Finfinnee: Olompikii 33ffaan Paariis erga jalqabamee guyyoota sagal yoo lakkoofsisu, Itoophiyaan akaakuuwwan ispoortii atileetiksiitiin dorgoommii kan jalqabde dheengadda.
Dorgommii suksukii kiiloo meetira 20 dhiirota jidduutti dheengadda adeemsifameen atileet Misgaanaawu Waaqumaa sa’aatii 1:19.31n raawwachuun 6ffaa bahee dippiloomaa argamsiiseera.
Seenaa dorgommii suksukii olompikiitti, atileetiin Itoophiyaa sa’aatii akkanaatti yoo xumuru Misgaanaawu kan jalqabaa isa taasisa. Itoophiyaan dorgommii kanarratti atileetii tokko qofaani kan hirmaatte.
Akkasumas fiigicha gulaalaa meetira kuma tokkoofi 500 kaleessa adeemsifameen dhiiraan Saamu’eel Tafarraafi Eermiyaas Girmaa marsaa ittaanuuf darbaniiru.
Qabxiinsaanii maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus, dorgommiin gulaalaa meetira kuma shanii dubartootaan Gudaaf Tsaggaayee, Ijjigaayyoo Taayyeefi Madiinaa Iisaa; fiigicha meetira 800n Tigisti Dhugumaa, Habtaam Alamuufi Warqinash Mallasaa; fiigicha meetira kuma 10 dhiiraan ammoo Solomoon Baaraggaa, Barrihuu Aragaawwiifi Yoomiif Qajeelchaa ni hirmaatu.
Itoophiyaan Fiigicha meetira kuma 10n dhiiraatiin meedaaliyaa warqii jaha yoo argattu, Mirutsi Yifxarfi Salamoon Baaraggaatiin meedaaliyaa takka, takka; Haayilee Gabresillaaseefi Qananisaa Baqqalaatiin meedaaliyaa lama lama argachuun, walumaa galatti Itoophiyaan meedaaliyaa warqii jaha argachunshee kan yaadatamuudha.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016