Qulqullina Barnootaaf shoora sosochii “Barnootni Dhalootaaf” jedhamuu

Finfinnee: Akka ragaan Ministeera Barnootaa agarsiisutti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi sadarkaa giddugaleessa Itoophiyaa keessaa harki 86 hanqinoota bu’uuraalee misoomaa qabu. Akkasumas manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa harki 71 hanqina bu’uuraalee misoomaa qabu.

Hanqina gama kanaan jiru kan hubate mootummaan Itoophiyaa lammiileen golee Itoophiyaa kamittuu barattan hundi manneen barnootaa kaleessa itti baratan deeggaruun wantootni guutamuu qaban akka guutaman taasisuuf bara darbe sosochii “Barnootni dhalootaaf” jedhu eegaleera.

Bu’uuruma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaas bara darbe sagantaa tajaajila lammummaatiin hojii manneen barnootaa sadarkaasaanii fooyessuu, manneen barnoota haaraa ijaaruufi galteewwan barnootaa guutuu hojjechuurratti argama. Bara bajataa 2016 sagantaa tajaajila lammummaatiin hojiin misooma barnootaa qarshii biliyoona 24tti tilmaamamu hojjetameera.

Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti Gorsaan Biirichaa Obbo Efreem Tasammmaa Gaazeexaa Bariisaaf tibba darbe akka ibsanitti, hojiiwwan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaafi isaa gadi keessatti hojjetama, bajatni gama mootummaan dhiyaatu mindaa hojjettoota seektara barnootaa kaffaluufi dhiyeessii kitaabaaf qofa oola.

Labsii tajaajila lammummaa mootummaa naannichaatiin ba’e uummata hirmaachisuun hojiileen misooma barnootaa bu’a qabeessa ta’an hedduun hojjetamaa jiru. Bara bajataa 2016 manneen barnootaa 3,410 istaandaardiisaanii fooyyessuuf karoorfamee manneen barnootaa 6,011 foyyessuun danda’ameera.

Naannichi mana jireenyaa barsiisota baadiyyaa 4,000 ijaarsisuuf karoorfatee mana 6,926 ijaarsiseera. Hojii kanaanis barsiisotni baadiyyaatti barsiisaan gammadanii hojiisaanititti kaka’umsa akka horatan taasifameera.

Mana Barnootaa Bu’uura Boruu haaraa 4,574 ijaarsisuuf karoorfamee, 4,612 ijaarsisaanii jalqabamee gariinsaanii ijaaramanii wayita xumuraman, gariinsaanii ammoo ijaaramaa jiru kan jedhan Obbo Efreem; godina hundatti uummatni mana barumsaa ijaaree dhiyeessii guutamuu qabus ofisaatiif guutee barsiisotni akka ramadamaniif gaafachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ummatni faayidaa barnootaa hubatee hojii misooma barnootaatif deeggarsi taasisaa jiru yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Tajaajila lammummaatiin mana barnootaa keessatti barattootni miliyoona 5.7 ta’an sagantaa nyaataatiin fayyadamoo taasifamaniiru.

Karoora bara bajataa 2017 ilaalchisee Obbo Efreem akka jedhanitti, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu 5,000, sadarkaa tokkoffaa 1,000, mana jireenya barsiisotaa 8,000 ol ijaaruuf karoorfameera. Haaluma walfakkaatuun Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu 3,170, sadarkaa tokkoffaa 2,764, Sadarkaa lammaffaa 184, Manneen Barnoota Addaa 16fi Manneen Barnoota Bultii Addaa shan sadarkaasaanii fooyyessuuf karoorfameera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Daarektarri Ittaanaan Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Abdii Noonnoo Obbo Gammachuu Iddoosaa gamasaaniin akka jedhanitti, Mana barumsasaaniif suphaan taasifameera. Suphaa taasifameenis rakkoon mana barumsichaa furameera.

Mana barumsichaatti barattootni waan baay’ataniif rakkoo walmadaaluu dhabuu dareefi baay’ina barataatu ture. Rakkoo kana furuuf bara bajataa 2016 hirmaannaa ummataatiin dareewwan dabalataa afur ijaaramanii xumuramaniiru.

Ganna kanas suphaan teessoo 100fi mana fincaanii balbala torbaa gaggeeffameera. Daree afur balballi akka itti jijjiiramu wayita taasifamu, daree barnootaa 12 keessaafi alasaa haalluu dibuun dabalata mana waardiyyaa haaraa tokko ijaaruunis danda’ameera.

Hirmaannaa ummataatiin hojiileen bu’a qabeeyyiin hojjetamaa jiraatanis adeemsa baruufi barsiisuu mijataa taasisuuf gara fuulduraatti hojiileen hojjetamuu qaban hedduun jiraachuu himanii: bara dhufu daree dabalataa afuriifi mana fincaanii 12 ijaarsisuuf karoorfameera jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Daarektarri Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Sulultaa Obbo Habtaamuu Margaa gamasaanitiin akka jedhanitti, mana barumsaasaanitti boolla bishaanii kanaan dura ture sararasaa diriirsuun dhugaatiifi qulqullina barattootniifi barsiisotni akka ittifayyadaman taasifameera.

Galii mana barumsichaa dabaluuf kan gargaaru manni tajaajila kaafteeriyaafi faayidaa biroof ooluu danda’u kan kutaa sadii qabu hirmaannaa uummataatiin ijaarameera. Teessoowwan caccaban suuphuun cinatti mana barumsichaa hawwataa taasisuuf halluun akka dibamu taasifameera.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You