“Marichi dubartootaafi biyyaaf riqicha gara furmaata waaraatti ceessisuudha” – Hirmaattota Marii Biyyaalessaa

Dirree Dhawaa: Mariin biyyaalessaa waliigaltee biyyaalessaa fiduudhaan dubartootaafi biyyaaf riqicha gara furmaata waaraatti ceesisuudha jechuun dubartootni marii biyyaalessaa naannoo Harariifi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa irratti hirmaatan ibsan. Naannoo Harariifi Bulchiisa Magaalaa Dirree Dhawaatti mariin callallii ajandaa torbee lamaan darban gaggeeffameera.

Miseensi Mana Marii Mootummaa Naannoo Hararii Aadde Nabiilaa Mahaadii waltajjii marii calallii ajandaa Komishiniin Marii Biyyaalessaa qopheesserratti hirmaatan yaada dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa riqicha gara waliigaltee biyyaalessaatti ittiin ce’amuudha. Bu’aan marii kanaan argamu dubartootaafi biyyaafis daran murteessaadha.

Akka yaadasaaniitti, akka biyyaafi dhuufaatti aadaa marii qabaannus waan daganneef rakkoo keessa seenneerra. Haata’u garuu duubatti deebinee akka mariin bu’aa qabu hubannee gara mariitti dhufneerra. Adeemsa kanaan gara waliigaltee biyyaalessaatti dhufnee yoo biyya fooyyofte ijaaruu baanne jalqabarratti miidhamoon dubartootaafi daa’immani.

Dubartootni bu’uura dhalootaa ta’uus eeranii; akka dubartootni hinmiidhamneef bu’aa marii argamuun dubartootaafi biyya baraaruu qabna jedhaniiru. Dubartootni marii biyyaalessaarratti hirmaatan kennaa gara laafinaan hunda araarsuuf qaban fayyadamuufi yaada hunda walittifidu maddisiisuun dammaqinaan hirmaatanii ofiisaaniifi biyyasaanii baraaruu qabu jedhan.

Qaamoleen beekaniis ta’e utuu hinbeekiin maricharratti hinhirmaanne dhaloota baraaruuf qooda fudhachuu qabu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Yaalii komishinichi hundeeffamasaarraa kaasee hunda hirmaachisuuf taasisaa jiru akka quba qaban himanii; hawaasni dhimmicha gadfageenyaan akka hubatuuf afaanota garagaraatiin hiikamee hawaasa bira ga’uun milkaa’ina marichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Barsiistuu Bizuwarqi Nigaatuu barsiisota Hanaa Hakiim bakka bu’uun maricharratti hirmaatan akka jedhanitti, mariif taa’uun keenya mataansaa akka biyyaalessaatti waan waliif nugalchu waliin qopheeffachuuf %50 furmaatatti dhiyaachuu agarsiisa. Mariif taa’uun waan gaarii yaaduu ta’uus himanii; waan gaarii yaadnu keessatti amanamummaan hirmaachuudhaan furmaata ta’uuf gargaara jedhaniiru.

Marii gaggeeffamaa jiruun waliigalteen biyyaalessaa yoo dhufe fayyadamtooti dubartootaafi daa’immani. Ta’uu baannaan ammoo kan adda durummaan miidhamus isaanuma ta’uu himanii; dhalootaafi biyya baraaruuf marichi gumaacha olaanaa qaba jedhan. Kanaaf, dubartooti yaada furmaataa dhiyeessuudhaan akka hirmaatan gorsaniiru.

Dubartoota magaalaa Dirree Dhawaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiran Aadde Hiruut Kabbadaas akka jedhanitti; mariidhaan rakkoo biyyaa furuun biyyi ba’aan dirqama hawaasummaa dubartooti baatanii jiran akka salphistuuf dandeettii hora. Waliigalteen biyyaalessaa mariidhaan argamu dubartooti qaama seeraafi heera tumu keessatti hirmaachuun mirgasaanii akka kabachiifatan taasisa. Kanaaf, daandii furmaata dubartooti ittiin ce’aniidha jedhaniiru.

Shamarree Itaaganyi Baqqalaa Aanaa 01 irraa mariachi rakkoo dubartootaafi biyyaa addaa baasuuf carraa uumuufii dubbatti. Kanaaf, dubartootni bu’aa biyyaafi dhuunfaasaaniif jecha dammaqinaan hirmaachuu qabu jetti.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You