Naannoon Oromiyaa erga kaadaastara lafa baadiyyaafi magaalaa hojiirra oolchuu jalqabee waggoonni afur lakkaa’amaniiru. Kaadastarri lafa baadiyyaafi magaalaa kun sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuun rakkoolee lafaan walqabatan furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Magaalaan Adaamaafi Bishooftuu kaadastara lafa magaalaa hojiirra oolchuun moodelummaan eeramu. Gareen gaazexeessitootaa hoggantoota Biiroo Lafa Oromiyaan durfamu dhiyeenya kana raawwiin hojii kaadaastara lafaa magaalota lamaanitti maal akka fakkaatu daawwateera.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Lafa Oromiyaafi Ittigaafatamaan Damee Kaadaastaraa Obbo Damee Biraanuu akka jedhanitti, biirichi kaadaasatara lafa magaalaafi baadiyyaa hojiirra oolchaa jira.
Naannichi magaalota 800 ol kan qabu yoo ta’u, kaadaastarri lafa magaalaa magaalota 39 keessatti hojiirra oolaa jira. Magaalota kaadaastarri lafaa itti hojiirra oolaa jiru keessaa 23 naannoof kan ittiwaamaman yoo ta’u, 16 ammoo magaalaa godinaaleeti. Magaalota kunneenitti qabiyyee mirga qabu kuma 655 keessaa kuma 465f siistama keessa galee siistamaan bulaa jira. Kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuus eeraniiru.
Kaadaastarri cittuu lafaa seeraqabeessa taasisuun mirga abbaa qabiyyee lafaa mirkaneessuufi bal’inni qabiyyee lafaa sirriitti beeksisuun galii mootummaan lafarraa argachuu qabu karaa haqaqabeessa ta’een akka walittiqabamu taasisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu himanii, bara bajataa xumurametti lafarraa galiin qarshii biiliyoona 1.5 kan walittiqabamuu ibsaniiru.
Kaadaastarri sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun walittibu’iinsa daangaa, weerara, saamichaafi malaammaltummaa lafaan walqabatee mul’atu hir’isuu keessattis faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsanii, magaalonni siistama kaadaastaraa keessa galan sirna bulchiinsa lafaasaanii ammayyeessaafi itifayyadama lafaa mirkaneessaa jiru. Adaamaafi Bishooftuun hojiirra oolmaa kaadaastara lafaa dafanii xumuruun magaalota biroof fakkeenya gaarii ta’uus dubbataniiru.
Ittigaafatamaa Waajjira Lafa Magaalaa Adaamaa Obbo Lijaalam Shuggux akka jedhanitti, magaalattiitti rakkoolee walxaxoo lafaafi lafaan walqabatan furuuf heera biyyattii lakkoofsa 40/7 akkasumas labsii qabiyyee lafa magaalaa bulchuuf ba’e lakkoofsa 818/2006 bu’uura godhachuudhaan hojiin kaadaastaraa erga jalqabee waggaa afur ta’eera.
Kaadaastarri lafaa kaartaa mirga abbaa qabiyyee lafaa maanuwaaliirraa gara dijitaalaatti jijjiiruun rakkoo lafa tokkorratti kaartaa tokkoo ol ba’aa tureefi waldhabdee daangaan walqabatee ka’aa ture kan fure ta’uu himanii, magaalattiitti lafa mirga abbaa qabiyyummaa qabu kuma 92 gara siistama galchuuf karoorfamee hojjetamaa ture keessaa hanga ji’a darbeetti kaartaawwan kuma 80 ol gara siistamaatti galaniiru jedhan. Kaadaastarri dhimma tokkoon tokkoon cittuu lafaa lakkaa’anii dijitaalessuufi mirga abbaa qabiyyee lafaa gonfachiisuu waan ta’eef hojii ulfaataafi dadhabsiisaa ta’uus eeraniiru.
Kaadaastarri bulchiinsa lafaa ammayyeessuufi kenna tajaajila lafaa si’eessuuf kan gargaaru ta’uus dubbatanii, akkasumas saamicha, weeraraafi ijaarsa seeraan alaa hambisuu, malaammaltummaa lafaan walqabatee mul’atu hir’isuufi mirga abbaa qabiyyee lafaa mirkaneessuufi galii mootummaan lafarraa argatu guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Kaadaastara kanaan cittuun lafaa daangaa Magaalaa Adaamaa keessatti argamu kamuu galmaa’ee akka beekamu ta’uu himanii, qabiyyeen lafaa siistama keessa hinjirre kamuu seeraan ala waan ta’eef tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamaa tures kan ittifufu ta’uu ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, kaadaastarri siistama qabeenya lafaa bulchuuf akka biyyaatti misoomee hojiirra oolaa jiruudha. Hojiin kaadastaraa (sirna bulchiinsa lafaa dijitaalessuu) magaalattiitti bara 2013 irraa kaasee adeemsifamaa jira. Hojiin kaadaastara lafaa kun magaalattiitti dhuma bara bajataa 2016 xumuruun sirna bulchiinsa lafaa keenya gara dijitaalessuutti ce’eera.
Kanaan dura qabeenya lafaa madda dinagdee utuu hintaane madda rakkoo ture. Kaadaastarri kun rakkoolee bulchiinsaafi kenna tajaajila lafaan walqabatanii mul’achaa turan hundeerraa kan fureefi sirna ittifayyadamaasaas kan ammayyeesseedha.
Lafti madda rakkoorraa gara madda dinagdeetti akka ce’u taasisuudhaan komii ummanni kenna tajaajila lafaarratti qabu kan fure ta’uus ibsaniiru.
Kaadaastarri seeraan alummaa lafaan walqabatee raawwatamu hambisuudhaan galii lafarra argamu akka dabalu taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, kaadastarri mirga abbaa qabiyyee lafaa mirkaneessuun sirna tajaajila lafaa ammayyeessuu, galii magaalaa guddisuufi komii lafaan walqabatee mul’atu xiqqeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Ittigaafatamaa Waajjira Lafa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Mahammad Aliyyii akka jedhanitti, lafti qabeenya murtaa’aa ummanni bal’aan irraa fayyadamuudha. Qabeenya murtaa’aa kana seeraan bulchuufi irraa fayyadamuun dhaloota ittaanutti dabarsuun barbaachisaadha.
Sirna kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun qabeenya lafaa seeraan bulchuuf gargaara. Kaadaastarri saayinsii lafa ittiin bulchaniidha. Raawwii hanga dhuma bara bajataa 2016tti jiruun magaalattiitti cittuu lafaa mirga abbaa qabiyyummaa qabu kuma 41fi 744 gara siistamaatti galchuun danda’ameera. Bara bajataa darbe akka magaalaattiitti kaadaastara lafaarraa qarshii miliyoona kuma 400 ol kan argamuus himaniiru.
Bishooftuun magaalota Oromiyaa keessaa dursitee kaadaastara hojiirra oolchitee xumuruun fakkeenyummaa gaariin kan eeramtu ta’uu himanii, ogeessonniifi hojjettoonni waajjirichaa Sanbataafi Dilbata dabalatee halkaniifi guyyaa hojjechuudhaan hojii kaadastaraa kana milkeessuufi bulchiinsi magaalaas deeggarsa barbaachisu taasisaafii kan ture ta’uus eeraniiru.
Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa akka jedhanitti, kaadastarri qabeenya lafaa karaa saayinsaawaa ta’een akka bulchinuuf gargaara. Lafti qabeenya xiqqaa garuu ammoo baay’ee qaalii ta’eefi ummanni bal’aan tajaajila irraa argatu waan ta’eef rakkoolee lafaan walqabatan furuuf barbaachisaadha. Kaadaastara lafaa hojiirra oolchuun ammoo rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafaan walqabatan furuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Biiroon Lafa Oromiyaas lafa karaa saayinsaawaan bulchuuf kaadaastarri karaa qindaa’eefi ijaarameen hojiirra akka oolu taasiseera jedhanii, kaadaastara hojiirra oolchuun qisaasama, hannaafi saamicha lafaan walqabatu ittisuun bulchiinsa lafaa ammayyeessuufi kenna tajaajila lafaa si’eessuu kleessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Magaalattiitti kaadaastarri lafaa waggoota sadan darbaniif hojiirra oolaa turuu himanii, lafa magaalattii qabiyyee mirgaa qabu hunda gara siistamaatti galchuuf hojii bal’aan raawwatamaa tureera. Lafti siistama kaadaastaratti gales kaartaa dijitaalaa akka argatu ta’eera jedhan.
Hojiin kun qindoomina ogeessotaafi hoggantootaatiin hojjetamaa tureera. Raawwii hojii bara bajataa 2016tiin magaalattiitti qabiyyeen lafaa mirga qabu hundi gara siistamaatti akka galu ta’eera. Lafa magaalattiin qabdu hektaara kuma 62 ol keessaa lafti mirga abbaa qabiyyummaa qabu kuma 40fi 207 gara kaadastaraatti galeera jedhu.
Hojii kaadaastaraa kana milkeessuuf jalqaba hubannoo hoggansi, ogeessiifi ummanni kaadaastararratti qaban gabbisuun karoora baafannee gara hojiitti seenne kan jedhan Obbo Alamaayyoon, ummannis kaadaastarri faayidaa olaanaa akka qabu hubachuun ragaa lafaa qabu dhiyeeffatee galmaa’uun milkaa’ina hojichaatiif gumaacha olaanaa taasisuu ibsaniiru.
Hogantoonniifi ogeessonnis waajjira lafaas Sanbataafi Dilbata dabalatee halkanii guyyaa hojjechuudhaan milkaa’ina hojichaatiif gumaacha olaanaa taasisuus eeraniiru.
Kaadaastarri lafaa hojii beekumsarratti xiyyeeffachuun hojjetamu ta’uu himanii, hojii kaadaastara lafaa kana qindoominni olaanaa bulchiinsaafi ogeessota waajjira lafaa gidduu jiruun bara bajataa darbe xumuruun danda’ameera jedhan.
Kaadaastaarri lafaa rakkoo faayilli lafaa baduun walqabatee ture furuun abbaan mirga qabiyyee lafaa qabu kaartaa dijitaalaa akka argatuufi koodii kennameef fayyadamuudhaan mobaayilii harkasaarrattis ilaallachuu akka danda’u taasiseera jedhu.
Kanaan dura ragaa lafaa baafachuun rakkisaa, harkifataafi maallaqaan bitamaa turuu himanii, kanarraa ka’uun amanamummaafi abdiin ummanni nurraa qabu baay’ee gadi bu’aa ture jechuun ibsu. Kaadaastarri abbaan mirga qabiyyee lafaa qabu kaartaa dijitaalaa akka argatu taasisuudhaan rakkoo kenniinsa lafaan walqabatee ture furuun hawaasni waajjira lafaarraa amantaafi abdii cimaa akka qabaatu taasiseera jedhu.
Waajjiraalee kanaan dura hannaafi kiraa sassaabdummaan abaaramaa turan keessaa tokko waajjiraalee lafaa sadarkaan jiran ta’uu himanii, waajjirri yeroo ammaa rifoormiidhaan sadarkaa gaariirra jiruufi ummanni eebbisus waajjira lafaa ta’uu ibsaniiru.
Kana jechuun rakkoon lafaan walqabatee mul’atu guutummaatti furameera, balballi hannaas cuufameera jechuu waan hintaaneef ammayyuu qabsoo cimaa kan gaafatu ta’uu himaniiru.
Cittuu lafaa mirga abbaa qabiyyummaa lafaa qabu lakkaa’anii gara kaadastaraatti galchuufi kaartaa dijitaalaa akka argatu taasisuun hojii ulfaataa ta’uu himanii, hojii kaadaastaraa kanatti akka milkoofnuuf Biiroon Lafa Oromiyaas deeggarsa walirraa hincinne nuu taasiseera. Muuxannoo gama kanaan arganne daran babal’isuufi haqinaalee turan ammoo guutuun gara fuulduraatti hojii caalu raawwachuuf kutannoo cimaan hojjechaa jira jedhan.
Karoora bara 2017tiin lafa magaalattiin qabdu hunda guutummaatti kaadaastaratti galchuun qabiyyee itti horuuf irratti hojjechaa jiraachuu himanii, kaadaastarri lafa seeraan akka bulchinu taasisuun misooma si’eessuu keessattis gahee olaanaa qaba. Abjuufi mul’anni keenya rakkoo kenna tajaajilaa lafaan walqabatee ummata dararaa ture hambisuun ittiquufiinsaafi amanamummaa ummanni nurraa qabu akka dabalu taasisuudha jedhu.
Obbo Rabbirraa Ifaa Magaalaa Bishooftuu, Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu, Aanaa Horaa jiraatu. Akka isaan jedhanitti, kaadaastarri hojiirra ooluun kenniinsi tajaajilaa waajjira lafaa daran fooyya’eera.
Kaartaa dijitaalaa qabiyyee lafasaanii torban tokko keessatti kan argatan ta’uufi kaartaan dijitaalaa kun rakkoo faayilli lafaa baduufi deddeebi’uu furuun tajaajila si’ataa akka argannu nu taasiseera. Kaartaan dijitaalaa koodii kennameef fayyadamuun ‘online’ akka argannu nu gargaareera jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016