Yeroo gannaa kana of eeggannaafi dammaqinaan

Yeroo gannaa kana oggaa bokkaa cimaan roobu muka guddaafi tabba wayii jalatti dheessuun ykn dahachuun ni jira. Roobni cimaan lafa ol jedhaatti roobe walqabatee lafa gadjallaa jirurratti dhangala’uun namas ta’e qabeenya miidha. Bishaan bifa lolaatiin lafa ol ka’aarraa dhangala’u kanaan lagnis guutee warra gadjallaa jiran miidhaa tasaatiif saaxiluu mala.

Akka haala qilleensaa biyya keenyatti ammoo yeroon amma keessa jirru tibba gannaa ta’uun beekamaadha. Bokkaa cimaatu rooba. Kanaan ammoo lagni ni guuta, akkuma naannawawwan biyya keenyaa tokko tokkoofi biyya akka Hindiifaatti mul’ate sigigni lafaas mudachuu danda’a.

Itoophiyaan biyya haala teessuma lafaa adda addaa qabduudha. Haalota teessuma lafaa kanneen keessaa harka 49 sigiga lafaa sadarkaa olaanaafi jiddugaleessaatiif kan saaxilamu ta’uu hayyoonni damichaa argannoo qo’annoorratti hundaa’uun ni ibsu.

Lafti biyyattii harka walakkaa ta’u balaa sigigaatiif kan saaxilame ta’uun daran yaaddessaa waan ta’eef dursee malli dha’amuufi hawaasnis dammaqinaan of eeggachuu akka qabuudha hayyoonniifi dhaabbileen akka Mitiworolojii irradeddeebiin kan gorsan.

Balaa sigiga lafaa kun akka Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Goofaa hamaa ta’uu baatus tibbanuma Godina Kafaa; Naannoo Amaaraa Magaalaa Dasee; Naannoo Sidaamaa, Godina Jiddugaleessaa, Magaalaa Dirre Dhawaa, akkasumas Oromiyaa lixaa, naannawa Jimmaa fa’itti mul’achuu miidiyaaleen adda addaa gabaasaa turaniiru.

Akka ragaan Inistiitiyuutii Mitiworolojii Biyyaalessaa biraa argame ibsuttis kutaalee biyyattii tokko tokkotti roobni cimaan balaa lolaa tasaafi sigiga lafaa hordofsiisu ni jiraata.

Inistiitiyuutichi haala qilleensaa guyyoota kudhanii ilaalchisee ibsa kenneen, bara Faranjootaa 2024 jalqaba baatii Hagayyaa eegalee kutaaleen biyyattii Rooba waqtii gannaa argatanitti hammi roobaa caalmaatti cimee akka ittifufu eereera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti roobni idileen olii balaa lolaa tasaafi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu raageera. Kutaaleen Lixaa, Kaaba Lixaa, Kaaba, Kaaba Bahaafi giddugaleessi biyyattii hamma Roobaa cimaa kan argatan ta’uus himeera.

Hammi Roobaa cimaa ta’e kun balaa lolaafi sigiga lafaa hordofsiisuu waan danda’uuf hawaasni dursee of eeggannoo akka taasisu waan hubachiiseef fudhatanii hojiirra oolchuun daran murteessaadha.

Godinni Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Godinaalee Wallaggaa, Shawaa, Arsii, Harargee Lixaa, Magaalaa Finfinnee, Dirre Dhawaafi Hararii dabalatee kutaaleen biyyattii hedduun rooba giddugaleessaa hanga idileen olii kan argatan ta’uu inistiitiyuutichi waan raageef jiraattonni naannawawwan kanneenii of eeggannaafi dammaqina barbaachisaa gochuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You