Mootummaan Itoophiyaa imaammata dinagdee biyyattii fooyyessuu Adoolessa 21 bara 2016 ifoomsee daandii dinagdee haaraa bane.
Murteen mootummaa kun dhimma ijoo yeroo dheeraaf Itoophiyaafi jaarmiyaalee maallaqaa addunyaa waldhabsiisaa turerratti jijjiirama kan fide, biyya hanqina sharafa alaatiin raafamaa jirtuuf immoo abdii uume.
Imaammata dinagdee fooyya’ee ba’e kana keessatti gatii sharafa alaafi maallaqni Itoophiyaa ittiin waljijjiiran akkaataa gabaarra jiruun sirreessuun fedhiifi dhiyeessii sharafa alaa jiru walsimsiisuuf kan gargaaru akka ta’us qaamotni garagaraa himaa jiru.
Akkaataa kanaan sharafni maallaqaa biyya alaa haala gabaarratti akka hundaa’u kan murtaa’e yoo ta’u, Itooophiyaatti waggoota dheeraaf mootummaan gatii sharafa alaarratti to’annoo gaggeessuuf daran dadhabaa turus gatiin sharafa alaa daldala idileefi alidilee keessatti garaagarummaa guddaa uumeera.
Haalli kun tarsiimoon dinagdee biyyattii akka jallatu qofa osoo hintaane, sharafni alaa baankiiwwan idilee baqatee kiisii daldaltoota seeraan alaa biratti akka kuufamu taasiseera.
Haala kana geeddaruuf mootummaan dhiheenya kana imaammata dinagdeerratti jijjiiramaafi fooyyessa taasisuun dinagdee biyyattii kan tasgabbeessu qofa osoo hintaane, walshakkiifi waldhabdee kanaan dura Itoophiyaafi dhaabbilee maallaqaa addunyaa gidduu ture furaa jira.
Kanarraa kan ka’e fooyyessa dinagdee kana hordofee Baankiin Addunyaa sagantaa kaffaltii liqaa achi butanii kaffaluu, deeggarsaafi liqaa yeroo dheeraaf kan oolu waliigalaan doolaara biliyoona 16 caalu Itoophiyaaf akka kennu beeksiseera.
Boordiin baankichaa yeroo ammaa kanatti bara bajataa kanaaf liqiifi deeggarsa doolaara biliyoona 1.5 ta’u Itoophiyaaf kennuuf raggaasisuusaa beeksiseera.
Kana keessaa doolaarri biliyoona tokko deeggarsa yeroo ta’u, doolaarri miliyoona 500 immoo bifa liqiitiin kan kennamu ta’uun ibsameera.
Maallaqi kun Itoophiyaan riifoormii dinagdee biyya keessaa jalqabde akka jabeessitee ittifuftuuf kan kennameedha.
Bajata mootummaa Itoophiyaa deeggaruuf kan oolu ammoo waggoota sadan dhufaniif waggaa waggaan doolaara biliyoona lama lama akka kennu ibse.
Kana jechuun Itoophiyaan deeggarsa bajataaf kan oolu waggoota sadan dhufanitti doolaara biliyoona jaha argatti jechuudha.
Waliigalaan Itoophiyaan waggoota dheeraatti kan deebi’u doolaara biliyoona 16.6 tahu karaa Baankii Addunyaa argatti.
Daarikteroonni Boordii Hojii Raawwachistuu Baankichaa Adoolessa 21 bara 2016 ‘’Imaammata hojiirra oolmaa guddina waaraafi qaamolee hunda hammate’’ jedhu Itoophiyaan labsite deeggaruun raggaasisuu beeksise.
Dhaabbatichi akka jedhutti, imaammatichi dinagdee qaamolee hunda hirmaachise, keessattuu dameen dhuunfaa guddina dinagdee keessatti qoodasaanii akka gumaachan jabeessuuf gargaara jedhe.
Kun ammoo damee faayinaansii biyyattii akka cimsu ibse. Deeggarsi dhaabbatichi kennu filannoowwan daldalaa akka bal’isu, iftoomina qabeenya biyyattiirratti akka jajjabeessu, akkasuma yeroo jijjiramni gama dinagdee kun hojiirra oolfamutti namoonni harkaqal’eeyyiin akka hinmiidhamne gargaara.
Daarektarri Baankii Addunyaa damee Itoophiyaa, Ertiraa, Sudaafi Sudaan Kibbaa Maariyaam Saalim, biyyattiin jijjirama gama dinagdee hordoftu kana sirnaan yoo hojiirra oolchite guddachuuf humna guutuu qabdurra gahuu akka dandeessu akeekan.
Fooyyessi imaammata dinagdee biyyattiirratti taasifame kun ulaa tanaan dura cufamee ture hunda kan banu ta’uufi dorgommiin fayyaqabeessaa daldaloota gidduutti kan uumu ta’uu immoo daldaltootni dhimmicharratti yaada kennan ni ibsu.
Waggoota dheeraadhaaf hojii daldalaa keessatti hirmaachaa kan jiraniifi Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaa Naannawa Finfinnee Obbo Eeliyaas Guyyoo yaada Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti , fooyyessi imaammata dinagdee taasifame kun ulaawwan tanaan dura cufamanii turan hunda kan banu qofa osoo hintaane, dorgommiin fayyaqabeessaa daldaltoota gidduutti kan uumuudha.
Dameen dinagdee Itoophiyaa daran akka cimu taasisuuf gabaan daldalaa kanaan dura monopoolii namoota muraasaatiin qabamee ture warreen kaaniifis akka banamu taasisuuf fooyyessi imaammata dinagdee taasifame shoora olaanaa kan taphatu ta’uu kan himan Obbo Eeliyaas, keessattuu gatii sharafaa qarshiin Itoophiyaa kanneen alaa waliin qaburratti jijjiiramni taasifame yeroo gabaabaaf jeequmsa gabaa uumuu akka malu kaasu.
Akka yaadasaaniitti; hojiin bu’aqabeessi hundi jalqabarratti hanga namni hundi amanee fudhatutti sababoota shakkiidhaan guutamaniin yaaddoo uumuu danda’u. Boodarratti akkuma oolee buluun faayidaan jijjiiramni kun dinagdee biyyattiitiif qabu akkuma hubatamaa adeemuun rakkooleen kunniin furamanii ummata daldalaa hunda biratti fudhatama kan argatu ta’a.
Ammatti garuu akkuma daldaltootni fooyyessa imaammata dinagdee kana ija sirriin ilaalanii qalbii guutuun fudhatan jiranitti warreen akka yaaddootti ilaalanis ni jiru.
Amumayyuu daldaltootni miseensa waldaa keenyaa ta’an dhimma kanarratti sodaa qaban warreen naa ibsaa jiran jiru. Anis amma danda’ame faayidaa fooyyessichi daldaltootaafis ta’e ce’umsa dinagdee biyyattiitiif qaburratti hubannoo kennaan jirra jedhan.
Yaaddoo daldaltoota tokko tokkoo kanaaf barbaachisummaa fooyyessicharratti gama weebsaayitii waldichaatiin barreeffamoota hubannoo uumuu danda’an gara garaa barreessaa jirra. Dabalataanis hojii fooyyessa imaammata dinagdee kanarratti daldaltootni hubannoo gahaa akka qabaataniif Mana Maree daldalaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uudhaan waltajjiiwwan gara garaa qopheessuuf yaadaa jirra jechuun eeran.
Fooyyessa imaammata dinagdee taasifameen walqabatee rakkoolee mul’achuu danda’an keessaa tokko daballii gatii meeshaaleerratti daldaltootaan taasifamuu malu ta’uu kan kaasan Obbo Eeliyaas, wanti amma taasifame kun jijjiirraa imaammataati malee sababa gatiin meeshaa itti dabalamuu danda’uu waan hinqabneef to’annoo cimaan kan barbaachisu ta’uu ibsu.
Mootummaan akkuma haalli daldalaa si’ataa ta’e akka uumamuufi daldaltootaaf heyyama daldalaa kennutti warreen fooyya’iinsa imaammata diinagdee kana sababeeffatanii meeshaaleerratti daballii gatii taasisanirratti hanga heyyama daldalaa irraa fuudhuutti tarkaanffii sirreeffamaa fudhachuu qaba jedhu.
Haala fooyyessa imaammata dinagdee kanaan daldaltootni Itoophiyaa kan dorgoman waliisaanii waliin qofa osoo hintaane daldaltoota guguddoo addunyaa waliin ta’uu hubachuun barbaachisaadha jedhanii, dorgommicha keessatti injifatanii bahuuf immoo daldaltootni Itoophiyaa qindoomanii humna cimaa horachuu akka qaban dubbatu.
Walumaagalatti; fooyyessi imaammata dinagdee yeroo ammaa Itoophiyaan hojirra oolchuu eegalte kun dinagdeeshii rakkoo hanqina sharafa alaatiin raafamaa jiruuf furmaata waaraa yoo ta’u, sababa ulaan dinagdeeshii daldaltootaafi dhaabbilee faayinaansii biyyoota alaatiif cufamaa tures banamuun falmii waggoota dheeraadhaaf Itoophiyaan dhaabbilee faayinaansii addunyaa waliin keessa galteef furmaata kan ta’uudha jedhu.
Deeggarsi gama Baankii Addunyaatiin barii fooyyessi tarsiimoo dinagdee Itoophiyaa taasifametti kennamuu eegalee agarsiiftuu hariiroo gaarii Itoophiyaafi dhaabbilee faayinaansii Addunyaa jiddutti uumamaa jiruuti.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016