Harariitti dhaabbileen daldalaa fooyyessa dinagdee gooroo sababeeffachuun gatii dabalan 63 saamsaman

Harar: Dhaabbileen daldalaa fooyyessa dinagdee gooroo sababeeffachuun gatii seeraan ala dabalan 63 saamsamuu Ejansiin Misooma Daldalaa Mootummaa Naannoo Hararii ibse.

Ejansichatti daarektarri galmeessa, eyyama daldalaafi to’annoo Obbo Miliyoon Tsiggee ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, dhaabbilee daldalaa fooyyessa diinagdee gooroo sababeeffachuun gatii omishaalee dabalan 63 saamsamaniiru. Daldaltooti 10 ammoo to’annoo seeraa jala oluun himanni banamaa jira. Daldaltoota 443f akeekkachiisni kennameera.

To’annoofi hordoffii qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetameen tarkaanfii barbaachisaan fudhatamuun to’achuun danda’ameera jedhan.

Akka ibsasaaniitti, utuu gara tarkaanfii fudhachuutti hingaliin torbee torbeen hordoffiifi to’annoon daladaltoota seeraan ala gatii dabalaniin walqabatee qaamolee dhimmichi ilaallatu, shammattoota kuma ja’aafi 730, daldaltoota kuma tokkoofi 782, hoggantoota naannichaa 110, qaamolee qooda fudhattoota 102, akkasumas miidiyaalee saddeet waliin mari’achuus ibsaniiru.

Erga hubannoon uumamee booda humna raawwachiisaa alseerummaa kana hordofu akka naannootti hundeessuudhaan torbee torbeedhaan odeeffannoo gatii gabaa sassaabuudhaan gatii daldaltooti ulaasaaniirratti maxxansan waliin madaaluudhaan to’annoofi hordoffii bal’aan taasifamuus eeraniiru.

Dhaabbileen daldala ejansichaan saamsamanis ta’e banaman hanqinni omishaa akka hinmudanneef ta’uu Obbo Miliyoon ibsanii, waliigalaan hanga ammaatti naannichatti fooyyessa dinagdee gooroo sababeeffachuun daldaltoota seeraan ala gatii dabalan to’achuuf dhaabbilee kuma afuriifi 287 irratti hordoffiifi to’annoon taaifameera jedhan.

Hordoffiifi to’annoo taasifameenis gatiin omishaalee daldala seeraan alaan garmalee qaala’ee ture gadbu’aa jira. Haaluma kanaan gatiin shukkaara kuntaala tokkoo qarshii kuma 12 ga’ee ture gara qarshii kuma 10fi 800, zayitii abbaa liitira shaniirratti garaagarummaan qarshii 70, abbaa leetira 20 ammoo adda adda addummaan hanga qarshii 500 mul’ateera jechuun ibsan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You