimma bahuun murteessaa waan ta’eef Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa waliin hojjechaa jirra jedhaniiru.

Kaantiibaa ittaanaan magaalichaa Obbo Guyyoo Galgaloo gamasaanitiin akka dubbatanitti, lubbuu namaa balaa tiraafikiitiin galaafatamaa jiru baraaruuf qaamoleen hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qabu. Manneen barnootaatti gumiin nageenya tiraafikii cimuu qaba.

Balaa tiraafikii hir’isuuf bu’uraalee misoomaa barbaachisan guutuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa hunda taasisuuf kutannoo kan qabu ta’uus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You