Boqqonnaan calallii ajandaa milkaa’ina marii biyyaalessaatiif dhimma murteessaadha

  • Harariitti waltajjiin marii ajandaa walittiqabuu har’a jalqabama

Haraarii: Mariin calallii ajandaa naannolee waliigaltee biyyaalessaa uumuuf boqonnaa ta’uu murteessaa ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Naannoo Harariitti waltajjiin marii ajandaa walittiqabuu har’a, Hagayya 4 bara 2016 irraa  eegalee guyyoota ja’aaf adeemsifama.

Komishinarri komishinichaa Ambaasaaddar Mahaammud Diriirii calallii ajandaa Naannoo Hararii ilaalchisuudhaan dheengadda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, mariin calallii ajandaa Harariitti gaggeeffamuufi naannolee birootti gaggeeffaman ajandaa bu’uura waliigaltee biyyaalessaa milkeessan walittiqabuuf daran murteessaadha.

Boqonnaa marii kanarratti qaamoleen hawaasaafi qoodafudhattooti wal ta’uun dhimmoota bu’uuraa waliigaltee biyyaalessaaf naannicha bakka bu’anii marii ummataan adda baasanii akka dhiyeessan taasisa. Bu’aan marii gaggeeffame kan waloo ta’ee koomishinichaaf akka dhiyaatu himanii; komishinichis ajandaalee calalamanii dhiyaataniif kan naannoleefi magaalota biroorraa dhufan waliin walittiqindeessuun aangoo labsiin kennameef bu’uura godhachuudhaan ajandaa marii biyyaalessaa boca jedhaniiru.

Bakka bu’oota kutaalee hawaasaa kurnan, dhaabbilee siyaasaa naannichaa, bakka bu’oota qaamolee mootummaa sadan, dhaabbileefi waldaalee garagaraa, akkasumas namoota bebbeekamoofi dhiibbaa gaarii uuman dabalatee waliigalaan hirmaattotni kuma tokko caalan maricharratti akka hirmaatan ibsaniiru. Kanaaf, jiraattoti bu’aa biyyaalessaa marichi qabu hubachuudhaan dammaqinaan akka ittihirmaatan jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Komishinar Doktar Taganyiwarqi Geetuu gamasaaniin akka jedhanitti, mariin naannoo Harariitti gaggeeffamu boqonnaa calallii ajandaafi hirmaattota jiraattota naannichaa bakka bu’uun marii biyyaalessaarratti hirmaatan adda baasuudha. Ajandaan calalame komishinichaafi gorsitoota komishinichaan bocamee marii biyyaalessaaf dhiyaachuun mariin gaggeeffama jedhaniiru. Marii waliigaltee biyyaalessaa fiduuf gaggeeffamaa jiru fiixaan baasuuf deeggarsa miidiyaaleen taasisaa jiran galateeffachuun deeggarsi midiyaalee akka itti fufu gaafataniiru.

Komishinichatti qindeessaan  boca ajandaaleefi marii obbo Tamasgeen Abdiisaa ibsa calallii ajandaa komishinichaa ilaalchisuun kennaniin, adeemsi marii biyyaalessaa sadarkaa naannoo, bulchiinsa magaalotaa, federaalaafi dayaaspooraatti gaggeeffama. Calalliin ajandaa sadarkaa sadarkaan gaggeeffamus ajandaalee sadarkaa biyaalessaatti bocamaniif galtee ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, guyyoottan marii jalqabaa sadanitti kutaalee hawaasaa kudhanirraa walitti baba’aniifi qoodafudhattoota (dhaabbilee amantaa, dhaabbilee siyaasaa,…) garee xixiqqaatti qoodamuun mari’atama. Ittaansuudhaan ajandaalee garee xiqqaatti mari’atan akka hawaasaatti irratti mari’achuudhaan ajandaa waloo taasisuun komishinichaaf dhiyeessuu jedhaniiru.

Komishinichis ajandaalee calalamee dhiyaatee bu’aa faayidaa biyyaalessaa giddugaleeffachuun ajandaa marii biyaalessaa taasisuun bocee mariif dhiyeessuun akka irratti mari’atamu taasisa jedhaniiru.

Mariin biyyaalessaa gaggeeffamus rakkoo waloorratti waliigaluufi rakkoo waloo akkamitti akka furanirratti walii galuu eeranii; waliigalteen haala kanaan uumamus mootummaafi ummata gidduutti walamantaa uumuudhaan duudhaa waloo akka cimu taasisuun marii aadaa taasisa.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 4 Bara 2016

Recommended For You