Fooyyessa Dinagdee Gooroo: Sirna bulchiinsa sharafa alaa ammayyeessu

Galii dinagdeen maddisiisu karaa haqaqabeessa walitti qabuun hojiilee misoomaa adda addaaf olfama. Fooyyessa taasifame kanarratti Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) dabalatee ministiroonni dhimmi ilaallatuufi Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa bal’aa kennaniiru.

Fooyyessa dinagdee fayyadama gabaa walabaatiif ulaa bane

Haaluma kanaan Fooyyessi Dinagdee Gooroo Itoophiyaan taasiste zoonii Daldala Walabaa Afrikaa dabalatee gabaa Idiladdunyaatti akka fayyadamtu taasisa jechuun ibsan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD). Fooyyessichi irrakeessa osoo hintaane gadifageenyaan ilaalamuu akka qabus eeran.

Fooyyessi kun jijjiirama biyyaalessaa hordofuun qajeelfamoota yaadrimee misoomaa falaasama ida’amuurratti hundaa’uun ta’uu himanii, murteewwan barii jijjiiramaa mootummaan murteesse keessaa inni tokko dinagdee Itoophiyaa hirmaannaa damee dhuunfaaf banaa taasisuudha.

Adeemsa sana boodaatiin keessumaa akkaataa fooyyessa dinagdee mandhalee jalqabaatiin amma tokkos ta’u dinagdee seektara dhuunfaaf walaba taasisuudha. Haaluma kanaan Fooyyessi Dinagdee Gooroo haaraa miti. Fooyyessi dinagdee mandhalee jalqabaa qormaata dandamachuun bu’aalee hedduu galmeessiseera.

Biyyoota Afrikaa dinagdee guddaa dhugoomsan keessaa dinagdeen Itoophiyaa qofti cufaa ture. Haala qabatamaa amma jiruun akkaataa kanaan dinagdee bu’aaqabeessa taasisuun hindanda’amu.

Itoophiyaan dinagdeeshee cuftee zoonii daldala Afrikaa dabalatee gabaa idiladdunyaatiin fayyadamuu hindandeenye. Itoophiyaan zoonii daldala walabaa Afrikaa sadarkaa ardiitti hojjetamaa jirutti fayyadamuuf dinagdeenshee cufaa ture banamuu qaba. Fooyyessi kun kana nidhugoomsa.

Fooyyessichi milkaa’inoota kanaan dura argaman ittifufsiisuufi carraalee haaraa uumuun caarraaqqiiwwan badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf jalqabaman milkeessuufis nigargaara.

Fooyyessa baankota Itoophiyaa baraare

Itoophiyaan dinagdeeshee cuftee turuunshee qormaata bara baraa keessatti akka kuftu taasiseera. Fakkeenyaaf daldalli alaa sharafa alaa amma barbaadamu galchuu erga dadhabee turteetti. Omishoonni Itoophiyaas karaa kontirobaandii akka bahan taasiseera. Itoophiyaan hamma humnashee invastimantii kallattii biyya alaarraa fayyadamuu hindandeenye.

Gama biraatiin sirni gabaa seeraan alaa akka babal’atu gochuun qaala’insi gatii lammiileerratti dhiibbaa akka geessisu taasiseera. Fooyyessi kun cabiinsota dinagdeerratti fe’aman kaasuudhaanis kaka’umsa gaarii ni uuma.

Keessumaa ittifufiinsa seektara faayinaansii mirkaneessuuf qooda olaanaas niqaba. Fakkeenyaaf maallaqa baankiin daldalaa bittaa boondiirraa walittiqabe pirojektota misoomaa liqiisaanii deebisuu dadhabaniif qaqqabsiisaa ture.

Kun ammoo baankicha idaa keessa akka galchuufi yoo idaasaa deebisuu hindandeenye jiguunsaa waan hinoolle ture. Baankiin Daldala Itoophiyaa jiguun amantaa baankota Itoophiyaarratti qaban nidhabsiisa. Kun ammoo ittifufiinsa baankota biyya keessaa rakkoorra buusa.

Dhimmoota mootummaan marii ‘IMF’fi Baankii Addunyaa waliin taasiseen kaase keessaa tokko Baankii Daldalaa Itoophiyaa kan ilaallatuudha. Marichaan baankichi walumaagala dhaabbilee kanneenirraa maallaqa dabalataa doolaara miliyoona 700 argateera. Kunis baankicha jiguurraa baraaruun ala hirmaannaan misoomaasaa akka ittifufu taasisa.

Waa’ee fooyyessichaa guutummaatti hubachuu

Jijjiirama dinagdee gooroo irra keessa osoo hintaane guutummaatti hubachuutu barbaachisa. Misooma biyyaaf maaltu ta’uu akka qabu yaadama ida’amuutiin gadifageenyaan madaalameeti kan lafa kaa’ame. Kaayyoonsaas badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha. Hiyyummaarratti xiyyeeffata. Dadhaboota rakkoof saaxilaman deeggaruudha.

Milkaa’inni hojiilee jijjiiramaa hundi tumsa qaamolee qooda fudhattootaa taasisanirratti hundaa’a. Kun ammoo waliin tumsuun omishtummaa, daldala alaafi galii guddisuu jechuudha. Qaamoleen seera raawwachiisan daldaltoota hojii jijjiiramaa karaa seeraan alaa fayyadamuu barbaadanirratti tarkaanfii akka fudhatan ittigaafatamummaan kennameeraaf.

Fooyyessa dandeettii maallaqaafi fiisikaalaa cimsu

Fooyyessichi dandeettii maallaqaafi fiisikaalaa kan gabbisuufi sirna bulchiinsa sharafa alaa kan ammayyeessuudha. Fooyyessichi milkaa’inoota fooyyessa dinagdee mandhalee boqonnaa jalqabaatiin galmaa’an ittifufsiisuuf Fooyyessi Dinagdee Mandhalee Boqonnaa lammaffaa guutummaan akka hojiirra oolu taasifameera.

Fooyyessichi guutummaan hojiirra ooluunsaa qisaasama qabeenyaa hambisuun omishtummaafi invastimantii guddisuuf gumaacha olaanaa qabaata. Sharafa alaafi madaallii kafaltii akkasumas nageenya fiisikaalaa eegsisuun fayyadama lammiilee kan mirkaneessuudha.

Fooyyessa dinagdee mandhalee boqonnaa jalqabaatiin taaksii walittiqabuun, bulchiinsa baasii mootummaafi dameelee dinagdee waaraatiin bu’aan argameera.

Kanaaf fooyyessichi siviil sarviisii cimaadhaan dandeettii imaammata maallaqaafi fisikaalaa gabbisuun sirna bulchiinsa sharafa alaa ammayyeessuuf kan gargaaruudha.

Mootummaan fooyyessichaan boba’aa, xaa’oo, zayitii, dawaafi kkf utubuun faayidaa olaanaa qabaata. Fedhii sharafa alaa damee dhuunfaaf deebii kennuun omishtummaa fooyya’aafi dhiheessiin galtee akka jiraatu nitaasisa.

Ka’umsa fooyyessichaatiin deeggarsi maallqaa deeggartootaafi dhaabbilee misoomaarraa argamu guutummaan misooma akeekameef akka oolu gochuuf qophiin taasifameera.

Milkaa’ina fooyyessichaatiif keessumaa hayyoonni, dhaabbileen haqaa, hawaasni daldalaa, jiraattonni waliigalaa qoodasaanii bahachuu qabu.

Fooyyessichi invastimantii nijajjabeessa

Hojiirra oolmaan fooyeessa dinagdee gooroo daldala alaafi invastimantii kan jajjabeesuufi dorgomummaa kan dabaluudha.

Tarkaanfii mootummaan fudhate namoonni hedduun eegaa turan. Guddinni waliigalaa biyyaaf akkasumas fayyadamummaafi babal’ina invastimantii keessatti gahee olaanaa qabaata.

Dinagdee biyyaa haalaan hogganuu, daldala alaa guddisuu, invastimantii walittiqabuufi sharafa alaa guddisuun damee daldalaafi omishaaf carraa guddaa fidee kan dhufuudha.

Fooyyessa imaammata dinagdee gooroon sharafni alaa gabaan akka durfamu taasifamuun garaagarummaa gabaafi baankota jidduu tures dhiphisuudha. Industiriiwwan omishaa qaawwa gama sharafa alaatiin jiru guutuun omishtummaa guddisuufi dorgomaa ta’uuf kan gargaarudhas.

Hojiirra oolmaafi faayidaa fooyyessichaa

Adeemsi fooyya’iinsaa kun deeggarsa Dhaabbata Maallaqaa idiladdunyaa (‘IMF’)fi Baankii Addunyaa dabalatee dhaabbilee deeggartootaa idiladdunyaa biroon hojiirra oolfama.

Jijjiiramni taasifame dinagdeen gabaadhaan akka durfamu, baasiifi galii mootummaa fooyyessuun idaa hir’isuurratti faayidaa olaanaa qabaata. Sababa fooyyessichaatiin lammiilee miidhamoo ta’aniif daballiin mindaafi deeggarsi nitaasifama.

Ka’umsi fooyyessa dinagdee ammaa dinagdee mandhalee waggoota jahan darbanitti sadarkaalee adda addaatti hojiirra oolaa tureedha. Kanaanis haala rakkoo caaseffama bulchiinsaatiin hudhamee kan ture damee dhuunfaa si’oomsuun dursitoota dinagdee akka ta’an haalli dandeesisu uumameera.

Ijaarsi pirojektota yeroo kaa’ameef keessaattiifi bajata qabameefiin akka xumuraman taasifamuun danda’ameera. Muuxannoon kun fooyyessa dinagdee gooroo guutuu hojiirra oolchuuf ka’umsa gaariifi haala dandeesisu kan uumeedha.

Jijjiirama biyyaalessaa as dinagdee tasgabbaa’aan akka jiraatuuf hojiilee hedduun hojjetamaniiru. Fooyyessicha karaa guutuu ta’een hojirra oolchuun dinagdee Itoophiyaa tasgabbaa’aa, guutamaafi ittifufiinsa qabu galmeessisuuf gahee olaanaa qabaata.

Bajata dabalataa

Bajanni mootummaa federaalaa kan bara 2017 qarshii biliyoona 971.2 ta’uun mana maree bakka bu’oota ummataan ragga’uun ni yaadatama. Bajanni kun kan bara darbee wajjin yoo madaalamu dhibbantaa 21.1 caalmaa kan qabudha. Kana keessaa bajata idilee qarshii biliyoona 451.3, bajata kaappitaalaa immoo qarshii biliyoona 283.2tu qabame.

Fooyyessichi dinagdee amansiisaafi waaraa ijaaruuf bu’uura kan kaa’uudha. Fooyya’iinsa imaammataa taasifamuu kana hordofee maddeen faayinaansii adda addaa hirpha taasisaa jiru. Kana hordofuun ministeerri maallaqaa bajata mootummaa federaalaa bara 2017 ifa ta’eerratti bajata dabalataa taasisa.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka raggaasisuuf kan qophaa’ee bajata dabalataa qarshii biliyoona 550 ol yoo ta’u, kana keessaa biliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan ooluudha.

Mootummaan oggaa fooyyessa dinagdee kana labsu lammilee galii gadaanaa qaban jiddugaleessa taasifateeti. Kanaanis lammiilee galii dhaabbataa qabaniifi seeftineetii misoomaatiin deeggaramaniif deeggarsa gahaa gochuuf bajanni dabalataa kun murteessaadha.

Dabalataan bajanni kun hirpha zayitii nyaataa, boba’aafi qorichaaf akka oolu gochuun yaaddoo yeroo imaammannii kun hojiirra oolu mudachuu danda’u dursanii ittisuu kan dandeesisuudha.

Gama biraatiin baasii biyyaalessaa galii ofiin guutuuf tattaaffiin taasifamu cimee kan ittifufuufi hojiirra oolmaan imaammatichaa humna galii guddisuu keessattis gahee murteessa qaba.

Dhaamsa Ministira Muummee

“Dhimma jijjiirama dinagdee gooroo qeenxeedhaan utuu hintaane guutummaasaa ilaaluu barbaachisa. Yaadama ida’amuu keenyaan misooma biyyaaf maaltu godhamuu akka qabu gadifageenyaan madaallee keenyeerra. Kaayyoon keenya badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuudha.

Adeemsi keenya hiyyeessaaf kan toluufi warra daran hiyyummaaf saaxilaman deeggaruurratti kan xiyyeeffatuudha. Milkaa’inni hojii jijjiiramaa keenyaa hundi tattaaffii gamtaa qaamolee ilaallatuurratti kan hundaa’edha.

Kunis omishtummaa, daldala alaafi galii walta’insaan guddisuu jechuudha. Qaamoleen seera raawwachiisan dadaltoota saamtota karaa hinmalleen seeraan ala fayyadamuu barbaadanirratti tarkaanfii akka fudhatan ittigaafatamummaan kennameeraaf.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You