Finfinnee: Jijjiirama siyaasaa biyyattiitti taasifameen walqabatee Itoophiyaa badhaatuufi tasgabbooftuu dhaloota dhaalchisuuf mootummaan sektaroota hundatti riifoormii taasisaa jira.
Hundaa ol, dinagdee damdaneessaafi beekumsa biyya keessaarratti bu’uureeffame hordofuun yeroo gabaabaa keessatti qamadii alaa galchuurraa gara alaatti erguutti ce’uun danda’ameera. Dinagdee dabalatee seektaroota hunda keessatti riifoormii taasifamaa jiru milkeessuuf sharafa alaa argachuun dhimma murteessaa waan ta’eef mootummaan tibbana fooyyessa gatii sharafa alaa taasiseera.
Gaazeexaan Bariisaas carraaleefi rakkoolee fooyya’iinsa gatii sharafa alaatiin walqabatan ilaalchisee hayyoota dinagdee waliin turtii taasiseera. Doktar Mollaa Alamaayyoo Waldaa Hayyoota Dinagdee Itoophiyaatti Qorataa Olaanaa dhimma dinagdee yoo ta’an, yeroo mara fooyyessi taasifamu kamuu carraa qofa osoo hintaane rakkoo mataasaa akka qabu dubbatu. Ammoo yoo bu’aansaa miidhaa caale fooyya’iinsi dirqama ta’uus hubachiisu.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan biyya waliigalteewwan idiladdunyaa hedduu mallatteessite waan taateef fedhiifi faayidaashee kabachiifachuuf addunyaa waliin tarkaanfachuun dirqama. Biyyootni hedduun hudhaa guddina dinagdee isaan mudate keessaa ba’uuf fooyyessa gatii sharafa alaa taasisuun carraa gabaa bal’aa argachuu cinatti alergiinsaanii akka guddatu taasisaniiru.
Fooyessi dinagdee maakroo gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf nama gargaara. Bu’uuruma kanaan Itoophiyaanis carraa gabaa bal’aa argachuu cinatti akka dorgomtu ishee taasisa.
Daldalli seeraan alaa sharafa alaa argachuuf taasifamu adaba qabachuun sochiin daldalaa kamuu gara seeraatti deebi’ee guddina dinagdeetiif akka gumaachu taasisa. Gatiin sharafa alaa waan gabaadhaan murtaa’uuf abbootii qabeenyaa biyya alaa haalaan kan hawwatu, omishtummaa kan dabaluufi carraa hojii bal’aa kan uumuu ta’a.
Haa taa’u malee, rakkoolee fooyya’iinsa gatii sharafa alaatiin walqabatanii dhufan maqsuuf haaldureewwan lafa kaa’aman of eeggannoon hojiirra oolchuu baannaan gaaga’amnisaa olaanaa ta’uu ibsanii; Itoophiyaan biyya wanti alaa galchitu (doolaara biliyoona 13.5) ta’eefi wanta alatti ergitu (doolaara 3.5) dachaa sadiin caalutti, omishni baay’inaafi qulqullinaan guddatee madaalliin gabaa alaa sirreessuu baannaan qaala’iinsi gatii kan turerra daran hammaachuu akka danda’u hubachiisaniiru. Dabaluu omishaaleef ammoo abbootiin qabeenyaa haala barbaadaniin socha’anii hojjechuuf nageenyi murteessaa waan ta’eef nageenyaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Biyyootni akka Keeniyaa, Gibxii, Morookoo, biyyoota Arabaa hedduufaan fooyyessa dinagdee maakaroo taasisan of eeggannoon hojiirra oolchuun milkaa’ana guddaa gonfataniiru. Ta’us Sudaan fooyya’iinsi gatii sharafa alaa taasisteen si’a tokkotti doolaara Ameerikaa tokko paawundii Sudaan 55 irraa gara paawundii 386tti ol ba’uun biyyattii gaaga’ama hamaaf saaxileera. Sudaan gatii sharafa alaa fooyyessitus malaammatummaafi daldalli kontiroobaandii dagachuun raafama dinagdee keessatti akka kuftuu taasiseera.
Wayita fooyya’iinsi gatii sharafa alaa taasifamu akkuma biyyoota biroo Itoophiyaanis sharafa alaa baay’inaan argachuu dandeessi jedhanii; ta’us qaawwaa jiru bal’aa waan ta’eef rakkoo qaala’iinsa gatii amma jiru furuu battalatti hin danda’u. Kunis firiin fooyya’iinsa kanaa dhawataan kan mul’atu malee taatee halkan tokkoo waan hintaaneef rakkoo fooyyessa kanaan walqabatu maqsuuf harkaqal’eeyyii hirphuu dabalatee kallattiiwwan furmaataa lafa kaa’aman hojiirra oolchuun dhimma boriif haa bulu jedhamu akka hintaane ibsaniiru.
Hayyuun dinagdee biroo Doktar Qosxanxinoos Bariheetasfaa akka jedhanitti, dameen faayinaansii mootummaafi abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa muraasaan dhuunfatamuun guddina dinagdee biyyattii quucarseera.
Jijjiirama taasifame kanaan baankotni biyya alaa affeeruun alatti gabaan kaappitaalaa akka dhaabbatu ka’umsa ta’a. Baankota alaafi gabaa kaappitaalaan walqabatee abbootiin qabeenyaa biyya alaa bal’inaan Itoophiyaa seenu. Kun ammoo omishaafi omishtummaa alergii guddisuu cinatti carraa hojii bal’aa waan uumuuf guddina dinagdee biyyattii haalaan saffisiisa.
Gibxii fooyya’iinsa dinagdee maakaroo taasisteen waggaatti hawaasa dayaasporaarraa doolaara Ameerikaa biliyoona 30 argachaa akka jirtu akka fakkeenyaatti kaasanii; Itoophiyaanis fooyyessa kanaan galiin dayaasporaarraa argattu akka guddatuufi deggarsi maallaqaa dhaabbilee idiladdunyaarraa argattu akka dabalu dubbataniiru. Abbootii qabeenyaa gara biyyattii dhufaniin dandeettiin biyya keessatti omishuu guddatee alergiin alaa galchuurra akka dabalu taasisas jedhan.
Ta’us malaammaltummaa, hojmaata badaafi kontirobaandiirratti to’annaa jabaan diriiruu baannaan balaa qabaachuu dhaamanii; Sudaan jijjiirama gatii sharafa alaa taasistus dagaaguu malaammatummaafi kontiroobaandiitiin wanti alatti ergitu kontiroobaandiin waan dhuunfatameef qaala’iinsa jireenyaa hamaaf saaxileera.
Sudaan dabalatee biyyootni Afrikaa Bahaa sababa kontiroobaandiin alergii sookootiin galii doolaara Ameerikaa biliyoona 36 dhabuu ibsaniiru. Itoophiyaanis horii gaanfaa, sookoo, buna, ixaanaafi dhagoota gatijabeenyii kontiroobaandiidhaan alatti ba’aa jiran hatattamaan dhaabuu baannaan jijjiiramni kun humna dhabuu akka danda’u hubachiisaniiru.
Ministeera Karooraafi Misoomaatti Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Kutaa Bulchiinsa Invastimantii Mootummaafi Karoora Misoomaa Obbo Barakat Fissahaatsiyoon gamasaaniin akka jedhanitti, fooyyessi taasifame gatii gabaa bu’uureffateeti malee hanga bittaa qarshii kan dadhabsiisu miti.
Fooyya’iinsi kun dinagdee bilisaa ijaaruun guddina saffisaaf bu’uura jabaa ta’us rakkoolee yeroo mudatan maqsuuf harkaqal’eeyyii hirphuun, seeftneetii gabbisuun eeggattummaarraa gara omishtummaatti, boba’aa, xaa’oo, qorichaafi shaqaxoota bu’uuraa hirphuun cimee ittifufa.
Fooyyessi kun imaammata maallaqaa biyyattii bu’uura taasifachuu cinatti barnoota, fayyaafi kanneen biroo haala sadarkaa bilisa jedhamuun hawaasaaf kennamaa jirutti dhiibbaan uumu yaaddessaa miti jedhanii; akka tasaa qaala’iinsi gatii kan dabalu yoo ta’e baankiin biyyaalessaa sharafa alaa eeggannoof qabu fayyadamuu akka danda’uufi qaala’iinsa gatii bu’uura gabaa hinqabnes to’achuun akka danda’amu ibsaniiru. Riifoormiin kun akka namootni tokko tokko jedhan osoo hintaane faayidaansaa, sadarkaa miidhaansaa, eenyuun akka miidhuufi miidhaa san haala kamiin maqsuun akka danda’amurratti qorannoo gadifagoon taasifamuus ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016