Oromiyaatti jijjiiramni haala qilleensaa tamsa’ina dhibee busaa hammeessaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Sababa jijjiirama haala qilleensaatiin tamsa’inni dhibee busaa hammaachaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise. Dhibeewwan koleeraafi gifiraa jijjiirama haala qilleessaatiin walqabatee mudate to’achuufis xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Doktar Tasfaayee Kabbabaa ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin, jijjiirama haala qilleensaatiin walqabatee Oromiyaatti dhibeewwan daddarboon kanneen akka busaa, koleeraafi gifiraafaa dabalaa jiran maqsuuf hojii bal’aan hojjetameera. Naannichatti namootni miliyoona lama dhibee busaatiin  qabaman yaala fayyaa argataniiru.

Ammaan tana aanaalee Oromiyaa 61 keessatti rakkoon dhibee busaa olaanaa ta’uu ibsanii; roobni amma roobu dhibee koleeraa hir’isus dhibeen busaa akka dabalu taasisa. Dhibeen busaa kan  ammaarra Fulbaanaa hanga Amajjiitti daran waan hammaatuuf of eeggannoon taasifamuu qaba jedhan. Mootummaan naannichaa bakka dhibeen kun ittihammaate godinaalee akka Iluu Abbaa Booraa, Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaatti  biifaa keemikaala bookee busaa taasifamuus eeraniiru.

Saaphanni siree bookee busaa miliyoona 12 ol raabsamuus ibsanii, inisheetiiviin to’annoo dhibee busaa hawaasa idiladdunyaa garagaraa hirmaachise hundaa’uun hojiitti seenameera jedhan.

Dhibeen gifiraas godinaalee naannichaa 21 keessaa godinaalee 20fi aanaalee 186tti mudatus aanaalee 164tti to’achuun danda’amuufi namootni mallattoon dhibichaa irratti argames kuma 30 ta’uu eeraniiru. Ta’us, ammayyuu dhibeen kun aanaalee 22 keessatti waan mul’ateef talaalliin duulaan kennamaa jira jedhan.

Haaluma walfakkaatuun dhibeen koleeraa bara 2014 Godina Baalee qofatti mudatee ture sababa jijjiirama haala qilleensaatiin yeroo ammaa godinaalee Oromiyaa 13, aanaalee 126fi bulchiinsa magaalaa saddeetitti mudachuu himanii; ta’us  ammaan tana aanaalee 13 irraa kan hafe to’achuun danda’ameera jedhan. Aanaalee hafan keessaa dhabamsiisuufis tumsi olaanaan taasifamaa jiraachuu Doktar Tasfaayee ibsaniiru. Dhibeen dangii Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleefaatti mudatee ture dhabamsiifamuus ibsaniiru.

Bakkewwan dhibeewwan daddarboo irranatti eeraman jiranitti hawaasni taateewwan ayyaanota garagaraa kan namoota baay’ee hirmaachisurraa of qusachuu, qulqullina naannawaafi dhuunfaa eeguu, yoo dhukkubsatan dafanii wal’aanaman akka barbaachisus hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You