Finfinnee: Balaa rooba hordofee mudachuu malu baraaruuf haalli qubannaa hawaasaa taasifamu saaxilamummaa balaarraa bilisa ta’uu qorannoo saayinsiitiin deggaramuu akka qabu Hayyuun Hayidroo Ji’olojii Yunivarsitii Finfinnee Doktar Waaqgaarii Furii ibsan.
Naannawaan yaa’aa Laggeen Awaash, Oomoofi Abbaayyaa maddasaaniirraa eegalee hanga xumurasaaniitti jiranitti ofeeggannoon taasifamuu akka qabu Institiyutiin Metiworolojii Biyyaalessaa hubachiise.
Yunivarsitii Finfinneetti hayyuun Hayidiroo ji’olojii Doktar Waaqgaarii Furii Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, balaan sigiga lafaa kutaalee biyyattii tokko tokkotti mudachaa jiru jalaa baraaramuuf haalli qubannaa ummataa amma jiru nageenyummaansaa qoratamuu qaba. Sigigi lafaa sirna bo’oo dhangala’oo waqtii roobaafi dhiibbaa gochoota namtolchee sababa godhachuun taatee ta’uudha jedhaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, haala teessuma lafaa gaarren, irraagadeefi akaakuun ji’olojii harkis dacheen itti dabalamuun sigigaannaa lafaa uuma. Teessumni lafa gaarren qabu biyyeen dhagaa, cirrachaafi dhagaa keessasaa jiruun walittiqabamee waan ta’eef sirna yaa’a bishaanii sirnamaleessan keessaa dhiqamee duwwaa ta’uun lafti walgadhiisee akka sigigaatu ta’a. Gochoota namtolchee ijaarsa daandii, babal’ifannaa lafa qonnaatiif bosona ciruufi qotiinsa boolla albuudaan biyyeen dhiqamee lafti akka walgadhiisu taasisa.
Taateen akkasii naannawa gaarren guguddoofi sulula qinxamaatti deddeebi’ee kan mul’atu ta’uu himanii; ya’aa Lageen Awaash, Oomoofi Abbayyaa maddasaaniirraa eegalee hanga xumurasaaniitti ofeeggannoon taasifamuu qaba jedhan.
Babbaqaquu lafaa, dhagaafi biyyeen bakka jirurraa darbatamanii walgadhiisuu, mukeen dhaabatanii turan duufuu, ujummoon bishaan dho’uu mallattoo balaa sigigaa lafaa agarsiisu. Kanaafuu, yeroo mallattoolee kunneen mul’atan haalli qubannaa ummataafi teessumni lafaa qoratamee bu’aa qorannoo argameen sadarkaa tokkoffaa, lammaaffaafi daran sodaachisaa jechuudhaan adda ba’ee bakka biraa qubachiisuun baraachisaadha.
Balaa dhaqqabu hir’suufis battala balaan sigiga lafaa mudatetti fiiguun balaa boodaan dhufuuf waan nama saaxiluuf ogeessa ji’olojiin deggaramuun lubbuu baraaruuf yaaluun barbaachisaadha jedhaniiru.
Inistiitiyutii Metiworolojii Biyyaalessaatti Daarektarri Ittaanaan Raaga Metiworolojii, dursanii akeekkachiisuufi Damee Qorannoo Asaamminoo Tashoomaa (PhD) kutaalee Itoophiyaa rooba ulfaataa argatu jedhamanii eegamanitti balaa rooba hordofee dhufurraa of eeggannoon taasifamuu akka qabu ibsaniiru. Keessumaa yaa’a Lageen Awaash, Oomoofi Abbayyaa maddasaaniirraa eegalee hanga xumurasaaniitti of eeggannoo cimaan taasifamuu qaba jedhaniiru.
Dimshaashumatti, Affaar Kibbaa, Awaash Arbaa, Adaamaa, Matahaaraa, Shawaa Bahaa, Naannoo Sidaamaa, Itoophiyaa Kibba Dhiyaa, Naannoo Amaaraa Bahaa, Kutaalee Itoophiyaa Kibbaafi Tigraay Bahaatti sa’aatii 24: keessatti miliimeetira 30 ol roobuun rooba ulfaataan ni eegama. Kanaaf, eeggannoo barbaachisaan taasifamuu akka qabus dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016