Dargaggoota yeroo ammaa magaalaa dhiyeenya hundoofte hogganaa jiran keessaa isa tokko kan ta’e, umrii dargaggummaa yeroo ammaa keessa jiruun waggoota kurnan darbaniif sadarkaalee garaa garaatti hoggansa bIlchaataa kennuudhaan fakkeenya dargaggootaa kan ta’eefi yeroo ammaa immoo Shaggaritti Waajjira Pablik Sarvisii hogganaa kan jiru Kaadhimamaan Doktaraa Cammaraa Shibbiruu keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.
Barisaa: Mee jalqabarratti walhaa barruu?
Obbo Cammaraa: Tole ani Cammaraa Shibbiruu Qalbeessaan jedhama. Dhalootniifi guddinni koo immoo Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Ammayyaattin dhaladhe. Achumattin guddadhe. Mana barnoota sadarkaa duraafi lammataas achumattin xumure.
Ijoollummaa kootti immoo jabbilee, re’eefi loon tiksaan guddadhe. Dabalataanis immoo akka ijoollee baadiyyaafi qonnaan bulaatti akkuma umriinkoo dabalaa adeemeen hojii qonnaas maatii gargaaraan ture. Gaafa umriin koo barnootaaf gahu mana barnootaan gale jechuudha.
Haaluma kanaan mana barnoota sadarkaa jalqabaa mana Barnoota Sadarkaa 1ffaa Ammayyaa jedhamuufi Magaalaa Gindootti argamuttin baradhe. Yeroo nuti gara sadarkaa lammataatti dabarru manni barnootaa sadarkaa lammataa dur magaalaa Gindoo keessa hinturre achumatti waan ijaaramee barsiisuu eegaleef nutis barnoota sadarkaa lammataatiif osoo fagoo hindeemne achumatti barachuuf carraa arganne. Kanaaf mana barnootaa sadarkaa jalqabaafi lammataas achuma, Magaalaa Gindoottin xumure jechuudha.
Bariisaa: Barnoota Olaanaa hoo eessatti hordoftan? Muummee kamiin?
Obbo Cammaraa: Akkuman barnootakoo sadarkaa lammataa xumureen kallattiidhaan kanin qajeele gara Kolleejjii Barsiisotaa Jimmaatti. Achitti waggoota sadii baradhee dippiloomaadhaan eebbifame. Sana booda gara barsiisummaatti osoo hintaane akkuman eebbifameen gara hoggansa barnootaattin gale.
Osuman damee barnootaa hogganuu digriikoo jalqabaa baradhee Yunivarsitii Finfinneerraa eebbifame. Ittuma fufuudhaan barnoota digrii lammataa Yunivarsitii Jimmaattin hordofee xumure.
Yeroo ammaas barnootakoo digrii sadaffaa ittifufuudhaan gara xumuraarrattin argama jechuudha. Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaaltu akkuma sadarkaan hojiikootii dabalaa dhufuun barnoota koos guddifachaan jira jechuudha. Kanaaf amma kaadhimamaa doktoraati jechuu dandeessa.
Bariisaa: Erga Kolleejjii Barsiisotaa Jimmaarraa eebbifamtanii kaasee hanga ammaatti eessa eessa tajaajiltan?
Obbo Cammaraa: Akkuman duraan sii kaasuuf yaale akkuman eebbifamen kallattiidhaan kanin gale waajjira barnootaatti ogeessa barnootaa ta’eeti. Ogeessumaan mindeeffamee waggaa tokkoofi walakkaatti gara sadarkaa hoggansaatti guddadhe. Gaggeessummaa immoo kan jalqabe aanaadhuma Ammayyaa, Waajjira Paartii Badhadhaadhinaatti Ittigaafatamaa Siyaasa Baadiyyaa ta’eeni.
Sanaan boodas gara Godina Shawaa Kibba Lixaatti imaluudhaan seektaroota gara garaa keessa hojjadheera. Gara Sabbataa dhufees waajjira paartiitti dameewwan gara garaatti sadarkaa hoggansaatti tajaajileera. Boodarratti Sabbatumatti Ittigaafatamaa Waajjira Kantiibaas ta’ee tajaajileera.
Boodarra gaafa hundeeffamni Magaalaa Shaggar dhufu Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti ittigaafatamaa siyaasaa waajjira paartii ta’uudhaan magaalaa haaraatti dabalame. Sana booda iddoo amma jiru, Ittigaafatamaa Waajjira Pablik Sarvisii Magaalaa Shaggaritti dhufe jechuudha. Walumaagalatti gaggeessummaadhaan gara waggaa kudhanii hojjadheera.
Bariisaa: Amma gara Shaggariitti dhufneerraatii yeroo ammaa hojiiwwan magaalattiitti raawwatamaa jiran keessaa guguddoo osoo nuuf kaaftanii?
Obbo Cammaraa: Gaariidha. Jalqabarratti Shaggar magaalaa seenaati. Gaafa kana jennu naannawa yeroo ammaa Shaggar jalatti daangeffame kanaaf Oromoon dhiiga hindhangalaafneefi lafeesaa itti hincabsine hinjiru.
Kanaaf hundeeffamni magaalattii gaaffii abbaa biyyummaa Oromoon achirraa qabu kan deebisu qofa osoo hintaane, aadaafi duudhaa Oromoo naannawa kanatti haphachaa dhufes kan deebisuudha jennee amanna.
Magaalaa kana keessatti safuufi safeeffannaan Oromoo deebi’ee akka lalisu, aadaafi duudhaan Oromoo akka calaqqisu, qonnaan bulaan dur maqaa misoomaatiin naannawa kanatti lafasaarraa buqqa’aa ture lafasaarratti hojiiwwan misooma gara garaa akka gaggeessuufi hojjatee akka duroomuuf hojii guddaatu hojjatamaa jira.
Bariisaa: Hojjataan magaalattii karoora isin Shaggar gara duudhaa ganamaatti deebisuuf qabattan kana hangam deeggaraa jira?
Obbo Cammaraa: Shaggaritti tarkaanfiiwwan aadaafi duudhaa Oromoo deebisuuf hojjataman keessaa inni tokko guutuu magaalattiitti guyyaa wiixataa hojjataan kamuu uffata aadaatiin qofa kan inni tajaajila kennaa jiru. Kun kaabinee qofaan kan murtaa’ee osoo hintaane, labsiidhaan baafne.
Torbaanitti guyyaa tokko uffata aadaa qofaan akka tajaajilli kennamu taasifamuun kenna tajaajilaa fooyyessuu keessattis shoora olaanaa waan taphatuufi.
Gama tokkoon uffannaan aadaa kun aadaa ofiitiin boonuufi beeksisuuf gargaara. Gama kaaniin namni uffata aadaa uffatee tajaajila kennu tajaajilicha maallaqaan gurguruuf yoo yaade uffannisaa sun itti ulfaata.
Safuufi safeeffannaa Oromoo yaadatee hannaafi tajaajila gurguruurraa akka of qusatu waan taasisuuf uffannaa aadaatiin tajaajila kennuun kun faayidaalee lamaan armaan olitti sii kaase kanneen of keessatti kan hammateedha. Hojjataan sadarkaadhaan jiru hundi itti amanee kan fudhateefi hojiirra oolaa kan jiruudha malee waan humnaan dirqamanii itti galanii miti.
Hojjataa yeroo ammaa magaalattiitti mindeeffamee tajaajila kennaa jiru yemmuu ilaaltuyyuu warreenuma qabsoo Oromoon gara duudhaa ganamaatti deebi’uuf taasisaa jiru keessa darbaniifi jiran waan ta’aniif dhimma kana garaa guutuun fudhataniiru.
Bariisaa: Gama kennaa tajaajilaa fooyyessuutiin Shaggar maal keessa jira?
Obbo Cammaraa: Kenni tajaajilaa akkanumatti akka salphaatti waan ilaallamuu miti. Nama tajaajilamuuf gara waajjiraalee magaalattii tokkoo dhufu dinagdee wayii qabatee dhufa. Kanaaf kenni tajaajilaa akka dinagdee ta’e fudhachuun dirqama.
Erga dinagdee ta’uunsaa hubatamee booda immoo kan fooyyeessuu qabnu warreen tajaajila barbaachaaf dhufaniif qofa osoo hintaane, dinagdee achirraa argamu sirnaan sassaabuuf kaayyeffannee ta’uu akka qabu beekamuu qaba.
Kanarraa ka’uun yeroo ammaa waajjiraaleen tajaajilamaan itti baay’atu 17 adda bahanii tajaajilli ‘e-service’ akka jalqabamuuf haaldureen xumuramaa jira. Kanneen yeroo ammaa jalqabanis jiru. Waajjiraalee akka dabarsa manneenii, kantiibaa, pablik sarvisii, daldalaa, kaadaastaraafaan tajaajiloota 95 ta’an akka kennanitti yaadamee gara hojiitti galaniiru.
Bariisaa: Kenna tajaajilaa fooyyessuuf humna namaa barbaachisu guutuun murteessaa waan ta’eef gama kanaan Shaggar maal keessa jirti?
Obbo Cammaraa: Humna siviil sarvantii cimaa gurmeessuudhaan Shaggar magaalaa gama hundaan fakkeenyummaa qabdu taasisuuf hojjachaa jirra. Tajaajila fooyya’aa ta’e kennuuf immoo hojjataa ga’oome iddoo barbaachisutti guuttachuun barbaachisaa ta’a.
Bu’aqabeessummaan hojii kamuu keessatti kan mirkanaa’uu danda’u humna namaa baay’inaan mindeessanii hojjachiisuu qofaan osoo hintaane, yeroo yerootti leenjiiwwan dandeettii raawwachiistummaa cimsan kennamaa jiru.
Magaalaan Shaggar kan haaraa hundoofte taatus magaalotni isheen of jalatti hammattee hundoofte isaanuma kanaan dura caasaa mataasaaniitiin bulaa turan yemmuu ta’u, humna namaa guuttachuufi dandeettii raawwachiisummaa cimsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Yeroo ammaa bulchiinsi Magaalaa Shaggar seektaroota 38 ta’an gurmeessuudhaan gara hojiitti kan gale ta’us, baay’ina humna namaa seektaroota sadarkaa magaalaarraa ka’anii hanga kutaalee bulchiinsa magaalotaafi sanaa gadi jiranii gama humna namaa barbaachisu guutuurratti hanqinni jira.
Sadarkaa bulchiinsa magaalaa Shaggaritti baay’ina humna namaa seektaroota magaalattiitiif barbaachisu keessaa hanga ammaatti kan guutame sadarkaa magaalaatti dhibbantaa 32 qofa yemmuu ta’u, sadarkaa kutaalee bulchiinsa magaalotaatti immoo humni namaa amma jiru kan barbaachisu keessaa dhibbantaa 36 qofa.
Raawwii hundeeffama magaalattii yeroo gabaabaa kana keessatti jiru yemmuu ilaalamu garuu humna namaa xiqqaa ta’e kanaan hojiileen bu’aqabeessummaansaanii mirkanaa’e hedduu raawwachuun danda’ameera.
Qaawwa humna namaa kana guutuudhaaf yeroo ammaa seektaroota gara garaarraa namoota ciccimoo eeruudhaan fudhachuufi iddoowwan hojii duwwaa baasuudhaan kutaalee Oromiyaa gara garaarraa dorgomsiisnee fudhachaa jirra. Kanaanis yeroo gabaabaa keessatti baay’inni humna namaa barbaachisu hundi argamuu baatus baay’ina humna namaa hojii ittiquufiinsa qabu raawwachuu danda’u gara hojiitti kan bobba’aa jiru.
Shaggar magaalaa haaraa ta’uushee qofa osoo hintaane hojmaattota haaraa hedduus qabattee kan dhufte yemmuu ta’u, kanneen keessaa yaadama magaalaa ‘smart city’ taate dhugoomsuu, humna namaa muraasaan hojii guddaa raawwachuu, waajjiraalee yookiin seektaroota haaraa sadarkaa godinaa yookiin bulchiinsa magaalotaatti hinjirre hundeessuu fakkeenyaaf, waajjiraalee akka saayinsiifi teknolojii, waajjira kaadaastaraafi kkf hundeessuudhaan magaalota kaaniif fakkeenya ta’aa jirti.
Namoonni Magaalaa Shaggaritti mindeeffamanii hojjachuu qaban dhalatoota naannawa ishee qofa osoo hintaane ogeeyyotaafi hoggantoota guutuu Oromiyaarraa maddaniin yemmuu ta’u, sababnisaas Shaggariif kan qabsaa’e dhalattoota guutuu Oromiyaa waan ta’eefi.
Magaalaan Shaggar bal’inaan akka biyyaatti magaalaa lafa bal’aafi waliigalaan lafa hektaara kuma 160 ta’urratti hundoofte yemmuu taatu, lafa bal’aa kana misoomsuufi hogganuun walqabatee rakkoon bulchiinsa gaarii jiraachuu akka malu ilaaluun salphaadha.
Waajjirri Sivil Sarviisii Bulchiinsa Magaalaa Shaggaris sochii hojjattoota seektaroota magaalattiitiif barbaachisan guutuun walqabatee seektaroota dursi kennamuufii qabaniifi maamiltootni itti baay’atan adda baasee dursa kennuufiin humna namaa isaan barbaadan guutaafii hojjatamaa kan jiru yemmuu ta’u, waajjiroota akka waajjira lafaa, fayyaa, faayinaansiifi kanneen maamiltootni itti baay’ataniifi rakkoo bulchiinsa gaariitiif karaa banan irratti xiyyeeffatamee hojiin humna namaa guutuu hojjatamaa jira.
Bariisaa: Rakkoolee bulchiinsa gaarii mul’ataniif furmaata akkamii kennaa jirtu?
Obbo Cammaraa: Rakkoo bulchiinsa gaarii seektaroota Magaalaa Shaggaritti mul’ataniif furmaata qorannoorratti hundaa’etu kennamaa jira.
Haa xiqqaatus haa guddatus bulchiinsa magaalaa haaraa hundaa’aa jirtuufi reefu humna namaa sadarkaa barbaachisutti guuttattee hinxumurretti rakkooleen bulchiinsa gaarii uumamuun waan hinoolleedha.
Kun immoo waan akkanumatti sirreeffama siyaasaatiif yookiin afaanuma bareechifachuuf dubbannu osoo hintaane, waan qo’annoodhaanis adda bahe ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Qo’annichis kutaalee magaalotaa saddeetiifi gandoota 15tti kan adeemsifame yemmuu ta’u, qo’annoo kana qo’annoowwan yeroo adda addaatti baramanirraa wanti adda isa taasisu gadifageenyaan haala guyyaa guyyaa fayyadamaa hirmaachiseen kan adeemsifame ta’uusaati.
Bu’aa qo’annichaatiin seektaroota tajaajilamaan itti baay’atu 16 adda baasuun kan danda’ame yemmuu ta’u, kanaanis dhimmoota rakkoo kanaaf sababa ta’aa jiraniifi gaaffiilee deebii argachuu hindandeenyes adda bahanii akka tarraa’an taasifameera.
Dhimmi biraa, rakkooleen qo’annoodhaan adda bahan sunuu qaamolee lamaaf kan adda qoodamee ilaallame yemmuu ta’u, kunis rakkooleefi gaaffiilee dhihaatan keessaa kan alaafi keessoo maal akka ta’an ifatti addaan baafamaniiru.
Kana qofa osoo hintaane qorannoo kanaan rakkooleen bulchiinsa gaarii tajaajilaan walqabatan jiraachuu qofa osoo hintaane, maddi rakkoolee kanneenii maal akka ta’anis haala agarsiisuu danda’uun kan adeemsifame waan ta’eef maddoota rakkinichaas ifatti kaa’uun danda’ameera.
Kanaanis maddeen rakkoo kanaa, rakkoolee ilaalchaa raawwataa bira jiru, haala barbaachisuun dhiheenyatti hoggansa sirrii kennuu dhabuu qaamolee hoggansaa, istaandardii qopheessanii haala inni eeyyamuun hojjachuu dhabuufi sababootni biroo tajaajila bulchiinsa magaalattiifi kutaalee magaalotaa itti quufiinsa tajaajilaa maamiltootarratti hanqinni akka ture adda baasuun danda’ameera.
Kana booda tarkaanfiin ittaansuudhaan fudhatame rakkooleefi gaaffiilee qorannoodhaan adda bahan kanneeniif seektarri kam, maal furuu akka danda’u erga adda baafameen booda, seektarootni dhimmichi ilaallatu hundi karoora ittaanu keessatti akka dhimma ijoo tokkootti qabatanii furmaata waaraa akka kennaniif kallattiin kaa’ameera.
Hojiin guddaafi murteessaan erga qo’annoo gaggeeffamee tajaajiloota bulchiinsi magaalattii kennaa jiru tokko tokkorratti ittiquufinsi maamilaa akka hinjirre adda bahee booda tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa inni guddaan seektaroota 16 rakkoon kun itti mul’ate qaamolee hogganan faana waliigaltee mallatteessine.
Waliigaltichi bakka kantiibaa ittaanaan kilaastara tajaajilaa argamanitti seektaroota rakkoon bulchiinsa gaarii keessatti mul’atan waliin kan mallattaa’e yemmuu ta’u, qabiyyeensaa ijoon tokko tokkoon seektaroota kanneenii rakkoolee tajaajilasaaniitiin walqabatee mul’ate yeroo akkasiitti ni furra jedhanii kan waadaa ittigalaniifi, yoo furuu dadhabanis akka ittigaafataman waliigaltee kan itti seenaniidha.
Waliigalticha mallatteessuu duwwaa osoo hintaane, koree dhimmicha dhiheenyaan hordofu tokko, kan koree taaksi foorsii kenna tajaajilaa jedhamu hundeessinee hojii seektarootni kunniin raawwachaa jiran sirnaan akka hordofu gochuun danda’ameera.
Gama biraatiin Shaggar qulqullina hojii mirkaneessuufi ragaa barnootaa sobaa saaxiluufis ragaa barnootaa hojjattootashee walitti funaantee sakatta’aa jirti.
Rakkoowwan kenna tajaajilaatiin walqabatanii uumamaa jiran keessatti gaheen ragaa barnoota sobaa isa olaanaadha. Nama muuxannoofi qophii barnootaa barbaachisu hinqabnetu ragaa barnoota sobaatiin iddoo qabatee waan jiruuf.
Rakkoo gahumsaan waa raawwachuu dadhabuun walqabatee sadarkaalee garaa garaatti mul’atuufis sababnisaa qophii barnootaa gahaa iddoon itti tajaajila kennan sun barbaadu qabaachuu dhabuurraa kan madduudha.
Kanaaf hojiin kennaawwan tajaajilaa seektarootatti mirkaneessuuf hojjatamu kamuu dursa kan kennee hojjachuu qabu dhimma ragaa barnootaa sobaa to’achuurratti ta’uu qaba. Kutaaleen magaalaa Finfinnee marsanii jiraniifi yeroo ammaa caaseffama bulchiinsa magaalaa Shaggar jala galan tanaan duras gama kanaan maqaa gaarii waan hinqabneef yeroo ammaa hojiin sakatta’iinsa ragaa barnootaa akka jalqabamuuf sochiin eegalameera.
Dhimmi ragaa barnoota sobaa to’achuufi saaxiluu kun akka bulchiinsa magaalaa Shaggar qofatti osoo hintaane, yeroo ammaa ajandaa biyyattii isa guddaadha. Kanarraa ka’amee akkuma Oromiyaattuu barana hojiin ragaa barnoota sobaa qulqulleessuu kun dhibbantaa 50 akka raawwatamuuf waan kallattiin kaa’ameef hojiiwwan dhimma kanaan walqabatanii sadarkaa magaalichaatti hojjatamanis bu’uura kanarra dhaabataniiti.
Haaluma kanaan yeroo ammaa sadarkaa magaalaatti namoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa digriisaanii kan jalqabaafi lammataa argatan walitti sassaabaa kan jirru yemmuu ta’u, hanga ammaatti seektaroota Shaggaritti argaman keessaa kan 17 walittiqabuun danda’ameera. Kun seektaroota sadarkaa kutaa magaalaattiitti argamanis kan dabalatuudha.
Hojiin ragaalee barnootaa qulqulleessuuf walittiqabuu kun hojmaata mataasaa kan qabu yemmuu ta’u, haaluma kanaan kan dhaabbilee barnoota mootummaafi dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa keessatti barate bifa ragaafi ragaa qofarratti hundaa’een kan calalamu ta’a.
Ilaalchi kanaan dura biyya kanatti barame namni dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaatti barate akka waan ragaan barnootaa sobaa itti baay’atuutti ilaaluudha. Garuu namni dhaabbilee barnoota dhuunfaatti barateefi achirraa digriisaa argate hundi foorjiidiidha jechuun hindanda’amu. Haaluma walfakkaatuun namni dhaabbilee barnoota mootummaarraa digriisaa fudhate digriinsaa mirkanaa’eera jechuun hindanda’amu.
Kanaafuu namni tokko dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaa ykn dhuunfaatti baratee ragaansaa ittiin mindeeffame walittiqabamee akka sakatta’amuudha kallattiin kan kaa’ame. Nuti immoo akka bulchiinsa magaalaatti ragaalee barnootaa namootni ittiin mindeessa raawwatan kana ofuma keenyaaf asitti sakattaana osoo hintaane, walittiqabnee gara naannootti kan erginu ta’a.
Wanti guddaan ragaa barnoota sobaa kana qulqulleessuutiin walqabatee ka’aa jiru ulaagaafi mala ragaaleen sobaa ittiin mirkanaa’an yemmuu ta’u, yeroo ammaa Ministeerri Barnootaafi Komishiiniin Pablik Sarvisii Federaalaa pilaat formii ragaalee sobaa adda baasuuf gargaaran qopheessaa akka jiran odeeffannoo qabna.
Akka keenyatti garuu hojiin nurraa eegamu ragaalee barnootaa sadarkaa magaalaa keenyaatti jiran sassaabnee gara qaama dhimmi ilaaluutti erguu duwwaadha.
Akka waliigalaatti yemmuu ilaallu, ragaalee barnoota sobaa, rakkoolee kenniinsa tajaajilaatiin walqabatanii jiraniifi hanna lafaatiin walqabatanfaa walitti daballee yemmuu ilaallu, magaalaan Shaggar iddoo kuufama komiin ummataa itti baay’atuudha jedhanii ibsuun ni danda’ama.
Magaalonni duraanii hundi rakkoolee dur kophaa kophaasaaniitti qaban osoo hinhiikkanne magaalaa tokko jalatti waan gurmaa’aniif komiin ummataa kuufame akka jiraatu tilmaamuun salphaadha.
Bariisaa: Ani gaaffiilee koo xumureeraa isin waan dabaltan yoo jiraattan!
Obbo Cammaraa: Wantin dabalu yoo jiraate, ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa jiraniifi Shaggar dhufanii hojjachuuf fedhii qaban hundi magaalaa Oromoon fedhii addaa irraa qabuufi aarsaa hedduu itti kanfale tanatti dhufanii, daldaluun, dorgomanii caasaa mootummaa keessa galuufi dameewwan hojii gara garaa keessatti hirmaachuu akka danda’an waamicha gochuun barbaada.
Bariisaa: Yeroo bal’aa nuu kennitaniif ulfaadhaa!
Obbo Cammaraa: Isinis galatoomaa
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016