Jaarsatu dargaggoota lama ofjalaa qabu, lamaansaaniifuu maallaqa kennanii hojjetanii akka of jijjiiraniif bobbaasan. Dargaggoo inni tokko maallaqichaan waantota garagaraa daldalee bu’aa guddaas buusee mataa maallaqaafi bu’aasaa adda baasee abbaasaatiif kenne.
Inni lammataa maallaqa abbaansaa kenneef olkaa’ee osoo hojjetee ittiin of hinjijjiiriin bara lakkoofsisee maallaqichumarraayyuu hir’isee, nyaatee muraasa abbaasaaf deebise. Abbaan lamansaanii waamanii isa daldalee bu’aa buuse eebbisuun, jabaadhu hori jedhanii mataa maallaqaafi bu’aasaa deebisanii itti kennanii ittiin of jijjiiri jedhanii mana baasan.
Dargaggeessa isa mataa nyaateen ammoo, nadi jedhanii ari’an. Dargaggoon badi jedhames aariirraa kan ka’e osoo biyyaa bahuuf bodee (eeboo) qofa qabatee imalarra jiruu erga karaa dheeraa deemee booda waraabessa guddaa tokkotti dhufe. Waaqayyo qeerransa yaa waaq maalan nyaadha jedhuufii nama yaa waaq na nyaadhu jedhu walitti fida jedhama mitiiree.
Waraabessichis namana eessa deemta? jedhee dargaggeessicha gaafata. Dargaggeessichis badaan jira jedhee deebiseef. Maarree anis badaan jira koottu wajjin badna jedhee dura bu’ee qajeellaan dargaggeessichis, tole jedhee imala eegalan.
Sana booda waraabessichi gaafa lafti itti bari’u bakka galmasaa gahee boolla seenee bodeekee ala dhaabiitii oluma koottu bullee baana jedheen dargaggeessichis bodeesaa qarqara boolla dhaabee duubarra boolla yoo seenu akkuma, gorsa didduun du’a hindiddu jedhamu waraabessichi dargaggessicha boolla keessatti nyaatee beela bahe.
Duubarra dargaggeessichi baduurraa kan ka’e jaarsis obboleeyyansaas yoo barbaachasaa eegalan dhamaatee dheeraa booda qarqara boolla waraabessaatti bodeesaa dhaabatu arganii waraabessaan nyaatamuusaa baran.
Jaarsichis yaa waraabessa nanaa erga ilmakoo nyaattee gurrasaallee na agarsiisi, hirmii baafadheen garaa kutadha jedhanii waraabessicha gaafatan. Waraabessichis, “Osoo gurra qabaatee maaliif du’a? Gorsa keessan dhagahuu diduusaatu isa nyaachise gurrasaas nyaadheera” jedhe jedhama.
Kan eebbifamee hojii mootummaa barbaacha umrii, beekumsaafi qorqalbiisaa fixu tokko lama miti. Eeggatummaan fafa nama gooti. Kan hadheeffatee jireenyarratti qabsaa’emmoo seenaa hojjetee dinagdeen humnaa’ee qorqalbiinis ijaaramee biyyasaatiif fakkeenya gaarii ta’uun maqaansaa olka’ee faarfamus hedduudha.
Waan afoolli dubbii mi’eessa jedhameefin afoolaan balbala barruukoon isiniif saaqe. Hojidhabdummaa eebbaan booda mudaturratti hadheeffatee qabsaa’uun ofiifi hiriyaasaatiif soora qalbii, biyyasaafimmoo ifa abdii kan ta’e dargaggoo Magarsaa Gadaa waliin wal isin barsiisa kunooti.
Dargaggoo Magarsaa Gadaa Jiraataa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa, Ganda Dastaa Abijaataa yoo ta’u, waggaa sadii dura Yunivarsitii Haramaayaarraa Muummee Agroo ikkonoomiksiitiin eebbifamee waggoota sadiif hojii barbaacha bu’ee bahaa turuu kaasa.
Eebbifamanii hojii mootummaa barbaacha bara lakkaa’uun dargaggoota baay’ee mogolee buuseera. Ilaalchi kun fooyya’uu dhabuun hanga ammaallee hudhaa qeerroofi qarree keenyaa ta’eera.
Haatiifi abbaan waggoota hedduuf dhama’anii ilmaansaanii barsiisanii akkuma eebbisiisaniin mindeeffamaa mootummaa ta’aniifi uffata ammayyaa uffatanii akka waajjira mootummaa keessa hojjetan fedhii olaanaa qabu.
Eebbifamtoonnis akkuma fedhii maatiisaanii barnootasaanii xumuranii waajjira mootummaatti mindeeffamuun ala hojii mataasaanii uummatanii of jijjiiruurratti fedhiin jiru gadaanaadha.
Kanarraa kan ka’e dargaggoonni kumaatamni eeggattummaa jalatti kufanii dinagdeen, ilaalchaafi gama maraan duubatti deebi’anii araada hinmalleefi qorqalbiisaanii miidhuuf saaxilamaniiru.
Akkuma biiftuu jirtu suksuku, ta’uu baannaan mudhuku jedhamu humni ganama dhufa galgala dhuma. Qalbiin ganama hinjiru galgala dhufa. Kanaaf of jijjiiruuf jecha humna ganama dhufuufi qalbii galgala dhufu ganamuma walitti fiduun hawaas dinagdeefi gama maraan of jijjiiruun dirqama uumamaati.
Haaluma kanaan qalbiifi humna garaagarummaa yeroon dhufu walitti araarsuu dhabuun deega akka nama nyaachisu baree jireenyarratti hadheeffatee qabsaa’uun sammuutti gabbina xiinsammuu, dirree qullaatti buddeena jireenyaa magarsuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisuu Dargaggoo Magarsaa Gadaa nikaasa.
Dargaggoo Magarsaan eebbifamee erga waggoota sadiif hojii malee taa’ee booda of kennee hojjechuun hiriyootasaa waliin misooma qamadiitiin tokko jedhee qonna eegaluu dubbata.
Misooma qamadii eegalaniin milkaa’ina tole nama jechisiisu galmeessisuufi dinagdeesaanii jabeessu galmeessisuu jalqabu. Duubarra maallaqa misooma omisha qamadiirraa argatan waajjira qonnaa Godina Shawaa Bahaa mariisisuun inisheetiivii biroorratti bobba’uuf fedhii akka qaban gaafatu.
Waajjirichis aanaa waliin ta’uun yaalii addaa inisheetiivii misooma muuziirratti bobba’uu akka qaban isaan gorsa. Dargaggoo Magarsaafi hiriyoonnisaa saddeet ta’anii lafa hektaara shanirratti maqaa Waldaa Omishtoota Muuzii Baatuu Qilxuu jedhuun hojiitti seenu.
Dargaggoo Magarsaan walittiqabaa waldichaa, warri hafan torban ammoo miseensa ta’uun misoomicharratti xiyyeeffatanii of kennanii hojjechuun fiigicha fiigamee hinbeekne jechuunis misooma muuzii takkaa hin yaalamne Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa, Ganda Dastaa Abijaataatti eegaluun warra jalqabaati.
Haaluma kanaan muuzii sanyii filatamaa karaa waajjira qonnaa dhiyaateef lafa hektaara shanirra biqiltuu muuzii 7500 dhaabuun dachee Baatuu muuzii biqilchee hinbeekne magariisaan uwwisuun seenaa addaa hojjechuu danda’aniiru.
Muuzii kana misoomsuuf qarshii miliyoona tokkoo ol baasii kan ta’e yoo ta’u, dhiyeessiin sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa karaa waajjiraalee qonnaa godinaafi aanaa mijateeraaf.
Muuziin dhaabate kun waggaa guutuuf ji’a tokko kan hafe yoo ta’u, turtii yeroo ji’oota muraasaa keessatti yeroo torba muuzii gabaaf dhiyeessuun danda’amuu Dargaggoo Magarsaan nidubbata.
Muuzii marsaa torbaaf gurgurame kanarraa galiin qarshii miliyoona 1.5 kan argame yoo ta’u, galii kanaan olitti yeroo jalqabaaf dachee misoomni muuzii irratti eegalamee hinbeeknerratti misoomsuun seenaa hojjechuunsaanii isaan boonseera.
Akka ibsa Dargaggoo Magarsaatti galiin misooma muuzii kanarraa argamu kun dachaan dabalaa kan deemu yoo ta’u, kanaan dura walitti hidhaminsi gabaa mijachuu dhabuurraa kan ka’e bittootaaf oyruusaaniirratti muuzii kiiloo giraama tokko qarshii 30n gurguraa turan.
Haata’u garuu rakkoon walitti hidhaminsa gabaa kun furamee giddugalli gabaa mijannaafiin galiinsaanii dachaan akka dabalu fedhii dhiyeessii magaalota gara garaarraa dhiyaataafii jirurraa hubachuu eera.
Hudhaan walitti hidhaminsa gabaa kun yoo furame galiin argamus dachaan kan dabalu, carraan hojii dabalataas dargaggoota biroof akka uumamu darbees gabaa tasgabbeessuu keessatti gaheesaanii nitaphatu.
Kanaafis qaama dhimmisaa ilaallatu waliin dubbachaa kan jiran yoo ta’u, inisheetiiviin misooma muuzii mootummaan gadi buuse bakka kufanii isaan kaasee ofirra darbanii namaaf wabii akka ta’an isaan gargaaraa jira.
Misooma muuzii kanarratti namoonni saddeet dhaabbiifi abbummaan haa bobba’an malee dargaggoota hedduuf carraa hojii banuun eeggattummaa jalaa akka bahan taasisaa jiru. Waldaan Omishtoota Muuzii Baatuu Qilxuu namoota saddeetiin eegalame kun namoota 13’f carraa hojii dhaabbataafi kan yeroommoo dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuun jiruufi jireenyasaanii gaggeeffachaa jiru.
Tarkaanfiin hojidhabdummaa seenaa gochuuf dirree qullaa namoota birattillee bishaan tumuu ta’ee mul’achaa ture keessatti eegalame ija godhachuun waan ajab jechisiiseef kan kutate nurraa baratee akkuma keenya seenaa hojjechaa jira jedha walittiqabichi.
Kan kaleessa maal baasuuf dhama raasu nuun jedhe har’a deebi’ee nurraa nyaachaa jira kan jedhe Dargaggoo Magarsaan, “Baguman carraa hojii mootummaa hinargatiin, bagan gorsa dhagahee ofirra darbee nama biraafis abdii ta’e” jechuun ragaa baha.
Qabsoo Dargaggoo Magarsaa Gadaafi hiriyoonnisaa hadhaa’aa jireenyaa injifachuuf taasisan barattoota dhaabbilee barnootaa mootummaafi mitmootummaa garagaraa eebbifamanii hojii malee taa’aniif fakkeenyummaan kan ka’u yoo ta’u, innis eebbifamtoonni dinagdeen caalanii argamuu yoo barbaadan fuulasaanii mindeeffamanii hojjechuurraa gara miindeessanii hojjechiisuutti akka naanneffatan gorsa.
Walumaagalatti eeggattummaan waan fafa nama taasisuuf humnaafi yeroo walitti araarsuun inisheetiiviiwwan mootummaan jijjiiramaa eegaletti fayyadamuun hiyyummaa seenaa gochuun seenaa hojjechuuf dargaggoonni abdii egeree biyyaa ta’an kutannoon hojjechuu qabu.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016