Finfinnee: “Olompikii 32faa Tokiyaarraa kaasee rakkoowwan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Koree Olompikii Itoophiyaa jidduu jiru akka furamuuf watwaataa turrus waan deebii hinarganneef ispoortii atileetiksii keenya rakkina keessa galcheera jedha pirezidaantiin Waldaa Atileetota Oromiyaa Atileet Ibraahiim Jeeylaan.
Ibraahim ibsa kaleessa sochii gareen atileetiksii Olompikii Tokiyoorratti hirmaachaa jiru taasisaa jiru ilaalchisuun Gaazexaa Bariisaatiif kenneen, rakkooleen naannawa koree olompiikiifi federeeshinii atileetiksiitti mul’atu ispoortii atileetiksii keenya biyya miidhuuf gaditeenyee haa mari’annu irradeddeebiin iyyannus qaama nu dhageeffatu dhabuurraa kan ka’e ispoortiin atileetiksii keenya rakkina keessa galuun ifatti mul’ataa jira jedheera.
“Ka’umsumarraa adeemsa walxaxaa keessa kan gale ispoortiin kun, ammas hatattamaan yoo qaama dhimmichi ilaallatuun furmaata hinargatiin rakkoo hamaa kana caaluuf saaxilamuunsaa hinoolu. Dorgommii ogummaadhaan gaggeeffamuudha. Fiigichi kan gaggeeffamu sammuu bilisa ta’eeni. Akka namoonni tokko tokko yaadan miila qofaan kan fiigamu otoo hintaane ispoortichi qindoomina sammuufi qaamaa barbaada.
Yoo sammuun bilisa hintaane qaamni biraa socho’u hindanda’u, sammuutu ajaja waan ta’eef. Kanaaf ijoollee sammuu bilisaan hindorgomnerraa qabxii eeguun of gowwomsuudha.
Rakkoon kun akka ammaa bal’achuu baatus mudachuu kan eegale Olompikii Tokiyoorraa kaaseeti. Olompikii 33ffaa Paariis adeemsifamaa jirurraa hanga ammaatti qabxii gaariin galmaa’e hinjiru.
Ijoolleen keenya karaa lamaan meedaaliyaa keessa galuu kan danda’an. Tokkoffaa ispoortiin atileetiksii taaktikii waan ta’eef warreen isaan wajjin dorgoman taaktikiidhaan ofirraa kutanii, hafuura liqimsanii ciniinnatanii onnee guutuudhaan tokko ta’anii hanga marsaa dhumaatti deemuudhaani. Lammaffaan duubarraan deemanii marsaa dhumaatti saffisaan bahuun injifachuu danda’u.
Akkan hubadhetti atileetonni keenya yeroo ammaa addunyaarratti sa’aatiin isaan ittiin xumuran daran fooyya’aadha. Yoo dandeettii kanaan dura qabanitti fayyadamuun fiigan dorgommiiwwan hafaniin qabxii eegamu argachuu dandeenya. Atileetiksiin akaakuu ispoortii maqaa biyya keenyaa addunyaarratti beeksise waan ta’eef sirriitti eeggachuufi baraaruu qabna” jedheera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016