Ji’ootni gannaa yeroo manneen barnootaa cufamaniidha. Dargaggoonniifi daa’imman bona barumsaarra turan yeroo boqonnaa itti argataniidhas. Yeroo boqonnaa kana iddoowwan oolmaa isaan barbaachisa.
Kanaafuu waggaa waggaadhaan naannoleen walmorkii gannaa qopheessuudhaan dargaggoonniifi daa’imman akka irratti hirmaatan taasifamaniiru. Ammas gochaatuma jiru.
Naannolee ji’oota gannaa keessa gama kanaan hojiiwwan bu’aa qabeessa hojjeechaa jiran keessaa Oromiyaan adda durummaadhaan eerama.
Nutis kanarratti Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatti Daarektara Barnootaafi Leenjii Dorgommii Obbo Habtaamuu Lammaa dubbisneerra.
Haalatti dargaggoonni naannichaa yeroo boqonnaasaanii ittidabarsan
Yeroon kun yeroo gannaa waan ta’eef dargaggoonni manatti deebi’anii maatiisaanii wajjin dabarsu. Haata’u malee guyyaa guutuu maatiisaanii wajjin dabarsu jechuun rakkisaadha. Hiriyootasaanii wajjin iddoowwan adda addaatti yeroosaanii dabarsu. Akkuma iddoon gaariin jiru iddoon gadheenis jiraachuu danda’a. Dargaggoota qofa miti hojjettoonni waajjiraalee adda addaa keessumaa kanneen akka manneen murtii ganna keessa ji’oota muraasaaf waan cufamaniif boqonnaarra turu.
Kanaafuu biiroon keenya hojjettoonniifi dargaggoonni yeroo haara galfannaasaanii shaakala ispoortiifi iddoowwan bashannanaatti yeroo gaarii akka dabarsan gochaa jirra.
Kaayyoon kanaa dargaggoonni naannichaa qaama cimaa, sammuu ifaafi lammii guddina biyyaaf tattaafatu horachuudha. Akkasumas dargaggoota dandeettii qaban filachuudhaan gara pirojektii leenjii ispoortiiwwan adda addaatti akka makaman gochuudha.
Umrii hirmaattotaafi akaakuuwwan ispoortii
Akkuma beekamu sochiin ispoortii umriidhaan hindaangeffamu. Namni sochii qaamaatiin dandeettii qabu kamuu hirmaachuu danda’a. Daa’imman waggaa jahaa kaasee dargaggootaafi ga’eessonni umrii 40fi isaa oli hirmaachuu danda’u jechuudha.
Akka naannichaatti akaakuuwwan ispoortii 24n galmootaafi dirreewwanirratti sochiin ispoortii ni taasifama, leenjiinis ni kennama. Fakkeenyaaf kubbaawwan miilaa, saaphanaa, harkaa, kachoo akkasumas atileetiksii, bunyaa, ulfina kaasuufaan jira. Teenisa miinjaalaa, dirree, ispoortii aadaa, maarshaal aartii, kaaraatee, worlidi tekuwaandoo, juudoofi wushuu dabalatee sanyiiwwan ispoortii torbaan leenjiin naannoorraa kaasee sadarkaalee adda addaatti kennamaa jira. Garuu godinaaleen hundi dhimma kanarratti walqixa socho’aa hinjiran. Godinaaleen tokko tokko akaakuuwwan ispoortii 17n, kaan saddeetiifi isaa gadiinis leenjisaa jiru. Biiroon keenyas hordoffii ni taasisa.
Bu’aa sochii ispoortii keessumaa kan yeroo boqonnaa
Bu’aan ispoortiirraa argamu dargaggootarraa muldhachaa jira. Ijoolleen gammadoo ta’anii guyyaasaanii dabarsaa jiru. Maatiisaaniif ni ergamu. Ispoortii qofa osoo hinta’in hojii tola oltummaarratti bobba’u. Sochiin kun dargaggoonni yeroosaanii iddoo hintaanetti akka hindabarsine taasisa jedhan Obbo Habtaamuun.
Gama biraatiin Magaalaa Jimmaatti kan argamu leenjisaan ispoortii tekowaandoo Maastar Abdulmannaan Daliin Abbaa Foogii akka jedhetti, kilabiin Worlid Tekuwaandoo bara 2009 hundaa’e Magaalaa Jimmaafi naannawasheerraa dargaggoota walittiqabee leenjisaa jiraachuu eereera.
Barattoonni ganna kana barumsa xumuranii waan dhufaniif dargaggoota hedduu qabna. Dargaggoota dandeettii addaa qaban filachuudhaan dorgommiirratti hirmaachisaa jirra. Akka Oromiyaattis ta’u biyyaatti dorgommiiwwan baay’een waan jiraniifi xiyyeeffannoon irratti hojjechaa jira. Akka magaalaattis pirojekitiin waan jiruuf dargaggoonni 200 ol leenji’aa jiru.
Ispoortiin tekuwaandoo hunda caalaa sammuu dargaggootaarratti hojjeta. Nama kabajuun dirqama, ajajamuun dirqama. Worlid Tekuwaandoon keenya hojiiwwan tola oltummaarratti bobba’uudhaan lammiilee harkaqal’eeyyii gargaaraa jira. Biqiltuu dhaabuudhaanis ga’ee nurraa eegamu bahataa jirra. Dargaggoonni keenya dhiigas ni arjoomu. Ani mataa kiyyaan umrii koo 26tti yeroo 23f dhiiga arjoomeera jechuun ibseera.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016