Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 150 dhaabuuf karoorfame

  • Bara 2011-2015tti biqiltuulee biliyoonni 32 dhaabamaniiru

Finfinnee: Sagantaa dhaabbii biqiltuu Hagayya 13 gaggeeffamuun guyyaa sanatti biqiltuu miliyoona 150 dhaabuuf  karoorfachuu Minsteerri Qonnaa ibse. Bara 2011 hanga 2015tti waliigalaan biqiltuun biliyoona 32 dhaabachuus beeksiseera.

Minsteerichatti, Raawwachiisaa Hojii Olaanaa Misooma, Eegumsaafi Ittifayyadama Qabeenya Uumamaa Obbo Faanos Mokonon Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, sagantaa dhaabbiii biqiltuu guyyaa tokkoo Hagayya 13 gaggeeffamuun biqiltuun miliyoona 150tu dhaabbata.  Dhaabbiin guyyaa tokko keessatti geggeeffamu kun Itoophiyaan galmee dinqisiisaa addunyaarratti galmaa’uun sadarkaa jalqabaa akka qabaattu taasisa. Hanga ammaattis Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuun biliyoona 6.2 dhaabameera.

Lammiileen biyyattii hundi hirmaannaa lammuummaa taasissuu, bakkeewwan dhaabbii biqiltuu filataman kuma tokkoofi 165, lafa hektaara kuma 75 irratti geggeeffamuufi galmee ajaa’ibaa addunyaarratti maqaa biyyaa waamsisuuf ta’uun  dhaabbiin biqiltuu guyyaa tokkoo adda taasisa.

Haaluma walfakkaatuun, akka biyyaatti dhaabbii biqilaa waggaa saddeeti keessatti  Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu biliyoona 50 dhaabuu karoorfame,  waggaa waggaan hojiirra oolaa jira. Raawwiin waggoota saddeetii kun marsaa lamaan bara 2011-2014fi 2015-2018)tti hiramee kan geggeffamudha.  Marsaan jalqabaa bara 2011-2014tti biqiltuu bilyoona 20 dhaabuuf karoorfamee keessaa biqiltuu biliyoona 25 dhabuun goolabameera. Marsaa lammaaffaa  keessaa kan bara 2015 biqiltuun biliyoona 7.5 dhaabame dabalatee  biqiltuu biliyoona 32 dhaabbataniiru.

Dhaabbii biqlaa bara 2015/2016 biliyoona 7.5  dhaabuuf karoorfame gaggeefamaa jiru keessaa hanga ammaatti biqiltuu biliyona 6.2 dhaabbachuu himanii; dhaabbiin biqiltuu bara 2016 wayita  xumuramu lakkoofsi biqiltuu dhaabbatanii biliyoona 40 akka ta’u ibsaniiru.

Hawaasin ji’a Amajjiirraa eegalee hirmaannaa tajaajila lammummaatiin misooma sululaa cinatti qophii biqilaa, boolla biqilaa akkasumasa kunuunsa biqiloota dhaabatanii geggeeffameera. Dabalataanis, biqilootin haala qabatamaa naannawaasaanirratti hundaa’uudhaan dhaabbataa waan jiraniif qabannaan biqiloota dhaabbatanii yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu himaniil; bara 2011-2014tti dhibbanataa 80, bara 2015tti dhibbantaa 84 qabataniiru.

Dhaabbiin baranaaf boolli dursee qophaa’uu, biqilootni dhaabbataa jiran haala qabatamaa qilleensa naannawaan  kan walsimate ta’uu akkasumas kaarataanaa bakka argama biqiloota dhaabbatan addaa baasu heektaara miliyoona tokko tuqaa shaniif qophaa’uun dhaabbii dhaabbii biqilaa baranaa adda taasisa.

Qabannaan biqiloota bara 2016 kan duraanii caalaa akka dabalu akka danda’u himanii;   galmee ajaa’ibsiisaa addunyaarratti maqaa biyyaa waamsisuufis ta’ee karoora dhaabbii biqilaa idilee geggeffamaa jiru galmaan ga’uuf hundumatuu gumaacharraa eegamu akka ba’u waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You