Milkaa’ina fooyyessa dinagdeetiif hunduu haa gumaachu

Itoophiyaan keessumaa waggoota jahan darbanitti dinagdee mandhaleerratti xiyyeeffattee hojiilee fooyyessa damichaarratti hedduus raawwatteetti; badhaadhina biyyaafi ummataa mirkaneessuuf. Adoolessa 21 bara 2016 irraa kaastee ammoo fooyyessa dinagdee gooroo guutuutti galteetti.

Kaayyoo ijoon fooyyessichaas galii mootummaa guddisuu, baasiifi hirpha mootummaa bu’aqabeessa gochuu, sirna caasaa fandii sooramaarratti jijjiirama hojiirra oolchuu, dhaabbilee misoomaa mootummaa bu’aqabeeyyiifi dorgomoo gochuufi bulchiinsa liqii mootummaa bu’aafi ittifufiinsa akka qabaatu taasisuudha.

Rakkooleen turanis dhiibbaa idaa, qaala’insa gatii, hojidhabdummaa jijjiirama tirannaa adeemsa dinagdee, omishtummaa gadaanaa dameelee omishaa, raawwii gadaanaa pirojektota misoomaa, qisaasama qabeenyaafi idaawwan addaddaa dhaalamaniidha.

Adeemsi fooyyessa imaammataafi seeraa kun dinagdeen biyyattii gara tasgabbiitti akka ce’u abdii haaraas fideera. Imaammanni fooyyessa dinagdee mandhalee boqonnaa 1ffaan bara bajataa 2011 hojiitti gale bu’aawwan hedduu buusuun manii qabame milkeesseera.

Hojileen hafan jiraatanis madaallii eeggachuu dhabuu dinagdee sirreessuuf, dhiibbaa idaa salphisuu, humna omishaa biyya keessaa guddisuu, maddoota dinagdee bal’isuu, carraa hojii uumuufi rakkoowwan bu’uuraa sirreessuuf carraaqqii taasifameen bu’aan argameera.

Itoophiyaan waggoota jahan darban addunyaarratti tarree biyyoota guddina dinagdee saffisaa galmeessuun eeraman keessaa tokko taateetti. Bara 2010 irraa eegalee hanga 2015ttis guddinni waliigalaa biyya keessaa Itoophiyaa giddugaleessaan harka 7.1 irra gaheera.

Kanaanis Itoophiyaan Afrikaarraa biyya dinagdee cimaa qabdu taateetti. Manii guddina dinagdee waaraa milkeessuufis kutannoo qabdu mirkaneessiteetti. Itoophiyaan gaanfa Afrikaarraatti biyya dinagdee dilbii isa guddaa galmeessite taateetti. Humni galii walittiqabuu mootummaas fooyya’eera.

Waan hafeef immoo fooyya’iinsi dinagdee mandhalee marsaa 2ffaa hojiirra jirus kutannoo mootummaan jijjiirma fiduuf qabu kan mirkaneessuudha. Sagantaan kun utubaalee afurirratti kan caaseffame yoo ta’us isaanis; hammattoo imaammataa tasgabbii dinagdeefi ittifufiinsasaaf tumsuufi fayyaalessa ta’e bu’uuressuuf.

Akkasumas hojiilee kalaqaafi invastimantiifi haala mijeessaniifi dorgomaa ta’an guddisuu; omishaafi omishtummaa biyya keessaa jabeessuufi tajaajila qulqullina qabu kennuuf dandeettii mootummaa guddisuu fa’i. Fooyyessi dinagdee kun Dhaabbata Maallaqa Addunyaa, Baankii Addunyaafi tumsitoota misoomaa biroonis kan deeggaramuudha.

Egaa, Itoophiyaan biyya waliigalteewwan idiladdunyaa hedduu mallatteessite waan taateef fedhiifi faayidaashee kabachiifachuuf addunyaa waliin tarkaanfachuunis dirqama.

Akka hayyoonni damichaa eeranitti fooyyessi ykn jijjiiramni taasifamu kamuu carraa qofa osoo hintaane rakkoo mataasaas qaba. Biyyootni hedduun hudhaa guddina dinagdee isaan mudate keessaa ba’uuf fooyyessa gatii sharafa alaa taasisuun carraa gabaa bal’aa argachuu maddiitti alergiinsaanii akka guddatu taasisaniiru.

Daldalli seeraan alaa sharafa alaa argachuuf taasifamu adaba qabachuun sochiin daldalaa kamuu gara seeraatti deebi’ee guddina dinagdeetiif akka gumaachu taasisa.

Gatiin sharafa alaa waan gabaadhaan murtaa’uuf abbootii qabeenyaa biyya alaa haalaan kan hawwatu, omishtummaa kan dabaluufi carraa hojii bal’aa kan uumuu ta’a.

Biyyootni akka Keeniyaa, Gibxii, Morookoo, biyyoota Arabaa hedduufaan fooyyessa dinagdee gooroo taasisan of eeggannoon hojiirra oolchuun milkaa’ina guddaa gonfataniiru. Faallaa kanaatiin Sudaan fooyya’iinsi gatii sharafa alaa taasisteen milkaa’uu hindandeenye. Sirumayyuu gaaga’ama hamaaf saaxileera.

Biyyattiin gatii sharafa alaa fooyyessitus malaammaltummaafi daldalli kontiroobaandiin dagaaguun raafama dinagdee keessatti akka kuftu taasiseera.

Rakkoolee fooyya’iinsa gatii sharafa alaatiin walqabatanii dhufan akkanaa maqsuuf ammoo haaldureewwan kaa’aman of eeggannoon hojiirra oolchuu barbaachisa.

Kanaafis akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jedhan jijjiirama dinagdee gooroo kana qeenxeedhaan utuu hintaane guutummaasaa ilaaluu barbaachisa. Milkaa’inasaatiifis hunduu gumaacha hubannaafi beekumsarratti hundaa’e gochuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You