Guddina hawaas dinagdeefi siyaasaa magaalaa tokkoof murteessitoota ijoo ta’an keessaa hojiirra oolmaan teknolojii dijitaalaa isa tokko yoo ta’u, babal’achuu magaalaatiin walqabatee alseerummaafi hojmaanni badaanis kan hammaatu waan ta’eef hordoffii caasaalee nageenyaa cinatti ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa babal’achuun shoora olaanaa taphata.
Ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa babal’achuun miidhaginaafi guddina magaalaa si’eessuufi ammayyeessuu keessatti bakka olaanaa waan qabuuf yeroo ammaa akka biyyaatti xiyyeeffannoon kennameefii hojiin misooma magaalaa hojjetamaa jiru kan nama jajjabeessuudha.
Magaalaa guddoon Oromiyaa, Itoophiyaafi giddugala Gamtaa Afrikaa kan taate Finfinneen sinboon irraa badee, holqa hattuufi saamtuu darbees manneen seeraan alaa babal’achuun alseerummaafi yakki itti hammaachuun magaalaa fooliin ishii keessa nama hindabarsine turte.
Amma garuu mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee waaroon alseerummaa magaalattii golguun dulloomsee alseerummaaf ishee saaxilee ture irraa mulqamee hawwata turistii giddugala qalbiin namaa itti boqatu ta’aa jirti.
Magaalaan Adaamaas kallattii mootummaan jijjiiramaa kaa’e hordofuun bu’uuraalee misoomaa hawwatoo guutuun ittifayyadama teknolojii dijitaalaa babal’isuun alseerummaafi hojmaata badaa maqsaa giddugala hawaas dinagdeefi kenniinsi tajaajilaa si’ataafi saffisaan itti kennamu taasisuuf kutannaan hojiitti seenamee bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jira.
Gaazexaan Bariisaas sochiin Adaamaa magaalaa ammayyaa teknolojii dijitaalaatiin tajaajilli si’ataafi saffisaa ittikennamu taasisuuf hojjetamaa jiru maal fakkaata? isa jedhuuf Kantiibaa magaalattii Obbo Hayiluu Jaldee waliin gaafdeebii taasise akka armaan gadiitti dhiyaateeraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Adaamaa jijjiirama duraafi amma akkamiin ibsitu?
Obbo Hayiluu: Dhugaa dubbachuuf Adaamaan jijjiirama dura maqaa malee keessoonshee kan nyaatamte turte. Seenaanshee dheeraadha; gollishees onaadha.
Haata’u garuu mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee kallattii misooma magaalaa taa’e hordofuun magaalaa qulqulluu, miidhagduufi magariisa teknolojii dijitaalaatiin of geesseefi alseerummaafi hojmaanni badaan keessaa dhabamsiifame akka taatuuf hojii hojjetameen jijjiiramoonni tole nama jechisiisan galmaa’aa jiru.
Bariisaa: Gaaffiin jiraattota magaalaa Adaamaa ijoon maalidha akkamiinis deebi’aa jira?
Obbo Hayiluu: Gaaffiin jiraattota magaalaa Adaamaa ijoon bu’uuraalee misoomaan kan walqabatudha. Bu’uuraalee akka daandii, bishaan, ibsaa, teknolojii kanamalees nageenyi waaraan akka lafa qabatu kan bu’uureffateedha.
Bariisaa: Bu’uuraalee misoomaa gaafataman kanneen guutuuf kallattiin taa’eefi tarkaanfiin fudhatamee furmaanni argame maal fakkaata?
Obbo Hayiluu: Akka magaalaatti qorannoo gaggeessineerra. Hudhaalee numudatan gaaffii ummataa kana akkamiin furuu dandeenya jennee xiinxala hojjenneen hojiilee hunda mootummaaf dhiisuurra akka walootti humna maal qabna, maal gochuus dandeenya isa jedhuuf kallattii keenyeerra.
Haaluma kanaan kan humna qabu humnasaatiin kan beekumsa qabu beekumsaan kan maallaqa qabu maallaqaan misooma magaalaa cina akka dhaabatu waliigalteerra ga’amee hojiin misoomaa jajjabeessaan hojjetameera.
Bariisaa: Hojiileen misooma magaalaa Adaamaa humna waloo jiraattotaatiin hojjetaman maal fa’i?
Obbo Hayiluu: Hojiilee duula qulqullina magaalaa nageenya waloo eegsisuuf caasaa gaachana sirnaa ijaaruun keessatti hirmaachuu, mana murtii aadaa babal’isuun namni dubbiirraa hojiitti akka deebi’u gochuu, misoomawwan magaalaa mara keessatti humna qabaniin hirmaachuun murteessaa ta’uu waliigalamee hojiilee guguddoon hojjetamaniiru. Pirojektonni guguddoon yaadamanii hinbeekne kutannaafi hirmaannaa hawaasaatiin deeggarsa abbootii qabeenyaan milkaa’aniiru.
Bariisaa: Bu’uuraalee misoomaa tajaajila lammummaatiin milkaa’an mal fa’i? Maallaqaan wayita ibsaman hammam ta’a?
Obbo Hayiluu: Kan bara kanaa qofa fudhannee yoo ilaalle bu’uuraalee misoomaa garagaraa tajaajila lammummaatiin hojjetaman yoo ilaalle bajata mootummaan ramaduun kan walmadaaluudha jechuun nidanda’ama.
Barana qofa hojiin tajaajila lammummaatiin hojjetame tilmaama qarshii biliyoona 2.7 kan qaqqabu yoo ta’u, hojiileen misooma magaalittii ammayyeessan kanneen akka daandii, bishaan, ibsaa, paarkiiwwan, kaameeraa nageenyaa, gaabiyoonii ittisa lolaa, ashaaraa magariisaafi ijaarsi manneen barnootaa garagaraa raawwatamaniiru.
Bariisaa: Tajaajila lammummaatiin misoomni manneen barnootaa hedduu gaggeeffamaa turuu ni yaadatama. Manneen barnootaa maallaqa olaanaan ijaaraman jiruu?
Obbo Hayiluu: Mana barumsaa tokko ijaaruun maallaqa hedduu gaafata. Kun eenyumaafuu ifaadha. Haata’u garuu kutannaa abbootiin qabeenyaa tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa misoomsaa turan hedduu ta’anis akka magaalaatti abbaa qabeenyaa tokkoon manni barnootaa qarshiin miliyoona 54 itti ba’e ijaaramee tajaajilaaf ooleera.
Abbootiin qabeenyaa keenya maallaqasaanii caalaa magaalasaanii, lammiisaaniif kan yaadan ta’anii argamaa waan jiraniif qarshii miliyoonotaan lakkaa’aman baasanii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaggeessaa jiru. Kun kan jajjabeeffamuu qabuudha.
Bariisaa: Magaalaa tokko magaalaa ammayyaadha kan jechisiisu maali? Isa Adaamaaf guutuuf sochiin jiru maal fakkaata?
Obbo Hayiluu: Magaalaa tokko magaalaa ammayyaadha kan jechisiisu, qulqullina magaalattii, miidhaginashii misoomawwan magariisaafi bu’uuraaleen misoomaa teknolojiin deeggaraman guutamuun kan walqabatuudha.
Bariisaa: Imalli keessan magaalaa Adaamaa miidhagduu qulqulluu, magariituufi teknolojiin guutamte taasisuu erga ta’ee tarkaanfii gama kanaan fudhatameen bu’aan galmaa’e maal fakkaataree?
Obbo Hayiluu: Magaalaa qulqulluu hintaane keessummaaf miti warra manaafuu jibbisiistuudha. Kanumarraa ka’uun jijjiiramaa as xiyyeeffannoo kenninee daandii keessoo koobilistoonii ture gaara teeraazootti geeddarreerra.
Biqiltuu magariisaa dhaabuu, keessumaa jijjiirama haala qilleensaatiin dhufu kan ittisan darbees miidhaginaaf oolan nyaataafillee gargaaran guutummaa Adaamaafi manneen barnootaa keessatti misoomsuun magaalaa keenya miidhagsaa jirra.
Ilaalcha magaalaan madda rakkinaati jedhu maqsuun hawwata qalbii bakka aaragalfii akka taatuuf hojii jajjabeessaan hojjetameera.
Bariisaa: Misooma koriidariin walqabatee sochiin akka Adaamaatti jiru maal fakkaata?
Obbo Hayiluu: Misoomni koriidarii kallattii mootummaan kaa’e hordofuun fakkeenyummaa Finfinnee bu’uura taasifatee Adaamaa miidhagduu taasisuuf kutannoon hojiitti seenameera.
Jalqaba hubannoon hawaasaa gama kanaan laafaa ture duubarra garuu miidhagina misoomni koriidarii magaalaaf kennu ijaan arguu erga eegalanii itti gammadaa jiru.
Yeroo ammaattis ijaarsawwan hinmalle kaasnee Adaamaa miidhagduufi hunduu keessa bashannanu, teknolojii dijitaalaatiin deeggaramte bakka dargaggoonni aara ittigalfatan taasisuutti jirra.
Finifinnee dabalatee magaalota biyya keessaafi alaa wajjin hariiroo uumuun muuxannoo fudhachuun miidhagina magaalaa keenyaa qabatamaan mirkaneessuuf hojiitti jirra.
Dhimma yeroo yoo ta’een ala Adaamaa giddugala bashannanaa hoteelonni sadarkaasaanii eeggatan itti argaman, magaalaa fagoorraa nama simattu taasisuuf humna guutuun hojiitti seenneerra.
Ummanni keenya misooma koriidarii Finfinnee ijaan arge Adaamaanis bifuma walfakkaatuun hawwattuu akka taatuuf kaka’umsa guddaa agarsiisuun nuwaliin dhaabatanii hojjetaa jiru. Adaamaan miidhagdee teknolojiifi ashaaraa magariisaan faayamtee yeroon itti nama hawwattu fagoo miti.
Bariisaa: Yaaddoo magaalaa Adaamaa kan ture inni biraan rakkoo nageenyaati. Rakkoo kana guutummaatti furuuf tarkaanfii fudhatameefi jijjiirama galmaa’e akkamiin ibsitu?
Obbo Hayiluu: Ismaarti Adaamaa jennee yoo kaanu tika nageenyaa ismaartii kan of keessatti hammatedha. Magaalaan guddachaa deemuun walqabatee yakki walxaxaa bira gahamuu hindandeenye nu qoraa tureera. Hudhaa kana teknolojii ammayyaa babal’isuun salphisaafi to’ataa jirra.
Nageenyaan walqabatee caasaa nageenyaa qofaan kabachiisuuf yaaluun waan hindanda’amneef maallaqa guddaa baasuun sirna eegumsa nageenyaa ammayyaa lafa qabsiisuun sa’aa 24:00 hordoffii kaameeraa jala jirti.
Namni tokko magaalittiitti yakka uumee akka miliquu hindandeenyetti hordoffii taasisuun yakkoota hedduu to’achaa jirra.
Hanna, saamicha, balaa tiraafikii halkan qaqqabu, keessumaa wiirtuulee dhaabbilee guguddoo maallaqni keessa socho’utti hanni, burjaajiin akka hinuumamne sa’aatii 24:00’f qaxxisaan hordofamaa jirti.
Ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa kaameeraa kun erga Adaamaatti hojiirra oolee yakkoonni alseerummaa kanneen akka ijaarsa seeraan alaa salphataa jira. Kanneen yakka raawwatanii miliquuf yaalanis kallattiin hordofuun osoo magaalaa keessaa hinbahiin akka to’ataman gochaa jirra. Kanatti niboonna.
Bariisaa: Konkolaachistoota halkan imalaniin balaan tiraafikii yoo mudatu ittigaafatamummaa jalaa bahuuf battala balaa geessisaniin keellaa kutanii kan deeman jiru, warreen akkasii akkamiin hordoftu?
Obbo Hayiluu: Kutaan hordoffii tiraafikii dijitaalawaan asuma jira, teknishaanonni kunniin alseerummaafi yakka hanga ajjeechaa lubbuu qaqqabsiisu konkolaachistootaan raawwatamu sa’aatii 24:00 hordofu.
Kanarraa kan ka’e konkolaachistoonni balaa geessisanii miliquuf wayita yaalan hordoffii taasifamu kanaan to’atamaa jiru. Dhugaa dubbachuuf erga teknolojiin kun hojiirra oolee as yakki halkanis ta’e guyyaa raawwatamee miliqu hagas mara hinjiru.
Hanna baankii keessattiifi daandiirratti raawwatamu to’achaa jirra. Gabaabumatti teknolojiin dijitaalaa kaameeraan deeggarame kun imala Adaamaa magaalaa miidhagduu taasisuuf itti jiramu kan milkeessaa jiruudha.
Bariisaa: Malaammaltummaa waajjiraalee mootummaa keessatti qaqqaburrattis xiyyeffannoo kennameen hordoffii teknolojii dijitaalaa kanaan kan qabaman jiru jedhama quba qabduu?
Obbo Hayiluu: Harkaaf harkatti maallaqni malaammaltummaaf abbaa dhimmaarraa hojjetaaf wayita kennamu irra geenyee to’anneerra.
Qamni ittigaafatamummaa ummataa fudhate duubatti dhiisee hannaaf harka diriirseefi qaamni malaammaltummaaf maallaqa kenne battalumatti to’atamanii seeratti dhiyaataniiru.
Kanneen hidhaan itti murtaa’ellee jiru. Gama kanaaan hojjetaan ergamaafi imaanaa mootummaan kennameef dagatee hanna raawwatu yoomiyyuu araaramni kan hintaaneef yoo ta’u, teknolojii kanaan fayyadamnee hordofaa hawaasni tajaajila si’ataafi qulqulluu akka argatu sa’aatii 24:00 hordofna.
Bariisaa: Kenniinsa tajaajilaarratti komiin kanaan dura ture hir’ateeraa laata? Keessumaa tajaajilli maallaqaan hinbitamu jedhamaa waan tureef.
Obbo Hayiluu: Eenyumtuu tajaajila maallaqaan akka bitatu kan eeyyamu hinjiru. Haata’u garuu akkuman dura sii kaase faallaa naamusaa kanneen tajaajila maallaqaan geeddaran akka jiran beekamaadha. Hojiirra ooluun teknolojii dijitaalaa kanaa as garuu hir’ataa jira.
Keessumaa tarkaanfiin gama kanaan alseerota akkasiirratti fudhatamu hojiirraa gaggeessuu hanga hiisisuutti qaqqabaa jiru barsiisaa ta’aa waan dhufeef hanni, saamichiifi burjaajessi hir’ataa jira.
Sochiin kun fuuldurattis cimee kan ittifufu waan ta’eef kenniinsa tajaajilaa qulqulluufi si’ataan hojiirra akka ooluuf namni kamuu tajaajila seeraan argachuu qabu maallaqaan akka hinbinneef irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Nageenyi waloo kun akka waara’uuf hordoffii kaameeraatiin ala tika nageenyaaf qophaa’ummaan ummataa maal fakkaata?
Obbo Hayiluu: Gama kanaan nageenyi kan waara’u jalqaba ofumaa nageenya yaaduurraa yoo ka’eedha. Ijaarsi dandeettiifi hojiin hubannoo uumuu nageenyarratti hawaasaaf yeroorraa yerootti kennamaa jira.
Bu’uuruma kanaan caasaa nageenyaa maddiitti gaachana sirnaatiin walijaaruun nageenya waloosaanii tiksaa jiru. Gaachanni sirnaa mindaa malee tajaajila lammummaa lammiileef kennamu yoo ta’u, meeshaa waraanaa malee ulee qabatanii hiriiruun sakatta’insa kamuu taasisuun wanti addaa battala argametti caasaa mootummaatti eeruu kennuun akka to’atamu taasisaa kan jirudha.
Kanarraa kan ka’e dargaggoonni osoo dhiiraa dubartii hinjedhiin seensa magaalattii kallattiilee afraniifi keessoo magaalatti hordoffiifi sakatta’insa taasisuun lammiileen nagaan bahanii akka galan gochaa jiru.
Alseerummaan caasaa nageenyaa jalaa miliqe teknolojii jalaa hinmiliqu. Kan dhoksaan raawwate hordoffii gaachana sirnaa jalaa hin miliqu. Haaluma kanaan nageenya waaraa magaalaa Adaamaa mirkaneessuuf halkanii guyyaa kutannaan hojjetaa jirra.
Bariisaa: Dubbii jaarsi fixu uleen walfixu waanti jedhamu jira. Hawaasni dubbiirraa gara jiruusaatti akka deebi’uuf walhimannaan akka dhaabatuuf sochiin ijaarsa manneen murtii aadaa maal fakkaata?
Obbo Hayiluu: Gama kanaan Oromoon aadaafi duudhaasaa ganamaatti deebi’uun waldhabdee ilaaf ilaameen akka xumuratuuf, dubbiirraa gara jiruusaatti akka deebi’uuf manni murtii aadaa hojii guddaa hojjechaa jira.
Kanneen deddeebbii mana murtiin baasii humnaa oliif saaxilaman, yeroon kan jalaa qisaasa’e, hojiisaarraa kan addaan cite tokko lama miti. Dhimmi kun jiruufi jireenya darbees hariiroo hawaasummaa lammiilee hubaa waan jiruuf waldhabdee mana murtii aadaatiin xumuruun hunduu hojiisaatti akka deebi’u taasisaa jirra.
Tajaajilli kun tokko miidhamaa isa kaan ammoo kan miidhamaa jedhee kan yakku waan hintaaneef lamaanuu qixa waan araarsuuf filatamaa ta’aa jira.
Dhimmoonni hedduu manneen murtii idileerra tuulamanii turan tajaajila mana murtii aadaa kanaan furamaa waan jiraniif lammiileef boqonnaa kennaa jiru.
Bariisaa: Sagantaan maaddii guutuu Adaamaatti maalirra jira?
Obbo Hayiluu: Gama kanaan dhaloonni nyaata madaalawaa argachuu akka qabu, eeggattummaa jalaa akka bahuuf lafa xiqqoo qabanirratti misoomawwan gara garaa akka babal’isan kallattiin taa’eera.
Bu’uuruma kanaan misoomni horii aannanii, dammaa, fuduraafi muduraa magaalattiitti akka babal’atuuf hojiin hojjetame bu’aa guddaa buusaa jira. Yeroo hunda eeggattummaa ta’aa hafuurraa oomishanii waabii midhaan nyaataatin of danda’uun, ofirra darbaniillee gabaaf akka oolchaniif kallattiin taa’e bu’aa buusaa jira.
Yeroo ammaatti lukkuufi buuphaa bituurraa gara omishanii nyaachuutti ce’amaa jira. Aadaan kun gabbataa deemuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu darbees nyaanni madaalawaa akka jajjabaatuuf haala mijeessaa jira.
Bariisaa: Gama dargaggootaaf carraa hojii uumuutiin hoo maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Hayiluu: Dhaloonni keenya dargaggootaan kan guutameedha. Rakkoon hojidhabdummaa hudhaa guddaadha. Hudhaa kana furuuf sochii mootummaan taasisu cinatti deeggarsi abbootii qabeenyaatiin taasifamaa jirus jajjabeessaadha.
Gama mootummaatiin yeroorraa yerootti carraalee hojii banuun gurmeessuun, hojiilee misoomaa keessatti qooda akka fudhatan gochaa jirra. IMX’n gurmeessinee carraa hojii banuufiin kanneen ofirra darbanii namoota biroofillee carraa hojii banan jiru.
Abbootiin qabeenyaa dhuunfaas warshaaleesaaniitti mindeessuun ala maashina mismaarafaa omishu bitanii dargaggoota kennuun dinagdeen akka of fooyyessan taasisaa jiru.
Kun waan ga’aa hintaaneef abbootiin qabeenyaa marti sochii mootummaan hojidhabdummaa hir’isuuf taasisu keessatti wanta humnisaanii isaan dandeessiseen dargaggoota keenyaaf carraa hojii akka bananiif balaballi keenya invastimantiif banamee simachaa jirra. Kun boris ittuma fufa.
Bariisaa: Invastaroota yeroo mara alaa eeguurra qonnaan bulaa biyya keessaa gara invastimantiitti ceessisuun aadeffatamaa jira. Akka magaalaa Adaamaatti qonnaan bulaan gara invastimantiitti cehan jiruu?
Obbo Hayiluu: Akka magaalaa Adaamaatti qonnaan bultoonni 350 ol gara invastimantiitti ce’aniiru. Kun gammachuu guddaadha. Abbootiin qabeenyaa kunniin hojiilee invastimantii gara garaatti bobba’uunsaanii dinagdeesaanii guddisuun gibiraafi taaksii mootummaaf kaffaluun ala dargaggoota hedduuf carraa hojii waan uumaniif ni jajjabeeffamu.
Bariisaa: Dargaggoonni siyaasa keessatti qooda akka fudhatan taasifamaa jiraa?
Obbo Hayiluu: Dhugaa dubbachuuf waajjiraalee keenya mara keessa naannoftanii yoo ilaaltan dargaggootaan kan guutameedha. Kun bu’aa sirna itti dhiiganii fidan kanarraa fayyadamaa jiraachuusaaniif agarsiistuu guddaadha.
Dargaggoonni keenya hojiilee dinagdeefi hawaasummaatiin ala siyaasa keessattis akka qooda fudhatan taasifamuunsaanii sirni mootummaa jijjiiramaa keenya hirmachiisaafi hammataa ta’uusaatiif agarsiistuu waan ta’eef fuuldurattis dargaggoota aangessuun siyaasa keessatti gaheesaanii akka bahatan taasisuun cimee ittifufa.
Bariisaa: Maniiwwan misooma magaalaa mootummaan jijjiiramaa diriirsee hojiitti seene akka magaalaa keessaniitti sadarkaa akkamiirra jiru?
Obbo Hayiluu: Maniiwwan misooma magaalaatiin walqabatee mootummaan jijjiiramaa kaa’ee hojiitti jiramu afur yoo ta’an, isaanis wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu, intarpirinarshiippii heddummeessuu hojiilee gara garaa uumuun, walittihidhaminsa gabaa si’eessuun kan walqabatu, kalaqaafi ogummaa babal’isuufi sirna mootummaa cimaa hojjetee hojjechiisu ijaaruudha. Haaluma kanaan magaalonni keenya giddugala kalaqaafi ogummaan itti horatamu akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Dhimmi nageenyaa, carraa hojii uumuu, wabii midhaan nyaataafi nyaata madaalawaa, walitti hidhaminsa gabaa uumuu kan jalqaba eeraman marti maniiwwan kanneen keessatti hammatamu jechuudha.
Bu’uuruma kanaan kallattii taa’e hordofuun tarkaanfii gama maraan fudhatameen jijjiiramoonni nama onnachiisan gama hawaas dinagdeefi siyaasaan galmaa’aa kan jiran yoo ta’u, mootummaan jijjiiramaa akka biyyaa, naannoofi magaalaa keenyaattis jijjiirama dhuferraa akka fayyadamnu keessattis akka qooda fudhannu waan nutaasiseef kan nama jajjabeessuudha.
Bariisaa: Gabaa tasgabbeessuuf inisheetiivii misoomawwan gara garaa babal’isuun akkuma jirutti ta’ee giddugala gabaan seeraan itti walargu ijaaruurratti tarkaanfiin fudhame jiraa?
Obbo Hayiluu: Gama kanaan giddugaloonni gabaa omishaaleen adda addaa gatii madaalawaan ittidhiyaatan ijaaramaniiru. Hawaasnis ittitajaajilamaa jira. Saamichi bittootaaf gurgurtootarra qaqqabaa ture hir’ateera. Fuuldurattis cimee ittifufa.
Tarkaanfiin kun daldaltoota seeraan alaa gabaarraa baasuuf bittootaafi gurgurtoota kallattiin walittifiduu keessatti bu’aa guddaa nuu buuseera. Haata’u garuu sochiin daldaltoota seeraan alaa hammaataa ta’us hamma tokko ittifayyadama teknolojiifi hordoffii caasaalee nageenyaatiin maqfamaa jiraatus ammas hojii xiyyeeffannoo barbaadu waan ta’eef ciminaan irratti hojjetaa jirra.
Bariisaa: Fuuldurratti Adaamaa magaalaa attamii akka taatuuf karoorfattanii hojjetaa jirtu?
Obbo Hayiluu: Nagaan adeemsa duriin deemnee kan lafa qabsiifnu miti kanaafimmoo ittifayyadama teknolojii (‘Smart Security System’) (Sirna nageenyaa waaraa si’ataa dhugoomsuudha. Bu’uuruma kanaan nageenya keenya waaressuuf magaalaa keenya qulqulluu taasisuu, miidhagsuu ittifayyadama teknolojii keenya ammayyeessuun isa ijoo yoo ta’u, dhimma kanarratti cimsinee hojjechuun hawaasa omishawaaafi misoomawaa horachuun Adaamaa giddugala invastimantiifi hawwata turistii taasisuuf humna guutuun hojjenna.
Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa.
Obbo Hayiluu: Isinis imala jijjiiramaa magaalaan Adaamaa itti jirturratti deeggarsa ogummaa nuu taasistaniif galatoomaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 11 Bara 2016