Daaw’annaa Oromiyaa kibbaatti

Gujii

Gareen hoggansa olaanaa Oromiyaafi federaalaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu tibba darbe goleewwan adda addaa naannichaatti daaw’annaa hojii taasiseera.

Dhiyeenya kana ammoo gara Oromiyaa kibbaatti imaluun hojiilee misoomaa daaw’ateera. Imala kana ilaalchisuun Obbo Shimallis ergaa ittaanu dabarsaniiru.

Imala keenya tibbanaa ittifufuun Godina Gujii Lixaatti magaalaafi baadiyyaa, maasiifi qe’ee qonnaan bulaatti argamuun woyyoomasaa dhagginee, faarasaa dhageennee jabina, komiifi sochii misoomaa ummata keenyaa daawwachuu ittifufneerra.

Gujiin lafaafi namaan Ayyaantuu, sirnaan Gadaadha. Gujiin namaan qaroo, lafaan suga guutuudha. Gujiin wayyooma lafaafi waaqan nagaa lallabu. Kanaaf, yeroo hunda Mijuu yoo eebbisu:

“Bobbaan nageya

Tissaa uleen nageya

Gooroon Doolaa nageya

Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya

Barri Roobaaf nageya” jedhee dacheef qilleensasaa irra deddeebiin eebbisee hoofkaltii hawwa.

Daawwannaa hojii misoomaa Godina Gujii Lixaatti Aanaalee Abbayyaa, Surroo Barguddaafi Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti taasisneen, inisheetivoota misooma bunaa, qamadii, maashoo, horsiisa looniifi pirojektota garagaraa raawwatamaa jiran daawwanneerra.

Jalqabbiin qonna kilaastara qamadii dansaafi jajjabeessaa waan ta’eef qonnaan bulaan bu’aa callaa argaturraa akka qusatu jajjabeessuun tiraaktaraafi kombaayinara akka bitatu, akkasumas gara invastimantiitti akka ce’u utubuun hojii dursi kennamuufi qabuudha.

Sochiin misoomaa waliigalaa godinichaa jalqabbii jajjabeessaarra kan jiruufi xiyyeeffannoon deeggaramnaan yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina giddugaleessa mirkaneessuuf kan nu dandeessisu ta’uun hubatamee qooda fudhattoonni hundi gahee ittigaafatamummaasaa akka bahatu hubachiisuun barbaada.

Carraa kanaan simannaa ho’aafi jaalala cimaa ummanni godinaalee Oromiyaa Kibbaa nutti agarsiisaa jiruuf maqaa kiyyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

Boorana

Daawwannaa sochiifi ga’umsa hojiilee misoomaa Godinaalee Oromiyaa Kibbaatti taasisaa turre ittifufnee gara Godina Boranaatti fuulleffachuun ofkaltiin goolabneerra. Beekaan tokko Boorana yemmuu ibsu, “Ummata murtoo yaa’ii” (‘people of the assembly’) jechuuni. Booranni beekaa qaroomina bulchiinsaati; dhaloota sadarkaan Sirna Gadaa keessatti guddisuunsaa kanaafi. Booranni “ebelu qaroo, hagam? jennaan, haguma herrega ykn yaadisaa” jedhee mammaakuun asirraa ka’eeti.

Balbala Gadaa keessatti amanamummaafi qajeelina barsiisa. Kanaafuu, xiyyeeffannoofi mararfannaa ummata ulfoo keenya kanaaf qabnu waadaa galleef amanamummaan raawwachuu akka qabnu amanna.

Bu’uuruma kanaan, aanaalee Yaabeelloo, Dirree, Eelwayyeefi Moyyaaleetti argamuun inisheetivoota qamadii, horsiisa loon sanyii fooyya’aa marga beeyladaa, pirojektota Hidha Finnaafi buufata xayyaaraa Magaalaa Yaabeelloo daawwanneerra.

Jalqabbiin sochii misooma horsiisa loonii sanyii fooyya’aa, nyaata beeyladaafi pirojektota hidha Finnaa sadarkaa jajjabeessaarratti argamus, jijjiirama qabatamaa dhugoomsuuf baay’inaafi saffisaan hojjechuun idileessuun dirqama ta’uu hubachiisuun barbaada.

Mootummaan jijjiiramaa keenya inisheetivoota Looreetii Nagaa Addunyaa Kabajamoo Ministira Muummee keenya Doktar Abiyyi Ahmadiin bocaman qixa barbaadamuun hogganuun, ummata keenya gara badhaadhina hunda galeessaatti ceessisuuf halkanii guyyaa kan hojjetu ta’a.

Dhumarrattis, simannaa kabajaafi jaalala ummanni Oromiyaa Kibba nuu kennitaniif irra deddeebiin galatoomaa jechuun barbaada.

Kutaa qophiitiin qindaa’e

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You