Komii jiraattonni Magaalaa Shaggar daballii taarifa geejjibaarratti qaban

Finfinnee: Jiraattotni Magaalaa Shaggar daballiin taarifa geejjibaa tibbana taasifame haala ummatni keessa jiru giddugaleessa kan hintaasifanneedha jechuun komatan.

Jiraattotni kunniin yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, barana qofa magaalichatti kan konkolaachistootni seeraan ala dabalan malee murtoo mootummaatiin yeroo lama fooyyessi taasifameera jedhaniiru.

Jiraataa Magaalaa Sulultaafi daldalaan aannanii Obbo Xibabuu Warquu akka jedhanitti, ji’a Waxabajjii keessa gatiin taarifa taaksii Sulultaa-Finfinnee qarshii 40 ture. Ji’a kana keessa garuu altokkotti qarshii10 dabaluun qarshii 50 ta’e.

Iddoo jiraatanii gara daandii asfaaltiitti ba’uuf daandii cirrachaarra bajaajii kan fayyadaman ta’uu kan ibsan daldalaan kun, taarifni bajaajiis kan duraan qarshii 20 ture qarshii 30 ta’eera jedhan.

Haaluma walfakkaatuun, jiraataan Kutaa Magaalaa Burraayyuufi daldalaan shaqaxaa Obbo Girmaa Guutaas meeshaalee xixinnaa harkatti qabataman otoo hinhafiin kaffaltii gaafatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akkuma gatiin taarifaa kiiloo meetiraan murtaa’u taaksii keessatti mi’oota xixiqqoo ilaalchisees murtoon mootummaa osoo jiraatee gaariidha kan jedhan komataan kun, utuma gatiin taarifaa dabalameefii jiruu waan konkolaachistootni kukkutanii fe’aniif karaa si’uma tokko kaffalanii imaluu qaban al lama ykn sadii bu’anii taaksii qabachuuf dirqamaa jirra jedhaniiru.

Konkolaachistootni taappeellaa magaalichaatiin socho’an baay’ee ta’anis sarara eeyyamameefiin ala waan deemaniif taaksii dhabuun karaarra sa’aatiiwwan dheeraa turuun rakkachaa jirra kan jedhan Obbo Girmaan, bulchiinsi magaalichaa hordoffii cimaa gochuun tajaajilamaan yeroon ba’ee akka galu taasisuu qaba jechuun ibsu.

Ittigaafatamaan Waajjira Geejibaa Magaalaa Shaggar Obbo Yaasiin Ahmad gamasaaniitiin akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa konkolaataa gatiin isperpaartiiwwan konkolaataa dabalaa waan jiruuf taarifni dabaluu qaba gaaffii jedhu irra deddeebiidhaan dhiyeessuusaaniirraa kan ka’e Ejensiin Geejibaa Oromiyaa taarifa haaraa baasuu ibsaniiru.

Akka taarifa haaraa kanaattis daandii asfaaltiirratti taarifni taaksii kiiloomeetira tokkorratti qarshii lamaafi saantima 40, bajaajiirratti daandii asfaaltiirratti kiiloomeetira tokkorratti qarshii lamaafi saantima 50, daandii cirrachaarrattimmoo qarshii 2.6 dabaleera jedhan.

Taarifa sirrate kanaan ala konkolaachistootni imaltootarratti akka hindaballeef qooda fudhattoota waliin ta’uun hordoffiifi to’annoon gadifageenyaan taasifamaa jiraachuus eeranii, konkolaachistootni ofisaaniif taarifa akka hindaballeefi seerota geejibaa biroo akka hincabsineef hojiin hubannoo cimsuufi warra seera darban adabuu xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kukkutanii fe’uun, humna fe’iisaa konkolaataatiin ol ykn darbaa fe’uun, iddoo dhaabuun hindanda’amne konkolaataa dhaabuu, taarifaan ala fe’uufi seerota geejibaa kanneen biroo darbuun kan argaman gorsuudhaan kanneen dhiifamni taasifameen ala konkolaachistootni kuma 393fi 475 adabamaniiru jedhan. Konkolaachistoota adabaman kunneenirraa qarshii miliyoona 179fi kuma 580 walittiqabuu ibsaniiru.

Baay’inni konkolaattota Shaggar keessa socho’anii guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu kan eeran Obbo Yaasiin, bara bajataa 2016 waajjirichi eeyyama konkolaachisaa haaraa kuma 35fi 692 kennuufi kuma 36fi 622 haaressuu himaniiru.

Akka ibsasaaniitti, hojiilee nageenya tiraafikii keessatti hojjetamaniin balaa tiraafikii bara bajataa 2015, 991 ture bara 2016tti gara 844tti gadi bu’us, lubbuun namaa waan balichaan darbaa jiruufi qabeenyis manca’uuf dhimmichi ammayyuu xiyyeeffannoofi qindoomina barbaada.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You