“Hojiin yeroo ammaa qonnarratti hojjatamaa jiru biyyattii gara sadarkaa ittaanuutti kan ceesisuudha” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Jilli Pirezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu, Bishaan Gurraachaa hanga Kofaleetti, Kofalee hanga Hasaasaatti hojiiwwan misooma qonnaa hedduu dheengadda daawwateera.

Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa daawwannicharratti taasisaniiin akka jedhanitti, godinichi jijjiirama akka biyyaatti galmaa’aa jiru misoomaan utubuu keessatti gahee guddaa bahachaa jira.

Naannoon Oromiyaa waqtiilee misoomaa hundatti sirnaan fayyadamuun omishaafi omishtummaan akka dabalu taasisaa jiraachuu kaasanii, omishaalee sharafa alaa argamsiisan, inisheetivota qonnaa adda addaa hojiirra oolchuudhaan wabii nyaataa mirkaneessaniifi galii sharafa alaa argamsiisanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Omisha qonna gannaa baranaatiin lafa hektaara miliyoona 10.8 misoomsuuf hojjetamaa jiru keessaa hektaarri miliyoona 8.5 midhaanota akaakuuwwan garagaraatiin uwwifameera. Omisha waliigalaa kana keessaa lafti hektaara miliyoona 3.1 qamadiin misoomaa jiraachuu eeraniiru.

Damee qonnaarratti xiyyeeffannoo kennanii hojjechuun humni omishtummaa dabalaa dhufuu kan agarsiisu yoo ta’u, kunis waan qonnaan bulaan ofitti fudhatee hojjeteef ta’uu dubbataniiru.

Adeemsa amma mul’achaa jiruun cimnee hojjennaan biyya keenya tarree biyyoota guddatanii hiriirsuu bira darbee biyya akka addunyaatti sadarkaa duraa irratti argamtu gochuun akka danda’amu bu’aan mul’achaa jiru agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru.

Agarsiiftuu hojiilee kanneenii hundaa kan taate Godinni Arsii Lixaa humna misoomuun qabdu hundatti fayyadamtee imalicha milkeessuuf shoora olaanaa irraa eeggamu bahachuu akka qabdu dhaamamiiru.

Arsiin Lixaa Oromiyaafi Itoophiyaa utubuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu kan himan immoo Bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Hajji. Keessattuu omishtoota alergiif oolanirratti xiyyeeffannoon hojjachuudhaan rakkoo sharafa alaa biyyattii mudachaa jiru hir’isaa jiraachuus dubbataniiru.

Godinichatti lafti hektaara kuma 180 ta’u qamadii gannaatiin misoomaa jiraachuus himanii, midhaan alergii keessaa tokko kan ta’e boloqqeen lafa hektaara kuma 104 ta’urratti misoomaa jiraachuu dubbatu.

Godinichi omisha qonnaa qofaan osoo hintaane horsiisa looniitiinis kan beekamu yoo ta’u, godinichatti namni dhuunfaa hanga loon 400 qabu kan jiru ta’uu ibsu.

Baay’inaan qofa osoo hintaane horsiisa loonii bifa ammayyaatiin diqaaloomsuurratti xiyyeeffachuun bu’aa loonirraa argamu dabaluuf hojjachaa jiraachuus dubbataniiru.

Sochii hanga ammaatti jiruun gama horsiisa loonii bifa ammayyaatiin diqaaloomsuutiin godinichi dhibbantaan 19 irra jira jedhan.

Gama omisha bunaatiinis kanaan dura aanaan tokko qofti omishaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa gara aanaalee sadiitti babal’isaa jiraachuus ibsaniiru.

Jilli hojiilee misooma Qonnaa Arsii Lixaa daawwachaa ture kun kaleessarraa eegalee Godina Arsiifi Godinaalee Oromiyaa bahaatti ce’uun daaww’annaasaa ittifufeera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You