Goobeefi Shinooyyee Oromiyaa guutuutti kabajuuf hojjetamaa jira

– Ayyaanonni kunniin Hagayya 13 irraa eegalee kabajamu

Finfinnee: Ayyaanota Goobeefi Shinooyyee kanaan dura naannawa murtaa’e qofatti kabajamaa turan Oromiyaa guutuutti babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa ibse.

Biirichatti ogeessi babal’ina Industirii Aartii Obbo Iskindir Ahmad ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kannaniin akka jedhanitti, ayyaanota Goobeefi Shinooyyee ummata Oromoo keessumaa jiddugala Oromiyaatti iddoo guddaa qabu kana akkaataa haala ijaarameen Oromiyaa guutuutti babal’isuun danda’amurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Ayyaanonni kunniin kan ummataa waan ta’aniif Dhaabbanni Piromoshinii Aartii Boraatii jedhamu kaka’umsumasaatiin waggoota muraasa dura eegaluus yaadachiisanii, ayyaanonni kunniin ayyaana shamarraniifi dargaggeessi Oromoo jaalalasaanii ittiin ibsatan waan ta’aniif akka ummanni bal’aan Oromoo hubatuufi sabichi ayyaana dargaggoonni kabajan akka qabu agarsiisuuf daran murteessaadha jedhan. Ayyaanonni kunniin ayyaanota akka ganni darbeen jalqabarratti kabajamuufi gammachuun ittiin ibsamu waan ta’eef waggaa afur dura haala daran miidhagaafi hawwataan ayyaanessuun jalqabame jedhan.

Ayyaanonni kunniin bara darberraa kaasee gara magaalotaafi godinaaleetti bal’achuun akka kabajamu taasifamuus ogeessichi eeranii, keessumaa magaalota Oromiyaa Roobee, Hoolota, Waliso, Bishooftuu, Mojoo, Shanoo, Amboo, caasaa duraan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jedhamaa tureefi Shaggar ammaatti ayyaannicha haala addaatiin qopheessuun bu’aa gaariin irraa arganneerra jedhan.

Godinaaleetti ammoo Shawaa Kaabaa, Iluu Abbaa Booriifi Shawaa Bahaatti akka kabajamuufi ayyaana kana keessatti ummanni Oromoo qooda akka fudhatuufi dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuuf shoora olaanaa qabaachuus ibsaniiru. Waan hojjechuu qabnu godinaaleef gadibuufneerra.

Baranas ayyaanota kanneen haala ho’aadhaan kabajuuf karoora addaa qabannee qophii keenya bal’inaan ittideemaa jirra kan jedhan Obbo Iskindir, Goobeefi Shinooyyeen gaafa ayyaana Taaboree ykn Ukee (Buhee) eegalee hanga Masqalaatti kan adeemsifamu ta’uus dubbataniiru. Ayyaanonni kunniin barana yoo xiqqaate godinaalee 10fi magaalota 15 keessatti ni kabajama jedhaniiru.

Ayyaanota addababa’ii kan ta’an Shinooyyeefi Goobeen agarsiisawwan nyaataa, sirboota, uffannaafi dhugaatii aadaa fa’iin dabaalamanii akka kabajaman beeksisaniiru.

Ayyaanni Shinooyyee moggaasa adda addaatiin naannawawwan Oromiyaa hundatti waan argamuuf duudhaasaa gadifageenyaan qorachuun Yuneeskootti akka galmaa’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uus ogeessichi eeraniiru.

Hirmaattonni ayyaanichaas gama hundaan haala duudhaa Oromoo calaqqisiisuun uffannaafi faaya aadaa duudhaa sabichaa sirriitti ibsuun miidhaganii, naamusasaa eeganii dhiyaachuu akka qabanis dhaamaniiru.

“Dargaggoonni waan abbootiisaaniirraa dhaalan sirnaan eeganii haala daaw’ataa biyya keessaafi diyaaspooraa hawwatuun agarsiisuufi dhaalchisuu qabu. Akkaataa qabannaa ulee, uffannaa, filaa ittisuuqqatuufi kkf irraa kaasee of eegannaa cimaan taasifamuu qaba. Haala ayyaanicha madda dinagdee ta’urrattis xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba” jedhan Obbo Iskindir.

Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonninis gamasaaniin, ayyaanonni Shonooyyeefi Goobee jala bultii birraatti kabajamuun walqabatee festivaala ji’a tokkoof turu akka adeemsifamu eeraniiru.

Ayyaanonni kunnniin keessumaa Oromoo Tuulamaa biratti haala ho’aafi miidhagina qabuun kabajama. Ayyaanichi yeroo dargaggoonni jala bultii birraatti kabajuuf hawwii guddaadhaan eeganiifi simataniidha jechuun ibsaniiru.

Goobeefi Shinooyyeen waggoota lamaan darbanitti Qaammee 5 kabajamaa ture. Barana ammoo karaa adda ta’een festivaala ji’a tokkoof turu adeemsisuudhaan Hagayya 12 bara 2016 irraa kaasee hanga Fulbaana 16 bara 2017tti kabajama jedhan. Festivaala kanarratti artistoota waliin qindomuudhaan guyyaa eeramerraa kaasee hanga jalabultii ayyaana Masqalaatti aanaalee godinichaa hundaafi naannawawwan kaanitti kan adeemsifamu ta’uus Aadde Meeroon eeraniiru.

Agarsiisa ji’a tokkoof turu kanarratti Shaggarirraa Laga Xaafoo Laga Daadhiifi Sulultaafaan akka hirmaataan himanii, milkaa’inaafi miidhagina ayyaanota kanneeniitiif haala uffannaa, faayeffannaafi kkf guuttatee argamuun hunduu akkuma kanaan duraa dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You