Gaambeellaatti waltajjii ajandaa walittiqabuurratti lammiileen kuma tokkoofi 300 hirmaachaa jiru

Finfinnee: Waltajjii ajanadaa marii walittiqabuu naannoo Gaambeelaatti gaggeeffamaa jirurratti lammiileen kutaalee hawaasaa garagaraarraa babahan kuma tokkoofi 300 hirmaachaa jiraachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse. Sagantaan ajandaa marii walittiqabuu naannoo Beenishaangul Gumuz Adoolessa 23 goolabameera.

Komishinichatti, qindeessaan calallii hirmaattotaafi waltaasisaan Naannoo Gaambeellaa Obbo Sisaay Gobasaa akka Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif ibsanitti, Adoolessa 22 irraa eegalee waltajjii marii ajandaa walitti qabuu naannichatti adeemsifamaa jirurratti lammiileen kuma tokkoofi 300 hirmaachaa jiru.

Hirmaattonnis mari’atanii ajanadaa marii hawaasa naannichaa ibsu adda baasuun komishinichaaf akka dhiyeessan eeranii, yaadrimee marichaafi ajandaaleen akkamitti akka addaan baafamanirratti ibsi kennamuun marichi eegalamuu ibsaniiru.

Marichi Wiixata, Adoolessa 22 bara 2016 irraa eegalee namoota bebbeekamoo 300, qaamolee qoodafudhattootarraa namoota 350 akkasumas kutaalee hawaasaa aanaalee 14 irraa ba’aniin geggeeffamaa jiraachuus qindeessichi dubbatanii, dubartoota, dargaggoo, afoosha, hawaasa daldaltoota, barsiisota, buqqaatonni qaamolee hirmaatan keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Hirmaattonni gareetti qoqqoodamuudhaan mariisaaniisaanii ittifufuu himanii; ajandaa gareen walittiqaban akka hawaasa tokkootti deebi’anii irratti mari’achuudhaan ajanadaa marii biyyaalessaa hawaasicha bakka bu’u akka mirkaneessan eeraniiru.

Erga mirkaneessanii booda namoota marii biyyaalessaarratti hirmaatan kutaalee hawaasaa 10irraa namootni 60 adda ba’an Kamisa darberraa eegaluun mari’ataa jiraachuu ibsaniiru.

Mariiin geggeeffamaa jiru hirmaachisaafi hunda hammataadha kan jedhan Obbo Sisaay; hirmaattota keessaa dhibbanataa 30 dubartoota ta’uun marichi hirmaachisaafi hundagaleessa ta’uu akka agarsiisu eeraniiru.

Guyyoota jalqabaa sadanitti hirmaattotni aanaalee 14 irra walittidhufan afaan Anyuwaakiifi Nyuweerii waliif ibsuunsaanii iftoomina marichaa kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

Paartiilee siyaasaa hirmaachuudhaan yaadrimee marichaa akka hubatan taasifamuu kan eeran qineessichi, waltajjichi hanga Boruutti kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.

Waltajjiin ajandaa walittiqabuu kun Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Adoolessa 17 hanga Adoolessa 23 bara 2016tti kan gaggeeffame yoo ta’u, hirmaattonni naannicha bakka bu’uun waltajjii biyyaalessaarratti hirmaatanis addaan baafamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You