Cabiinsa barnootaa keessaa bahuuf; shoora barattoota qayyabachiisuu tola ooltummaa gannaatiin kennamanii

Yeroonsaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1859tti ture kan waraanni hamaan tokko biyyoota Awurooppaa Lixaa keessatti adeemsifamee lubbuu namoota hedduu dabarsuufi du’aa immoo awwaalcha malee irbaata allaattii taasisuusaatiin dhaabbanni gargaarsaa yeroo ammaa akka addunyaatti beekamaa ta’e tokko hundeeffamuusaatiif sababa kan ta’e.

Faransaayiifi Xaaliyaan garee tokko ta’uudhaan Ostiriyaarratti waraana bananiin akka yaadanitti Ostiriyaa salphaatti injifachuuf ture garuu carraan isaan waliin hinturre. Inumaayyuu haleellaan hineegamne biyya xiqqoofi qaroominaanis Faransaayinis ta’e Xaaliyaaniin hinmadaalamne, Ostiriyaarraa isaan mudateen lubbuun humnoota nageenyaa biyyoota sanaa akka baalaatti harca’eera.

Waraana hamaafi ulfaataa yeroo jalqabaatiif Awurooppaanota lixaa gidduutti taasifamee ture sanaan lubbuu hedduun harcaatee, miidhamaan yaala dhabeefi daandiirra ciisee dhiphatu qalbii namootaa cabsee hamilee buuse.

Rakkoo waraanaa ulfaataa ummata Awurooppaa gidduutti taasifameen lubbuu namaa akka baalaatti harcaatuufi nama waraanichaan madaa’ee yaala dhabee daandiirratti hiraaru kan arge dhalataan ardichaa, lammii biyya Siwizerlaandi Henerii Dunaa, dhimma dura imalaa tureef dhiisuudhaan lammiilee kanniin gargaaruuf murteeffate.

Loltoota garee Faransaayis ta’e kan Ostiriyaa warreen waraanichaan dhahamanii miidhaan irra qaqqabe hunda ija tokkoon ilaaluudhaan loogii tokko malee yaala argatanii lubbuunsaanis akka baraaramu taasisuu danda’e.

Iddoowwan waraana sanaan garmalee miidhaman keessaa ishee tokko kan taate mandara Solfaariinoo jedhamtu yemmuu taatu, Heneriinis hojiisaa tokko jedhee kan eegale mandaruma sanatti jiraattota mandarichaa hirmaachisuudhaan ture.

Hojii tola ooltummaa sanaan dura hinbaramne lammiilee waraanarratti miidhaman gargaaruun gara biyyasaatti kan deebi’e Heneriin, gara biyyatti galus gadadoon iddoo waraanichaatti argeefi namootni miidhamanii daandiirratti kufan sammuusaa keessaa bahuu didee hirriba isa dhorke.

Kanumarraa ka’uunis bara 1882tti kitaaba seenaa waraanichaafi miidhaa achirra ture hammate mataduree, ‘Yaadannoo Solfarino’ jedhamuun barreessee ummataaf dhiheesse. Kitaabichaanis loltoota yeroo waraanaatti miidhamuu danda’an bayyanachiisuu ilaalchisee yaadota sadii dhiheesse.

Yaadota Heneriin dhiheesse keessaa inni jalqabaa loltoota waraanarratti miidhaman hunda ija tokkoon kan ilaaluufi hundaafuu deeggarsa yaalaa kan taasisan waldaaleen tola ooltotaa biyyoota hundatti akka hundeeffaman kan taasisuudha.

Yaanni inni lammataa tola ooltota adda waraanaatti argamuudhaan loltoota gamaa gamanaa yaalii lubbuu baraaruu taasisaniif eegumsi akka taasifamuuf seerri biyyoolessaa akka ragga’uuf gan gaafatuudha.

Yaadni xumuraa tola ooltota hojii lubbuu baraaruu adda waraanaatti raawwatan kana miidhaa jalaa oolchuuf mallattoon biyyoolessaa tokko qophaa’uu akka qabu kan akeeku ture.

Akeeka kanaanis hojiin tola ooltummaa akka addunyaatti eegalamuu qofa osoo hintaane, dhagaan bu’uraa Heneriin Solfaarinoorratti kaa’e sun, hundaa’uu waldaa Fannoo Diimaatiif bu’uura ta’eera.

Yaada murtii inni kitaabasaa keessatti lafa kaa’erraa ka’amuudhaanis yeroo ammaa biyyootni hundi waldaa tola ooltotaa loltoota gamaa gamanaa waraanicha keessatti miidhaman ija tokkoofi loogii tokko malee tajaajiluun hojii baramaafi lubbuu namoota hedduus baraaraa jiruudha.

Hojiin tola oolaa lammii biyya Siwizerlaandiin eegalame kun boodderratti babal’achaa waldaaleen hedduu akka hundeeffaman qofa osoo hintaane, isaanis of jalatti miseensota tola ooltota miiliyoonatti lakka’aman horachaa sadarkaa har’a irra jirurra ga’eera.

Guyyaan tola ooltummaa akka addunyaatti Mudde 3 kabajamu waa’ee hojii fakkeenyummaa nama kanaa duubatti deebinee yaadannoof kan nu kakaasu qofa osoo hintaane, akka biyyaattis tola ooltota hedduu horachuuf kan nama gargaaruudha.

Waggoota muraasa darbanitti baratamaafi qaamolee hedduu hirmaachisuudhaan kan raawwatamu hojiin tola ooltummaa kun, keessattuu waqtii gannaatti bifa qindaa’een raawwatamaa jira.

Keessattuu barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti barachaa turaniifi gara dhaabbilee barnoota olaanaatti galuuf qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii firiisaanii eeggachaa jiran barattoota isaan booda jiran qayyabachiisuurratti waqtii gannaa tajaajila tola ooltummaa kana kan dabarsan ta’uu dubbatu.

Mana Barnoota Bultii Addaa Yunivarsitii Arsiitti barataa kutaa 12ffaa kan ta’e Dargaggoo Bilaal Qaasim, waqtii gannaa kanatti barattoota sadarkaa kutaa barnootaatiin isaa gadi jiran qayyabachiisuudhaan kan dabarsu ta’uu dubbata.

Yeroo ammaa barattootni qormaata kutaa 12ffaa fudhatan akka isaan kana duraatti qormaaticharratti firii gaarii galmeessisuu dadhabuunsaanii kan isa yaachisu ta’uu kan himu barataan kun, yoo haalichi furmaata hinarganne dhalootni duubaa dhufu barachuudhaaf hamilee gaarii hinqabaatu shakkiin jedhu kan isatti dhagahamu ta’uu ibsa.

Akka yaadasaatti; kufaatiin barattootaa waggoota muraasa kana keessatti akka malee dabale sababa maaliitiif akka ta’e qorannoo gahaa kan barbaadu ta’us, haalli kanaan dura barnootni itti kennamaa ture, haalli qormaataafi dandeettiin barsiisotaa rakkoo qabaachuun waan nama shakkisiisuu miti.

Kanaafuu, waqtii gannaa kanatti barattoota sadarkaa lammaffaa keessa barataniif barnoota deeggarsaafi sagantaalee qayyabannaa akaakuuwwan barnootaa filatamanirratti kennuuf hiriyyootakoo waliin qophoofneerra.

Hojiin tola ooltummaa hojii kanfaltiin hojjatamu caalaa boqonnaa sammuu kan namaa kennu ta’uu kan ibsu dargaggoon kun, erga hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaachuu eegalee barattoota qayyabachiisuu qofaa osoo hintaane, yeroo mara nama rakkate deeggaruufi nama miidhameef deeggarsa yaalaa duraa kennuun kan isa gammachiisu ta’uu hima.

Namoota harkaqal’eeyyiifi nama isaan deeggaru hinqabne adda baasuudhaan walqindeessinee maallaqa namootarraa walitti qabuudhaan akka isaan of gargaaran taasisuu, namoota dhibamanii nama yaalu waan hinqabneef mana yaalaa dhaquu dadhabaniifis ogeeyyota yaalaa hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaachisuudhaan akka isaan yaala barbaachisaa argataniif haala mijeessuun, maanguddoota humna hinqabneefi mana jireenyaa haaressuufi yeroo gannaatti immoo barattoota dhaabbilee mootummaa gara garaa irraa boqonnaaf gara maatiisaaniitti galan hirmaachisuudhaan barattoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa qo’achiisuun hojiiwwan tola ooltummaa baay’inaan godina keenyatti hojjatamaa turaniidha jedha.

Waggoota shanan darbaniif walitti aansee waqtiiwwan gannaatti hojii tola ooltummaarratti hirmaachaa jiraachuu kan himu Yunvarsitii Arsiitti barataa kutaa 12ffaa Mana Barnootaa Bultii Addaa Yunivarsitichaa kan ta’e Barataa Abdiisaa Habiib, Kaka’uumsi dargaggoonni hojii tola ooltummaarratti qaban yerorraa yerootti dabalaa jiraachuun caalaatti hamilee kan isatti hore ta’uu dubbata.

Akka yaada barataa kanaatti; namni tokko hojii tola ooltummaarratti kan hirmaatuuf boru achitti carraa hojii argadha jedhee yaadee ta’uu hinqabu. Garuu immoo akka carraa osoo inni achitti hojii tola ooltummaa tajaajilaa jiruu carraan argamee beeksisni yemmuu bahu garuu namni ulaagaa jedhame sana guutee argame carraa hojii argachuu qaba.

Kanaan alaa hojiin tola ooltummaa kan gammachuu qalbiifi sammuutiif hojjatamu malee kan kanfaltii yookiin bu’aa hinmalle argachuuf yaadamee hojjatamuu miti.

Walumaagalatti; hojiin kanfaltii namaa osoo hintaane, kan Rabbii barbaachaaf hojjatamu, kiisii guutuuf osoo hintaane boqonnaa sammuutiif hojjatamu tola ooltummaan, kaka’umsa namoota muraasaatiin eegalamee har’a miliyoonotaan hirmaachisuu danda’e kun cimee ittifufuu qaba.

Waggoota muraasaa as mootummaanis ji’oota gannaatti hojiiwwan tola ooltummaa gara garaa raawwachuu eegaluun kaka’uumsa gaariifi tajaajila tola ooltummaa kan dagaagsuudha.

Rakkoo firii qormaataa barattootaa kutaa 12ffaa irratti mudachaa jiru maqsuuf hojiin qayyabachiisuu barattoota manneen barnoota bultii addaa kun cimee ittifufuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016

Recommended For You