Finfinnee: Horsiise bultoota Booranaa hongeen loon jalaa fixee abdii kutataa turetu haala kanaan dura hinbaramneen omisha qamadiitiin abdii jiruusaanii deebisanii gabbifachaa jiru.
Lafa gogaafi hongeen irra deddeebiidhaan mudachuurraa kan ka’e akka lafa waraanni irratti gaggeeffameetti burkutaa’ee daaraan miilaa hanga sammuutti nama liqimsaa turetu yeroo ammaa qamadiifi xaafiin achirratti omishamaa jiru bosona nyaataa ta’ee dachee bareechaa jira.
Waggoota sadiin dura maqaan ‘Booranaa’ kaanaan takka, sirna Gadaasaatiin, hanga Oromoo ta’uusaafi kana birattis rakkoo ongee hamaadhaan miidhamee beelli namaafi loonii haala yaaddessaa keessa jiraachuu yemmuu ta’u, har’a garuu Booranni maqaa gaarii ittiin beekamu qabatee maqaa rakkoon ittifide ‘Hongee’ keessaa bahee omisha qonnaa si’ataa keessa jiraachuu tibbana yemmuu daawwannaadhaaf garasitti imalle hubanneerra.
Godina Booranaa, Aanaa Miyootti horsiisa looniitiin maqaa gaariifi dureessa kan turan Obbo Bazzuu Guyyoo, sababa hongee naannawa sanatti uumamee tureen jiruufi jireenyisaanii daran miidhamuu dubbatu.
Godinichatti uumamuu rakkoo hongeetiin dura loon 200 ol qabaachuu kan himan Obbo Bazzuun, hongeen uumamee ture garuu loon kanneen irra jireessa jalaa fixuu ibsu.
Akka yaadasaaniitti; loon 200 ol qaban keessaa hedduusaanii sababa hongee godinicha mudateen najalaa dhumanii yeroo ammaa kan mooratati hafan loon 30 qofa.
Haata’u malee qamadiin rooba arfaasaatiin yeroo jalqabaatiif omishaniin abdiin sababa hongeetiin jalaa haphachaa turte deebitee mul’achuu eegalteerti.
Yeroo jalqabaatiif omisha qamadii naannawa sanatti omishamuuf horsiise bultootni aanaa Miyoo 32 waldaan gurmaa’uun lafa hektaara 35 irratti qamadii omishneerra. Bu’aa bara jalqabaa argannerraa kaanee yeroo ammaa haala kanaan dura hinbaramneen horsiisee bulaan hundi gara omisha qonnaatti galaa jira jechuun dubbatu Obbo Bazzuun.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimmallis Abdiisaa wayita daawwannaa hojiilee misooma qonnaa godinaalee Oromiyaa Kibba Lixaatti taasisaa turan goolabanitti ergaa dabarsaniin, “Beekaan tokko Borana yemmuu ibsu, “Ummata murtoo yaa’ii” (people of the assembly) jechuuni. Boranni beekaa qaroomina bulchiinsaati; dhaloota sadarkaan Sirna Gadaa keessatti guddisuunsaa kanaafi. Boranni “ebelu qaroo, hagam? jennaan, haguma herrega ykn yaadasaa” jedhee mammaakuun asirraa ka’eeti.
Balbala Gadaa keessatti amanamummaafi qajeelina barsiisa. Kanaafuu, xiyyeeffannoofi maraarfannaa ummata ulfoo keenya kanaaf qabnu waadaa galleef amanamummaan raawwachuu akka qabnu amanna.
Bu’uuruma kanaan, Yaabeelloo, Dirree, Eelwayyeefi Moyyaaleetti argamuun inisheetivoota qamadii, horsiisa loon sanyii fooyya’aa marga beeyladaa, pirojektota Hidha Finnaafi buufata xayyaaraa Magaalaa Yaabeelloo daawwanneerra. Jalqabbiin sochii misooma horsiisa loonii sanyii fooyya’aa, nyaata beeyladaafi pirojektota hidha Finnaa sadarkaa jajjabeessaarratti argamus, jijjiirama qabatamaa dhugoomsuuf baay’inaafi ariitiin hojjechuun idileessuun dirqama ta’uu hubachiisuun barbaada jedhan.
Rakkoo hangee naannoo Gammoojjiitti irra deddeebiin mudatuun miidhaa qabeenya Beeyiladaarra gahu furuuf, akka Naannoo Oromiyaatti Inisheetiivii Misooma Margaan lafa hektaara miiliyoona 6.3 ol irratti margi misoomaa jiraachuu kan himan Obbo Shimallis, nyaata beeyladaafi bishaan irratti xiyyeeffannoon yoo hojjetame rakkoo hawaasa horsiisee bulaa furuun akka danda’amus ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas wabii midhaan nyaataa hawaasa godinaalee Gammoojjii Oromiyaa mirkaneessuuf, humna bishaan bulchu Finnaa ijaaruun Bishaan kuusuufi Sanyii midhaanii rooba xiqqoon omisha kennuu danda’urratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa, naannichatti pirojektota Finnaa 73 hojjatamaa jiran keessaa 22 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu himan.
Kanneen hafanis harka 70 irra gahuu eeranii, pirojektonni kunneen oggaa guutummaatti xumuraman bishaan meetir kuubii miliyoona 80 qabachuu akka danda’an dubbataniiru.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo gamasaaniin, godinichatti Pirojektoota Finnaa 18 birrii biliyoona 32’n hojjatamaa jiran keessaa 12 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu himaniiru.
Godinichatti rakkoon nyaata looniifi bishaanii furamnaan hawaasni horsiisee bulaa hojjatee jijjiiramuuf kan hojjatu ta’uu kan eeran Obbo Abdusalaam, bara darbe pirojektota xumuramanii bishaan qabateen lafa misoomerraa callaa kuntaalli 180 argamuu himaniiru. Baranas lafti hektaarri 28 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomaa jiraachuus dubbataniiru.
Haalli godinichatti hawaasicha gara hojii kanaan dura hinbaramnee, omisha qonnaatti galchuu kun cimee ittifufnaan, ijaarsi projektota bishaaniis babal’annaan, kana booda Booranatti hongeen seenaa ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016