Itoophiyaan biyya maraanmartoo hiyyummaa keessa jiraachaa turteefi jirtu taatee jijjiirama siyaasaa bara 2010 hordofee hiyyummaaf boodatti hafummaa keessaa ba’uuf riifoormiiwwan guguddoo hojiirra oolchaa jirti. Riifoormiiwwan kanneen keessaa riifoormii dinagdee mandhaaleetti aanee kan dhufe fooyyessa dinagdee gooroo tibbana taasifameedha.
Fooyyeessa dinagdee gooroo taasifame hojiirra oolchuun Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti. Cabiinsa dinagdee keessa turte keessaa ba’uufis filannoo dorgomummaa ishee guddisu daandii gara badhaadhina qabatamaatti geessuudhas.
Qormaatawwan fooyyessa dinagdee gooroo wajjin walqabatee dhufu dandamachuun dorgomtummaa dinagdee addunyaa keessa galuuf balbala akkasii banuun haala mijaawaa uumamni nu gonfachiisetti fayyadamnee, kan qabnuttis sona daballee humna alergii keenya akkaataa barbaadamuun daballaan milkaa’ina keenyaaf carraa amansiisaa qaba.
Haata’u malee, dukkaneessanii laaltonni keessaafi alaa fooyyessa dinagdee gooroo taasifame dukkaneessuun yoo danda’an boodatti deebisuu yoo dadhaban bakkuma jirutti dhaabsisuuf tattaafachaa jiru.
Mootummaan murtoo akkasii kan murteesse cabiinsa biyyi keessa jirtu bu’uurarraa jijjiiruuf tarkaanfii waan yaadeefi. Kunis dhaabbilee faayinaansii bayyanachiisuurratti kan xiyyeeffate tooftaa miidhaa biyyarraan hingeenyeenis kan hordofamuudha.
Qormaata mudachuu malu dandamachuun faayidaa gama kanaan argamu guddisuuf mootummaa, uummata, qaamotni hojii bizinasii keessatti qooda fudhataniifi hayyonni maal gochuu qabu? Eenyu irraa maaltu eegama? Kan jedhu xiinxalamuufi uummatni fayyadamummaa isaa akka mirkaneeffatuuf tumsa taasisuun barbaachisaadha.
Kanaafis akkuma hayyoonni damichaa jedhan malaammaltummaa, hojmaata badaafi kontirobaandiirratti to’annaa jabaan diriiruu qaba. Waanti malaammaltummaafi kontiroobaandiidhaan alatti ergamu qaala’iinsa jireenyaa hamaaf ulaa bana.
Fooyyessi taasifame gatii gabaa bu’uureffateeti malee hanga bittaa qarshii kan dadhabsiisu waan hintaaneef dinagdee gabaa bilisaa ijaaruun guddina saffisaaf bu’uura jabaa ta’us rakkoolee yeroof mudatan maqsuuf akkuma jedhame harkaqal’eeyyii hirphuun, seeftineetii gabbisuun eeggattummaarraa gara omishtummaatti, boba’aa, xaa’oo, qorichaafi shaqaxoota bu’uuraa hirphuun cimee ittifufuu qaba.
Walumaagalatti, fooyyessa dinagdee gooroo utubaawwan ijoo afuriin ijaarame jechuunis tokkoffaa, dinagdee tasgabbaa’inaafi ittifufiinsa qabu bu’uuressuu; lammaffaa, hojiilee kalaqaafi invastimantiif haala miijeessaniifi dorgomoo guddisuu; sadaffaa omishaafi omishtummaa biyya keessaa jabeessuufi afraffaa, tajaajila qulqullina qabu kennuuf dandeettii mootummaa guddisuu qabateefi cabiinsa dinagdee biyyattii haala waaraadhaan wal’aanuuf tajaajilu kana sirnaan hojiirra oolchuun daran murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016