Konkolaachistootni omisha fe’an iddoo tokko qofatti kaffaltii raawwatu

Finfinnee: Konkolaachistootni omisha fe’anii iddoo tokkoo gara biraa geessan bakka omishicha fe’anitti qofa kaffaluu kan qaban ta’uu Biiroon Galiiwwan Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Lammeessaa Ayyalaa ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, konkolaachistoota kanneenirraa galii kan sassaabu aanaa ykn bulchiinsa magaalaa omishni keessaa fe’amuudha.

Maallaqni sassaabamu kun galii mana qopheessaati. Galiin mana qopheessaammoo maalirraa, hangam sassaabamuu akka qabu kan murteessu mana marii aanaa ykn bulchiinsa magaalotaati. Maallaqa haala kanaan murtaa’ee sassaabamuuf Biiroon Galiiwwanii Oromiyaaa beekamtii kennuu malee murteessuuf mirga hinqabu jedhan.

Haa ta’u malee, konkolaachistootni oggaa magaalaa ykn aanaa tokko keessaa omisha fe’an daandii magaalaa ykn aanaa sanaa waan fayyadamaniif daandichi ammoo waan miidhamuuf daandicha suphuufi qulqulleessuuf bajata waan isaan barbaachisuuf magaalotni ykn aanaaleen konkolaachistootarraa maallaqa nisassaabu.

Konkolaachistootni oggaa fe’iisa tokko fe’anii ba’an hammam kaffaluu akka qabanis murtoodhuma magaalonni ykn aanaaleen murteessaniifi akaakuu omisha isaan fe’anirratti hundaa’a jedhaniiru. Kanaanis fe’iisa tokkotti si’a lamaafi isaa ol kaffalchiisuun yakka ta’uus ibsaniiru. Hammi kaffaltii gaafatamuus madaalawaa ykn yoo guddate qarshii kuma lama kan hincaalle ta’uu ibsaniiru.

Omisha tokkotti magaalonni ykn aanaaleen gatii kottee jedhanii si’a lamaafi isaa ol nu kaffalchiisaa jiru jechuun konkolaachistootni komii dhiyeeffatanii turuu kan yaadachiisan Obbo Lammeessaan, konkolaachistootni magaalota ykn aanaalee keessa darban hundatti kaffaltii akka hingaafatamneef nagayee al tokko ittikaffalan agarsiisanii qofa darbuu akka danda’anis eeraniiru.

Jette jetteen Oromiyaatti kaffaltiin kottee humnaa olii qormaata ta’eera jechuun hafarfamaa ture guutummaatti odeeffannoo dhugaarraa fagaateedha jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You