“Rifoormiin taasifame rakkoo dinagdee biyyattii kan furudha” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad(PhD)

Finfinnee: Rifoormiin Dinagdee Maakaroo Itoophiyaa tibbana taasifame rakkoo dinagdee biyyattii furu ta’uu Ministeerri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi Kamisa darbe Qoodafudhattootaf akka ibsanitti, rifoormichi Itoophiyaa iyyummaafi idaa keessaa kan baasu waan ta’eef milkaa’inasaatiif  Qoodafudhattootni hundi jabaatanii hojjehuu qabu.

Murtoon riformichaa yeroof akka heexoo waan hadha’u fakkaatus akkuma namni dhukkubasaarraa fayyuuf heexoo dhuguu, gara jalqabaatti rakkoolee riformicha hordofee mudachuu malanitti furmaata kennuun egeree dinagdee biyyattii tolchuun dirqama ta’uu hubachiisaniiru.

Muuxannoo biyyoota addunyaa rifoormiwwan garaagaraa bu’a  qabeessa fudhachuun, ogessoota dinagdee biyyattii angafoota waliin mari’achuun hojiitti kan galame ta’uu himanii: rifoormichi gama dinagdeetiin Itoophiyaan addunyaatti akka makamtu kan taasisudha jedhaniiru.

Murtoo rifoormii kanas ta’ee biyyattii keessatti hojiileen haarofti biroo  akka hojjetamanif yoommuu jalqabaman burjaajitu  baay’ata.  Murtoo kanarratti qofa osoo hin taane gabaa kaappitaafi mobaayil baankiingiirrattu burjaajjiin akka ture yaadachiisaniiru.

Guddina dinadgee biyyattiif rifoormichi murteessaa ta’uus, kontirobaandistoota harkasaanii waan qabuuf rifoormiha busheessuuf yutubaroota qarshiidhaan bituun  iyyisiisaa kan jiran ta’uu himanii; yoo tokkummmaan hojjetame rifoormichi waggoota kurnan dhufan keessatti dinagdee biyyatti kan olkaasuudha jedhaniiru.

Tarkaanfii rifoormii kanaan namootni galii gadaanaa qaban akka hin miidhamne gochuuf ni hojjenna. Hojjetaan mootummaa akka hin miidhamneef sirreeffama mindaaf kan oolu baasii dabalataa qarshii biliyoona 90 murtaa’eera. Hojjetaaan mootummaa mindaansaa qarshii 1,500 gad ta’e akka hin miidhamneef mindaansaa dhibbantaa 300n akka guddatu murtaa’eera.

Haaluma walfakkaatuun qonnaan bulaanis akka hin miidhamneef xaa’oo hirphaan dhiyeessuun kan itti fufu ta’a jedhanii; harka qalleessi magaalaa jiraatus akka hin miidhamneef seeftineetiidhaan hammatamee akka gargaaramuf karoorri ba’uu himaniiru.

Murtoon kun waggoottan kurnan dhufan keessatti dinagdee biyya keessaa keessatti gaheen sektara qonnaa dhibbantaa 10 gad akka ta’u idaan biyyaas dhibbantaa 8-10tti akka gadi bu’u ni taasisa. Haaluma walfakkaatuun galii biyyattiin alergiirraa argattu keessa dhibbantaa 10 gadiin idaan biyya akka kaffalamu, dhibbantaa 90 misooma biyyaaf akka oolu ta’a.

Daldaltootni seeraan ala sooramuu barbaadan kontirobaandistoota waliin ta’uun  qala’iinsa gatii uumuuf waan socho’anif hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu uummata hirmaahise kan hojjetamu ta’a

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You