Finfinnee: Mootummaan iddoowwan oolmaa ispoortii guddattootaa babal’isuudhaan leenjii qaamaa guutuu Itoophiyaatti diriirsuudhaan dhaloonni haaraan ofti yeroo boqonnaasaanii bakka hintaane akka hinoolle gochaa jira.
Kanaafis ragaa kan ta’u Jiddugala Barumsaafi Leenjii Ispoortii Araat Kiiloo Finfinnee, Kutaa Magaalaa Araadaatti argamuudha.
Giddugalichi bara 1942 kan hundeeffame yoo ta’u, waggoota 74 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti daa’imman guddattootaafi dargaggoota hedduu horachuudhaan biyyaaf dargaggoota seenaan hinirraanfanne hojjetan horateera. Ammaan tanas barattoota boqonnaarra jiran dabalatee dargaggoota dameewwan ispoortii adda addaatiin leenjisaa jira.
Gaazeexaan Bariisaas kanumu bu’ureeffachuun dheengadda Ittigaafatamaa Jiddugaleessichaa Obbo Isaayyaas Wandimmaaganyahu kan dubbise yoo ta’u, yeroo boqonnaa barattootaa kanatti daa’imman waggaa ja’aarraa kaasee dargaggootaaf leenjii ispoortii akaakuuwwan adda addaa kennaa jiraachuu eeran.
Kaayyoo guddaan dargagoonni yeroo aaragalfannaasaanii bakka itti dabarsan qopheessuu yoo ta’u, maatiin ijoollees guddattoota fidanii barumsa qaamaafi iddoo itti dabarsan akka argatan gochuudha jedhan.Barsiisonniifi leenjistoonni giddugalichaas daa’immaniifi dargaggoota kanneen ispoortiin ijaaranii leenjii isaan barbaadan kennaafii jiraachuus eeraniiru.
Dargaggoonniifi guddattoonni yeroo gannaa kana akaakuuwwan ispoortii mana keessaa kanneen akka kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, kubbaa kachoo, buunyaa, teenisa miinjaalaa, baadimeentaniifi Jimnaastikiidhaan leenji’aa jiraachuus ittigaatamtichi beeksisaniiru.
Daa’imman guddattoonniifi dargaggoonni yeroo gannaafi bonaa giddugalichatti leenji’an eebbifamanii kilaboota adda addaatti ramadamuudhaan abdii biyyaa ta’aa jiraachuus kaasaniiru. Teenisa miinjalaatiin leenjii gannaa kanarratti otoo hirmaataa jiruu kan dubbisne Maatiyaas Yilmaa, “Umriin kiyya sagali, barataa kutaa 4ffaati. Bara darberraa kaasee leenjji ispoortii teenisa miinjalaa yeroo gannaa fudhachaan jira. Carraa kana argachuu koottis daran gammadeera. Obboleettii koo hangafa hordofeen leenjii yeroo gannaa kanarratti hirmaachaa jira” jedheera.
Hiruut Toomaas barattuu kutaa torbaaffaa yoo taatu, ispoortii jimnaastikii daran jaalattu hordofaa jiraachuu dubbatti. Dargaggoonni yeroo aaragalfannaasaanii keessumaa tibba gannaa kana akkumashii yeroosaanii ispoortiidhaan dabarsuu akka qaban gorsiti.
Dargaggoonnis ta’an guddattoonni yeroo boqonnaasaaniitti akaakuuwwan ispoorti gara garaatiin of ijaaraa deemuun fayyaasaaniifis ta’e guutummaa qaamasaaniif barbaachisaa waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuu akka qaban dhamteetti.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016