Heerichaafi jaarmiyaalee heerichaa kabajuu nageenya waaraaf

Itoophiyaafi ummannishii seenaasaanii dhufaa darbaatti walwaraansa mankaraaressitoonni seeraafi heeraaf abboomuufi kabajuu dhabuurraa maddeen uumaniin waldiigaafi waldeegsaa, walmadeessaafi walajjeesaa akka qocaa tirachaa har’a ga’ameera.

Waraanni waggoota lama dura Itoophiyaa kaabaa, Naannoo Tigraayitti adeemsifamee labbuu marartuu kumoota hedduu galaafate, qaama hir’iseefi qabeenya biyyattii daran guddaa ta’e barbadeessee darbe kanaaf fakkeenya ho’aadha.

Maddi waraanichaa heeraafi seera biyyattiitiif abboomamuufi kabajuu dhabuu ABUT. Dhaabni siyaasaa umriidhaan waggoota dheeraa lakkoofsise kun ‘filannoo’ heera Itoophiyaatiin fudhatama hinarganne geggeessuun tuffii heeraafi jaarmiyaalee heeraatiif qabu ifatti agarsiiseera.

Diddaa dhaaba siyaasaa kanaatiin ummanni Naannoo Tigraayis ummanni Itoophiyaa kaan aarsaa hinmalle kaffalanis dhumarratti galanni kallattii mootummaan Federaalaa kaa’eefi waliigaltee Piriitooriyaaf haa ta’uutii waraanni barbadeessaan sun akka dhaabatu ta’eera, ummanniifi biyyis hanga tokko boqonnaa argataniiru.

Dogoggorasaarraa barachuu kan hindandeenye murni kun haaluma isa duraatiin walfakkeenya qabuun tibbanas dogggora biyyaafi ummata gidiraaf saaxiluun heeraafi qajeelfama jaarmiyaa heerichaan hundaa’een kenname cabsuun ‘walga’ii’ taa’aa jira.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (‘PhD’) dhimma kana ilaalchisuun, “Seerriifi sirni nama, jaarmiyaa, sochii siyaasaa, murnaafi tuuta kamuu oli. Isaan kunniin hundi seeraafi sirnaa gadi. Biyyi golee addunyaa kamittuu argamtu kan hogganu seeraafi sirnaani. Sochiin siyaasaa seeraafi sirna kabajee hinsochoone kamuu maniinsaa dhumaa badiidha” jedhan.

Dhugaadha, amalli rincicummaa ABUT irraa waggoota darbanitti mul’achaa tures kanaaf agarsiistuu gaariidha.

Waliigalteen Piriitooriyaa ABUT irra deddeebiin akka dahannootti kaasus hojmaata dhaabbilee federaalaa, seerotaafi adeemsawwan sirriitti kabajuu akka qabu kan dirqisiisuudha.

Dirqama duraan seene maddiitti dhiibaa kan dhufe ABUT har’a haala qabatamaadhaan diigeera. Gochisaa kunis ifa nageenyaa ummanni Tigraay dhamdhachuu jalqabe akka deebisanii dukkaneessuutti kan lakkaa’amuudha.

Al tokko, lama dogoggoruun waanuma jiruufi tureedha. Karuma walfakkaatuun yeroo sadaffaaf dogoggora raawwachuun garuu dhumnisaa karaa badiiti. Kanaafis ittigaafamaa qofagaleessis matumasaa ta’a.

Ka’umsiifi ga’umsi Waliigaltee Piriitooriyaa heerichaafi jaarmiyaa heerichaa kabajuudha. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sababa ABUT sochii fincilaafi humnaa keessatti hirmaateef galmeerraa haqamee tureef bu’uura labsii fooyya’e lakkoofsa 1332/2016 keeyyata 2 (1)n waraqaa ragaa galmeessaa kenneerra. Paartiichi walga’ii ta’uuf guyyoota 21 dursee boordichatti akka beeksisus kallattii kaa’eera.

Oggaa Waliigalteen Piitooriyaa raawwatamu dirqamni Mootummaan Federaalaa seene bu’uuta waliigaltichaa keeyyata 7 (2) (C)n moggaasni shororkeessummaa ABUT akka ka’uuf haala mijeessuudha.

Kanaa achi dirqamni mootummaan federaalaa qaamni seerummaa ABUT akka deebi’uuf fudhate jiraachuu baatus hanga irraa eegamuu ol boordii filannoofi dhaabbaticha wajjin mariiwwan adda addaa taasiseera.

Kanaafuu ABUTs seera galmeessa paartiilee siyaasaa biyyattiifi aangoo boordii filannoo kabajuuf dirqama qaba. Kana bira darbees ajandaan hundaa heerichaafi dhaabbilee heerichaa kabajaafi abboomamaafii nageenya waraaraa mirkaneessuufi misooma ta’uu qaba.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You