Doktar Dirribaa Tarrafaa Kiisii ammaan tana Daarektara Inistiitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromoo ta’anii tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, hayyuun kun keessumaa dhimma waaltinaafi caasluga Afaan Oromoorratti waggoota dheeraaf hojjechuun beekamu.
Hayyuun kun digrii jalqabaasaanii Afaaniifi Ogbarruudhaan, digrii lammaffaa Afaan Oromoofi Ogbarruudhaan digrii sadaffaa ykn digree doktareetii ammoo Fooklooriifi Ogbarruudhaan Yunivarsitii Finfinneerraa argataniiru.
Qophiilee kitaaba barnootaa kutaalee adda addaa, galmee jechootaa, kitaaba WIIRTUU, akkasumas qophii mojuloota kolleejotatti ittiin barsiisuuf oolu Afaan Oromootiin qopheessuu, haalatti miidiyaaleen Afaan Oromoo ittifayyadamanirratti qo’annoo geggeessuun, hiika afaanotaarratti walumaagalatti dhimmoota guddina Afaan Oromoo, duudhaa, safuu, aadaafi seenaa Oromoo ni gumaachu jedhaman hundarratti of qusannaa tokko malee of kennanii hojjechaa jiru.
Hayyuu cimaa kana dabalatee Yunivarsitiin Finfinnee barana yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin digrii sadaffaatiin (doktareetiidhaan) eebbisiiseera. Bariisaanis seenaa haaraa galmaa’e kana ka’umsa godhachuun eebbifamaa Doktar Dirribaa Tarrafaa wajjin turtii gabaabaa kan taasise yoo ta’u, innis akka itaanutti dhiyaateera.
Bariisaa: Yunivarsitiin Finfinnee seenaasaa keessatti barana yeroo jalqabaatiif barattoota Afaan Oromootiin digrii doktareetiitiin eebbisiiseera. Isin ammoo qaama seenaa jalqabaa kanaati. Doktar Dirribaan waa’ee kanaa akkamitti ibsu mee?
Doktar Dirribaa: Dhugaa dubbachuuf kun seenaa guddaadha. Yunivarsitiin Finfinnee yunivarsitiiwwan biyya kanaatiif hangafa; yunivarsitichi Itoophiyaa qofatti otoo hintaane naannawuma gaanfa Afrikaattuu darbees akkuma addunyaattuu daran beekamaadha, guddaadhas.
Yunivarsitii guddaafi beekamaa kana keessatti Afaan Oromootiin sadarkaa ‘PhD’ (digrii 3ffaatti) barnoonni Afaan Oromoofi fookloorii kennamuun guddina afaanichaa keessatti iddoo olaanaa qaba. Kun seenaa baruu barsiisuu biyya kanaa keessatti bakka guddaa qabuudha.
Yunivarsitii kana keessatti kanaan dura namni Afaan Oromootiin sadarkaa kanatti barachuu, ittiin qorachuu mitii Oromoon akka Oromootti ani Oromoodha ofiin jechuufuu iddoo daran itti sodaatamu ture. Dhiibbaawwan adda addaas turaniiru.
Seenaa sanatu jijjiirameeti egaa Afaan Oromoo sadarkaa digrii sadaffaatti, isayyuu fooklooriifi barnoota ogbarruu Afaan Oromootiin kan kennamu. Kennamuu qofa otoo hintaane yeroo jalqabaatiif sadarkaa kanaan barattoota afur eebbisiisuunsaa seenaafi jijjiirama guddaadha. Seenaa baruu barsiisuu Afaan Oromoo, akkasumas qo’annoofi qorannoo Afaan Oromoo keessattis iddoo olaanaa kan qabuudhas. Jalqabbiin kun guddina Afaan Oromootiifis gumaacha olaanaa kan buusuudha.
Anis akka nama tokkootti carraa kana argachuu kootti dhugaa dubbachuuf gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Akka Oromoo tokkootti Afaan Oromootiin baratanii eebbifamuun daran nama gammachiisa.
Bariisaa: Dubbistootuma keenya yaadachiisuuf sirnoota darban keessatti Afaan Oromoo akkamiin ibsama?
Doktar Dirribaa: Egaa Afaan Oromoo sirnoota darbanitti akkam akka ture waantota baay’ee kaasuu dandeenya. Dhalli Oromoo afaansaatiin barachuu, barsiisuu, afaan Oromootiin qo’annoofi qorannoo taasisuu, afaan miidiyaa taasisuu, afaan ogbarruu taasisuu mitii Oromummaadhumasaatiifuu yeroo itti shakkamaa tureedha. Yunivarsitiin kun ammoo sadarkaa kanatti Afaan Oromootiin barsiisuu dhiisii Oromoodhuma achi keessa hojjetuyyuu baay’ee hinargitu ture. Yoo argames dhiibbaawwan adda addaatu irra gahaa ture.
Inni kun amma faallaa ta’ee dhugumatti seenaatu hojjetame. Kun nu, eebbifamtootaafis gammachuu guddaadha, ummata Oromoo bal’aafis akkasuma. Guddina Afaan Oromootiifis bu’uura guddaadha.
Bariisaa: Sila waa’ee fookloorii kaastaniirtuutii fookloorii jechuun maal jechuudha, maal maal of keessatti qabata? Maalsaas qorattan?
Doktar Dirribaa: Fooklooriin waantota baay’ee of keessaa qaba. Afoola ummataafaa. Waan kana qoratteefi qayyabattee saayinsii dhimma kana faana walqabatus sirriitti xiinxaltee, barattee, dubbisteeti kan sadarkaa kanatti ittiin eebbifamtu.
Lammaffaa duudhaa Oromoos kan of keessatti qabatuudha. Kana keessatti duudhaa ummatichaa ilaalleerra, baranneerra, sirriitti sakattaaneerras. Muuxannoowwan akka addunyaa, Afrikaatti jiraniifi gama kanaan beekumsi Oromoo keessa jiru hoo maal fakkaata jennee hojii guddaa sirriitti kan irratti hojjenneedha.
Fooklooriin waa’ee meeshaalee aadaas (‘material culture’) of keessatti qabata. Meeshaan aadaa Oromoo kun faayidaansaa maali, akkamitti eenyummaa ummata tokkoo ibsa kan jedhuufi falaasamni Oromoon kana faana qabu maal fakkaata, qaroominni Oromoon kana waliin qabu hoo akkamitti ibsama, beekumsi jiru akka Afrikaattis ta’e addunyaatti maal fakkaata? Oromoon gama kanaan beekumsa akkamii qaba dhimmoota jedhanirratti sirriitti baranneerra, qayyabanneerra, qoranneerras. Muuxannoowwan Oromoo, Afrikaafi addunyaas sirriitti ittiin ilaallee waraqaa qo’annoofi qorannoo ittiin hojjenneedha.
Afraffaarratti fooklooriin dhimma parfoormiingi arti ykn ammoo fook arti ykn aartii hawaasaa jedhamu of keessaa qaba. Oromoon aartii, beekumsa, ogummaa akkamii qaba kan jedhu sirriitti sakattaanee muuxannoowwan akka addunyaafi Afrikaatti jiran walmaddii qabnee kanitti qoranne, baranneefi waantota hedduu itti ilaalleedha.
Yaaxxina (tiyooriiwwan) gama kanaan jiran akka biyya keenyaattis ta’e ardiifi addunyaatti sirriitti ilaalleerra. Muuxannoon akka addunyaa, Afrikaafi biyyaatti maal ta’uu qaba kan jedhanirratti barnoota kallattii ittiin keenyeedha. Waraqaan qo’annoo keenya dhimmoota kanneen bal’inaa kan of keessatti qabateedha.
Bariisaa: Matadureen qo’annoo keessanii maalirratti xiyyeeffata?
Doktar Dirribaa: Mataduree qorannoo koo, “Hariiroo Namaafi Uumamaa: Ija Ilaalchaafi Afoola Oromoo Tuulamaatiin” kan jedhuudha. Waraqaa qo’annoo kanaan beekumsa guddaa argadheera. Barreeffamoota hedduu mataduree koo kana wajjin walqabatan kanneen sadarkaa addunyaafi Afrikaatti jiran siirriitti dubbiseera, xiinxaleera. Waraqaa qo’annoo kootiin dhimma kana sirriitti gadifageenyaan hubadheera. Qo’annoon kun guddina afaan, aadaafi fookloorii Oromootiif bakka guddaa qaba.
Bariisaa: Isin, warra barana eebbifame dabalatee hayyoota afaanichaa kaanirraa maal haa eegnu? Waan qo’attan kana keessumaa miidiyaan akkamiin ummata biraan gahuu qaba?
Doktar Dirribaa: Dhugaa dubbachuuf qo’annoon adeemsifame kun guddina Afaan Oromootiif gumaacha olaanaa qabaata. Bu’uurasi. Sadarkaa digrii doktareetiitti afaanichaan qo’annoofi qorannoon gaggeeffamuun waan guddaadha. Isayyuu aadaa, fookloorii, ogbarruu, aartiifi duudhaa Oromoorratti sadarkaa kanaan hojjetamuun guddina Afaan Oromootiif waan guddaa gumaacha.
Waaltina Afaan Oromoofillee iddoo olaanaa qaba. Ogbarruu Afaan Oromootiifis akkasuma. Gama miidiyaatiinis yoo ilaalle qorannoowwan kunniin miidiyaadhaafillee galtee guddaa ta’u. Miidiyaan waan qo’atameefi barreeffamee taa’e galtee taasifata. Qorannoon hojjennee sadarkaa digrii 3ffaatti ittiin eebbifamne kun manii xumuraa miti.
Argannoo ummata keessaa walitti guurtee argatte kana deebisanii ummata biraan ga’uun daran barbaachisaadha. Hayyoonni kaanis dhimmoota aadaafi duudhaa ummatichaatiin walqabatanirratti bal’inaan hojjechuu qabu.
Waan hojjetame ammoo sheelfiirra kaa’uu otoo hintaane gara imaammataafi hojiitti jijjiiruun barbaachisaadha. Beekumsa argame kana dhaloota ittiin barsiisuufi qaruu, imaammata qophaa’u keessa galee shoorasaa akka bahatu gochuu barbaachisa.
Hojiilee qorannoo hayyoota damichaatiin qo’atame ummata biraan gahuu keessatti gumaachi miidiyaa daran olaanaadha; hojichi akkamiin hojii barsiisuu keessa galee gumaachuu akka danda’urratti karaa hubannoon ittiin uumamu keessaa tokko karaa miidiyaa waan ta’eef.
Keessumaa bu’aan qorannoo kun imaammataafi tarsiimoo biyyattiin qabatte faana deemuu akka danda’uuf miidiyaan xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Qorannoodhuma adeemsifame kana mataduree matadureedhaan qoqqoodanii ummata biraan gahuun gumaacha olaanaa qabaata.
Kanaanis dhaloota aadaa, afoolaafi duudhaasaatti boonu horachuun nidanda’ama. Faayidaan kanaa ammoo daran olaanaadha. Kana ijaarsa biyyaa, sirna dimokraasii ijaaruufi lafa qabsiisuu, hojii baruu barsiisuufi siyaasa tasgabbeessuu keessatti gumaacha guddaa qaba.
Aadaafi duudhaa ofiitiin dhaloota guddisuun daran murteessaa waan ta’eef waan hojjetame kana ummata biraan gahuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Hayyoonni duubaan dhufan qo’annoo kanatti akkamiin fayyadamuu qabu?
Doktar Dirribaa: Qorannoon hojjetame kun akkuma qorannoo kamuu hanqina mataasaa qabaachuu waan danda’uuf hayyoonni duubaan dhufan akka riqaatti kanarra dhaabatanii waan haaraa bal’inaan baasuu danda’u. Qo’annoon kanaafis hojii ittaanuuf ka’umsa ta’uun kaka’umsa uumuuf galtee guddaa ta’ee tajaajila.
Bariisaa: Yeroon itti eebbifamtan kun yeroo ummannis aadaafi duudhaa ganamaatti deebi’uuf, mootummaanis kanarratti xiyyeeffannaan hojjechaa jirutti. Kana waan qo’attan wajjin walqabsiisuun akkamitti ibsitu mee?
Doktar Dirribaa: Kun dhugaadhuma lafa jiruudha. Biyya qaroome kamuu yoo fudhatte ummanni aadaasaa gatee guddate hinjiru. Biyyi guddachuu kan dandeessu yoo aadaafi duudhaadhaan sirna cimaa ijaarratteedha. Dhaloota duudhaa, afaansaafi aadaasaatti boonu, seenaafi eenyummaasaatti gammadee sirna siyaasaafi ijaarsa biyyasaa keessatti dammaqinaan hirmaatu, sochii hawaas dinagdeerratti qooda fudhatu uumuun kan danda’amu yoo kanarratti hojjenneedha. Yoo dhaloonni eenyummaasaatti booneedha. Gama kanaan waan baay’ee hojjechuu dandeenya; waan faayidaa guddaa qabuuf.
Chaayinaan kan guddatte aadaashiirratti warraaqsaafi haaromsa guddaa geggeessuuni. Ameerikaanonnis hawaasa fookloorii jedhanii ijaarratanii aadaasaaniirratti hojii guddaa, eenyummaafi aartiisaanii fa’irratti hojjetaniiru. Ameerikaafi Afrikaarraa ammoo Naayijeeriyaatttti industiriin fiilmii iddoo olaanaa qaba.
Yaadrimeen Fookloorii jedhu kan dhalate biyya Jarmanitti. Ingilizitti maqaa moggaafate, Fookloorii jedhamuun. Ameerikaatti ammoo hundeesaa jabeeffate. Ameerikaatti bara 1970 Waldaan Hawaasa Fookloorii Ameerikaa jedhamuun hundaa’e hojii boonsaafi jajjabeessaa hojjeteera. Bu’uurri guddina Ameerikaa aadaa hawaasasaaniiti. Kanaafi, aadaan guddina dinagdee keessatti iddooo olaanaa qaba kan jennuuf.
Biyyoonni kunniin warra eenyummaasaanii sirriitti ijaaran, dhaloota sirnaan guddisaniidha. Dinagdeedhaanis ciccimoodha. Kanaaf nutis waan akkasii kana afaan, eenyummaa, duudhaafi aadaa ofiitiin qo’annoofi qorannoo geggeessanii dhaloonni ammoo akka isaan hojjetu gochuun, isaanis ijaaruun, duudhaa ganamaatti deebinee safuu, eenyummaafi seenaa ofiitti boonuun guddina dinagdee, hawaasummaaf siyaasaatiif murteessaadha.
Kanaafis hojiin mootummaan gara duudhaa keenya ganamaatti haa deebinu jedhee hojjetaa jiruuf qo’annoon geggeessine kun galtee guddaa, akka lafee dugdaatti tajaajiluudha. Duudhaa ganamaatti deebi’uu jechuun tokko isuma kana jechuudha; eenyummaa, duudhaa, safuu ofii jaalachuu. Fakkeenyaaf Oromiyaatti barnoonni SAFUU oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga kutaa 8ffaatti kennamaa jira. Barnoonni Sirna Gadaas akkasuma.
Hojiin Buusaa Gonofaa, gaachana sirnaa, mana murtii aadaa, tajaajila lammummaafa’irratti hojjetaman waan guddaadha. Duudhaalee kanneeniin Oromiyaatti dinagdee guddaa maddisiisuun nidanda’ama. Misoomni guddaanis hojjetamaa jira.
Ummanni duudhaafi aadaa walgargaarsaa, waliin dhaabachuu, nageenya ofii eeggachuu nidanda’a. Daa’imman aadaafi safuu akka baratan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata. Hojiin qo’annoofi qorannoo keenyas kanaaf galtee guddaa ta’a. Akka lafee dugdaattis fayyadamuu dandeenya.
Bariisaa: Yaboo ykn guduunfaa waraqaa qo’annoo keessaniirratti maal jettan, maalis dhaamtan?
Doktar Dirribaa: Waan baay’ee dhaamuun ni danda’ama. Ummanni Oromoo uumama wajjin hariiroo akka qabu agarsiisuudha. Waanin achi keessatti arge ummanni Oromoo Heera Ulfoo Jahan Waaqayyoo jedhamu qaba. Isaanis: Waaqni Ulfoodha, Dacheen ykn Lafti Ulfoodha, Malkaan Ulfoodha, Tulluun Ulfoodha, Abbaan Ulfoodha, Haati Ulfoodha kanneen jedhamaniidha.
Fakkeenyaaf isuma jalqabaa yoo ilaalle Waaqni waa hundaaf bu’uura jechuudha. Waaqa komachuu hindandeessu. Lubbuqabeeyyiifi lubbumaleeyyii mara kan uume Waaqa. Kennuus ta’e fudhachuu kan danda’u Waaqa.
Kan waa hunda uume Waaqayyo. Waaqayyo gaafa kanneen hunda uumu hariiroo gaariidhaan akka nama dabalatee uumamni hundi walkabajee, tokko isa kaan deeggaree, nageenyaan akka waliin jiraatuuf uume. Gaafa uumu ayyaana, safuu wajjin uume. Kan lubbuu qabus ta’e hinqabne kamuu hariiroo gaariidhaan akka nagaadhaan waliin jiraatu taasise.
Heerri ulfoo kun Gadaa dhufee darbuun kabajamuufi safeeffatamuu qaba. Oromoonis aadaasaa kana cimsachuu qaba. Dacheen ulfoodha. Dacheen akkuma argame mancaafamuu hinqabu. Hunduu heera qaba. Oromoon malkaa ykn horri ulfoodha jedha. Abbaan, haati, tulluun ulfoodha.
Heerri jahan Waaqayyoo kun yeroo hunda kabajamuu qaba. Heeronni kunniin hincaban, ittis hindabalaman, irraas hinhir’ifaman. Heerota ulfoo kanneen keessaa ammoo hawaasichi seera baafata. Seerichaan nageenyaan walgaggeessa, hariiroosaa cimsata. Nagaadhaan waliin jiraachuusaa jabeeffata.
Ummanni aadaasaa ganamaatti deebi’uu qaba. Seerri ulfoo jahan Waaqayyoo kun hawaasa biratti kabajamuu qaba. Dhaloonnis kana kabajee hariiroo uumama wajjin qabu hunda karaa nagaatiin qajeelchee waliin jiraachuu qaba kan jedhuudha.
Kan biraa bakkeewwan aadaa, jilaa ummaticha biratti ulfinaafi safuu guddaa qabu. Aadaafi seenaa hawaasaa faana hidhata waan qabaniif kabajamuu qabuudha. Gama kanaan imaammanni, qajeelfamoonni cimanii waan kana eeganii dhaloota dhalootatti dabarfamuu qabu.
Seerri waantota aadaa, duudhaafi safuu ummataa isa ganamaa cimsan kabajee kabachiisu jiraachuu qaba. Kanaanis uumama hundaaf kunuunsa gochuun ni barbaachisa. Ergaan yaboo keessatti eerame imaammataafi tarsiimoo keessatti akkasumas dhaloota safuu barsiisuu keessatti daran fayyada.
Keessumaa dhaloonni abbootii, akaakayyuufi akaakileesaarraa waa’ee iddoowwan ulfoo, duudhaa, safuufi aadaa akkasumas waa’ee uumaafi uumamaa barachuu qaba ergaa jedhus yaada yaboo keessatti eereera.
Abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi Yuubonni ammoo ijoolleesaanii waa’ee uumamaafi duudhaalee kanneen barsiisuu akka qabanis eereera. Ummanni Oromoo qaama kamuurra uumama wajjin hariiroo cimaa qaba. Kun ammoo kabajamee dhaloonnis sirriitti baratee dabarsuun irraa eegama.
Bariisaa: Xumurarratti dhaamsa yoo qabaattan?
Doktar Dirribaa: Egaa, dhugaa dubbachuuf waanti kun akkumatti kan dhufe miti. Ummanni Oromoo qabsoo hadhaa’aa taasiseeti hiree kana kan argate. Sadarkaa kanatti ammoo afaan, safuufi duudhaansaa guddatee iddoo kana gahuu keessatti hayyoonni nu fuuldura turan aarsaa qaqqaalii kaffalaniiru.
Hojiin nuti hojjenne kun yaadannoosaaniif haa ta’u dhamsa jedhun qaba. Nuti ammoo waan amma qabanne kana sirriitti cimsinee gara fuulduraatti waan aadaa, duudhaafi safuu keenya kana dhaloota sirriitti barsiisnee fuulduratti haa tarkaanfannu.
Waan seenaafi aadaa ummata Oromoo guddaa kana madaalu ammoo haa hojjennu. Waan amma ammaatti hinqoratamne ammoo qorannee haa baafnu. Isa bahee ittiin baranne ammoo gadi jennee dhaloota haa barsiisnun jedha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 20160