Dargaggooti biyya ceesisuuf nageenya mirkaneessuu qabu

Finfiennee: Dargaggooti biyya ceesisuuf nageenya amansiisaa dursanii mirkaneessuu akka qaban dargaggootni Wallaggaa Bahaafi Harargee Bahaa ibsan. Kanaafis, gurmaa’insi dargaggootaa cimaan barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Miseensi Koree Raawwachiiftuu Hojii Waldaa Dargaggoo Godina Harargee Bahaa, Dargaggoo Abdusamad Xaayeer Gaazexaa Bariisaaf akka ibsetti, dargaggootni biyya ijaaranii ceesisuuf dursanii nageenya naannawaasaanii mirkaneessuu qabu. Kanaafis, gumaa’insi dargaggootaa cimaan murteessaa ta’uu ibseera.

Akka ibsa Dargaggoo Abdusamaditti, nageenya biyyaa tiksuuf hirmaannaa dargaggootni godinichaa gaachana sirnaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti taasisaniin nageenyi godinasaanii fooyya’uu danda’ameera. Fooyya’insa nageenyaa uumameen yeroo ammaa hojiin tajaajila lammummaan biqiltuu dhaabuu, mana harka qalleeyyii ijaaruu, dhiiga arjoomuu, daandii suphuu qabatamaatti adeemsifamaa jira.

Dargaggootni adda dureen ta’uun inisheetiiviwwan mootummaan gadbuuse sirnaan hojiirra akka oolu taasisuun bu’aa inisheetiiviwwanirraa argamutti fayyadamoo ta’aa jiru. Horsiisa beeyiladaa, lukkuufi kanniisaafi qonnarratti akka hirmaatan taasisuun omishaafi omishitummaa guddisuu himee; dargaggootaafi carraa hojii uumuudhaa tattaaffii wabii midhaan nayaataa cimsaa jiraachuu ibseera.

Lammiin beekumsaafi kalaqaan deggerame annisa jijjiiramaafi egeree biyyaa waan ta’eef barattootni yunivarsitiwwan dhuunfaafi mootummaarraa gara qe’eesaaniitti galan ganna keessa barnoota dabalataa akka argataniif fooyya’uun nageenya godinichaa murteessaadha.

Marii biyyaalessaa keessatti hundumatuu hirmaachuun rakkoo biyyaa mariin furuuf nageenyi fooyya’e gumaacha olaanaa qabaachuu dubbatee; bu’aa nageenyaa hanga ammaatti argameef hirmaannaan dargaggooti godinichaa nageenyaaf dursa kennaniin ta’uu ibseera.

Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaarraa kan dhufe Dargaggoo Daawwit Yohaannis dargaggootni godinichaa nageenya naannawaasaanii mirkaneessuuf xiyyeffannaa duraa waan kennaniif nageenyi godinichaa fooyya’aan jiraachuu ibseera.

Nageenya fooyya’aa jiruun hojiiwwan tajaajila lammummaan biqiltuu dhaabuu,mana harka qalleeyyii ijaaruu,daandiifi riqicha dulloome suphuu walqabatee aanaalee godinichaa 18 keessatti dargaggootaan raawwatamaa jira. Dabalaatins, insheetiiviwwan mootummaan gadbu’an addadurummaan hojiirra oolchuudhaan fayyadamoo ta’aa jiru. Inisheetiiviiwwan qonnaa kanneena akka horsiisa lukkuufi kanniisaa, furdisa loonii, qonna ruuziiirratti gurmaa’uun ofiis fayyadamanii biyyaafis bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru.

Nageenyi mul’achaa jiru waldhabdee mariin akka furamuuf milkaa’ina marii biyyaalessaa geggeffamaa jiruuf dargaggootni adda duree ta’anii ga’eesaanii akka ba’an taasisuu himee; Wallaggaa barnootaanis dorgomaa taasisuuf ganna yeroo boqonnaasaanii barattootni baraumsa dabalataa argatanii akka cimaniif nageenyi murtessaa ta’uu ibseera.

Bu’aaleen argaman kunneen hirmaannaa dursaa dargaggootni gaachana sirnaafi Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuudhaan nageenyi fooyya’aan waan argameef ta’uu ibseera. Yeroo ammaa kana miseensotni gaachana sirnaa godinichaa baayyeensaanii dargaggoota umuriinsaanii 18-35 gidduu ta’uu qabtamaa taasisa.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016

Recommended For You