Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiluuwwan miliyoona 600tu dhaabama

Finfinnee: “Hagayya 17/2016 guyyaa tokkotti biqiluuwwan miliyoona 600 dhaabuudhaan ashaaraa keenya haa keewwannu. Guutummaa Itoophiyaatti qalbii tokkoon ashaaraa keenya haa keewwannu.

Yoo tokko taane kana caalaayyuu ni dandeenya! Gaheessonni biqiltuuwwan 20 ol, gaammeewwan immoo 10 ol dhaabuudhaan jaalala biyyaaf qabnu, kennaa dhalootaaf qabnu bakka malutti haa mul’ifnu” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (‘PhD’) ergaa kaleessa dabarsaniin.

Oduudhuma walqabateen dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti barana gaggeeffamuuf ilaalchisee qophiin dhaabbicha gaggeessuu dandeessisu taasifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti, Hojiraawwachiisaa Olaanaan Damee Misooma, Eegumsaafi Fayyadamaa Qabeenya Umamaa Obbo Faanosee Mokonnon ibsa Roobee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti gaggeeffamu baranaaf qophii barbaachisaan taasifameera. Guyyaadhuma kanatti Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti maqaa Itoophiyaa galmeessisuuf dhaabbiin biqiltuu miliyoona 150 bifa addaatiin akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Duulli dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti barana gaggeeffamu haalota lamaan kan raawwatamu yoo ta’u, inni jalqabaa dhaabbii biqiltuu lammiileen hundi lammummaasaaniin ittihirmaachuun sadarkaa raawwii akka biyyaatti galmaa’e (miliyoona 566 irraa) guddisuuf taasifamuudha.

Lammaffaan dhaabbii biqilaa Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti qabamee jiru biqiltuu miliyoona 150 guyyaa tokkotti dhaabuun maqaa Itoophiyaa galmicharratti waamsisuuf kan dhaabamu ta’uu himanii, dhaabbiin biqilaa guyyaa tokkotti barana gaggeeffamu waantota baay’eetu adda taasisa jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti qabamee jiru fooyyessuun maqaa Itoophiyaa galmicharratti galmeessisuuf bakki dhaabbii biqiltuu filatamee kaartaafi namni lakkaa’us ramadamee qophaa’uun adda taasisa. Bara darbe kaartaan qophaa’eefii biqiltuun dhaabame lafa heektaara kuma 300 irraa dachaa sadiin guddatee hektaara kuma 900tti guddachuun dhaabbii baranaa adda taasisa jedhaniiru.

Ji’a Amajjiirraa eegalee tajaajila lammummaatiin misoomni sululaa wayita hojiirra ooletti boolli biqilootni iittidhaabbaman ulaagaa saayinsiinsaa gaafatu guutee qophaa’uun lakkoofsi biqiloota qabatanii akka dabalu taasisa jedhan.

Dhaabbiin gaggeeffamu haala qabatamaa qilleensa naannawaa biqilootni dhaabbatanii bu’uura godhachuudhaan qophiin biqilaa taasifamee carraan qabannaa biqiltuu guddisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus Obbo Faanos eeraniiru.

Walumaagala dhaabbiin biqiltuu baranaa harki caalu biqiloota kuduraafi muduraa faayidaa hundagaleessa qabanirratti kan xiyyeeffatu ta’uunis barana qophiin addaa taasifamuu agarsiisa jedhan.

Barana biqililtuulee biliyoona 7.5 dhaabbiif qophaa’an keessaa hanga ammaatti biliyoona 6.5 ol dhaabamuu himanii, kan hafe hanga duulli dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ga’utti kan dhaabamuudha jedhaniiru. Guyyaa duula dhaabbii guyyaa tokkoo (Hagayya 17 bara 2016) hunduu ba’ee dirqama lammummaasaa ba’uun ashaaraasaa akka kaa’u waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You