Keessummaan keenya maxxansa kanaa Paastarii Olaanaa Waldaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Atlaantaa Doktar Luba Tolasaa Guddinaati. Gaafdeebii torban lama dura dhimmoota nageenyaa, araaraa, marii biyyaalessaa, dudhaalee jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu, jijjiirama akka biyyaatti mul’achaa jiruufi dinagdeedhaan of danda’anii jiraachuuf maal gochuu akka barbaachisurratti xiyyeeffachuun Luba Tolasaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineera.
Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Luba Tolasaa: Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Innaangoo, Magaalaa Dongoroo Diisiittin dhaladhee guddadhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Boojjii Dirmajjiittan baradhe. Barnoota koo sadarkaa lammaffaa ammoo Kolleejjii Warra Wangeelaa Bishooftuuttan hordofe.
Akkuman barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen hojii mootummaan jalqabe. Hojichis odeeffannoo walitti qabuu ture. Hojii kana waggoota afuriif ergan hojjedhee booda barsiisummaadhaan mindeeffameen hojjechaa ture.
Barsiisummaan mindeeffamee utuun yeroo dheeraa hinhojjetiin Seeminarii Makaana Yesuus seenee waggoota afuriif ergan Ti’ooloojii baradhee xumuree booda barnootaaf biyya alaa deemee ‘Uppsala University’ jedhamuufi Siwiidinitti argamutti barnootuma Ti’ooloojii kanaan lubummaan eebbifamee waggoota lamaaf Siwiidiinumatti tajaajilaa ture.
Erga waggoota lamaaf tajaajilee booda gara Kaalifoorniyaa deemeen Seeminarii Ti’ooloojii Fuular (‘Fuller’ Theological Seminary’) jedhamutti barnoota ergama waldaarratti (Masters of Arts in Missiology) dhaan digrii koo lammaffaa fudhadhe. Digrii koo sadaffaas achumattin baradhe.
ALA bara 1986 Kaalifoorniyaa turee booda gara Atlaantaatti qajeelee hanga ammaatti achi jiraachaa jira. Waggaatti yoo xiqqaate yeroo afur Itoophiyaatti deddeebi’een tajaajilaa jira.
Bariisaa: Mariin biyyaalessaa Itoophiyaatti adeemsifamu nageenyaafi araara buusuu keessatti gahee akkamii qaba? Maricha gama barsiisa amantiifi aadaatiin akkamitti ibsitu?
Luba Tolasaa: Dhuguma akka saba tokkootti mari’achuu, araaramuufi tokkummaan dhaabachuu qabna. Walitti dhiyaannee mari’achuun madda rakkoo keenyaa waliin beeknee waliin dhabamsiisuun daran barbaachisaadha.
Ummanni walitti dhiyaatee waliin hinmari’anne, walhinbeekne, fedhii dhuunfaafi ofittummaan oofamu, dhugaafi tokkummaaf bakka hinqabne, kan har’aa malee kan borii itti hinmul’anne wantoota murtaa’an keessatti of daangessee jiraata. Kanaaf daangaa kana keessaa ba’uun sadarkaa biyyaatti utuu hintaane biyyoota ollaarraa kaanee walitti dhiyaachuun, waliin mari’achuufi walkabajuun biyya keenyaaf furmaata guddaa ta’a.
Amantiiwwan Itoophiyaa keessa jiran hundi rakkoo keessoo keenyaa dhabamsiisuudhaan tokkummaa biyya keenyaa cimsuu qabna. Yoo kana gochuu hindandeenye nuti ba’aa waan taaneef amantiin keenya qoratamuu qaba. Biyya keenyaaf furmaata ta’uuf daangaa amantaafi sabummaa ceenee ummata waltajjii marii tokkootti fiduun dhimma murteessaa sirriitti ittiyaadamuu qabuudha.
Bariisaa: Akkuma biyyaattuu maaliif rakkoo nageenyaa keessaa bahuu dadhabne jettu? Dhugaan duubatti hafummaa keenya duuba jiru maalinni?
Luba Tolasaa: Rakkoo nageenyaa keessaa ba’uu kan dadhabneef hundi keenya akka dhuunfaafi sabaatti waan yaadnuufi (fedhiifi mul’atni akka biyyaatti yaaduu waan nutti hir’ateefi). Rakkoon nageenyaa nu waliin kan ittifufeef kanaafi. Namni hundi fedhii dhuunfaasaa guyyuun qabamee waan jiruuf miirri fedhiin walii yaaduu keessa keenya ykn gidduu keenya waan hinjirreef akka rakkoon nageenyaa nu waliin turu taasiseera.
Sagaleen Waaqayyoo ‘Namni dhuunfaa ykn ummanni jireenyasaa nagaadhaan hinbulchine nagaan maal akka ta’e hinbeeku’ jedha. Gooftaa Yesuus Kiristoos Wangeela Yohaannis boqonnaa 14:27 irratti “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti” jechuun waa’ee nagaa ibsa.
Nageenyi addunyaan yeroof kennitu jira. Nagaa dhugaa kan kennu garuu Uumaadha. Nagaa dhugaan Waaqayyo kennu kan nama hunda jibba, tuffiifi sanyummaa irraa baraaruufi tokkummaa dhugaa fiduudha. Kanaaf ummanni Itoophiyaa nagaa dhugaatiin jiraachuuf gara Uumaasaatti deebi’uu qaba. Ta’uu baannaan akka bineensa eenyummaasaa hinbeekne, bishaan barbaacha gammoojjii keessatti akkasumaan jooruu ta’a.
Dhugaan duubatti hafummaa keenya duuba jiru walkabajuu dhabuu, tokkummaafi fedhii waliin hojjechuu dhabuu keenya. Hariiroon tokkummaafi jaalalaan waliin jireenya keenyaa laafaa dhufuun ammoo utuu biyyaaf hintaane dhuunfaafi saba keenyaaf dursa akka kenninu gochuudhaan ejjennoo biyyaaf jedhu akka hinqabaanne nu taasiseera. Qormaata yeroo kana waliin qolachuuf qaba.
Yoo gara tokkummaatti hindhufne jibba, sanyummaa, badii, inaaffaa, hiyyummaafi qoqqoodiinsa barootaaf liqimfamne keessaa ba’uu hindandeenyu. Kanaaf ofii keenyaaf, dhaloota dhufuufi biyya keenyaaf jennee tokkummaa keenya cimsuu, waliin dhaabachuufi wal deeggaruu qabna.
Bariisaa: Har’a yommuu waa’ee jijjiiramaafi badhaadhina dubbannu maalirra dhaabbanneeti?
Luba Tolasaa: Har’a waa’ee jijjiiramaafi badhaadhina Itoophiyaa kan dubbannu waa malee miti. Bara keenya keessa jijjiiramaafi badhaadhina dhugaa fiduu waan dandeenyuufi. Badhaadhinni ani jedhu kan badhaadhina yeroofi nama dhuunfaa gowwoomsaa, hanna, malaammaltummaan dhufu osoo hintaane, waa’ee badhaadhina dhugaa akka biyyaatti dhufaa jiruudha.
Badhaadhinni akkanaa tokkummaa, nagaa, obsa, walhubannoofi waldeeggarsa, kaayyoo waloo tokkoof cimanii hojjechuu gaafata. Kanaaf amantaa kanarra dhaabannee yoo tokko taanee, mari’anneefi garaagarummaa keenya yoo dhiphisne lafa waan hundaan eebbifamte waan qabnuuf badhaadhina jennu milkeessuu dandeenya. Kanaaf ammoo gatii ykn aarsaa barbaachisu kaffaluuf qophaa’uu qabna.
Bariisaa: Jijjiirama Itoophiyaatti eegalame ittifufsiisuuf duudhaaleen jajjabeeffamuufi cimuu qaban kam fa’i?
Luba Tolasaa: Walbaruu, nagaa, obsaafi ciminaan hojjechuun duudhaalee jijjiiramaa biyya keenyatti mul’achaa jiru ittifusiisuuf gargaaraniidha. Jijjiiramicha caalaatti milkeessuuf ilaalcha sanyummaafi finxaalessummaa dhabamsiisuu qabna. Sadarkaa biyyaattis ta’e idiladdunyaatti gama barnootaafi misoomaatiin dorgommii fayyaqabeessarratti xiyyeeffachuu qabna.
Dhaloonni kun siyaasafi ilaalcha gandummaafi naannummaa keessaa bahee daangaasaa sadarkaa biyyaafi addunyaatti babal’isuu qaba. Jijjiirama teknolojiin fidaa jiruufi giloobaalayizeeshiniirratti hirmaachuufis qophii ta’uu qaba. Kun ittigaafatamummaafi dirqama yeroon fidaa jiru kan jajjabeeffamuufi deeggaramuu qabuudha.
Itoophiyaatti jijjiiramni gaariin akka dhufuuf Waaqayyo kadhachaan ture. Yaa Waaqayyo Itoophiyaa yaadadhu jedheen kadhachaa ture. Ammas kadhachaan jira. Garuu jijjiiramni si’ataan akkasii Itoophiyaatti ni dhufa jedhee hineegne.
Akkuman dhiyeenya kana Ameerikaadhaa dhufeen Finfinnee keessa socho’ee hojiilee misoomaa hojjetaman daawwadheera. Biyyattiin jijjiirama ajaa’ibaa keessa jirti. Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa, bakki dhaabbii konkolaataa Addababa’ii Masqalaatti ijaarame akkasumas Godambaa Saayinsii dawwadheera. Hojiileen ajaa’ibaa Itoophiyaatti raawwatamaniifi raawwatamaa jiran hedduudha.
Hojiileen misoomaa guguddoon Finfinneetti eegalaman hedduun gara magaalota naannoleetti babal’achuun ammoo daran nama gammachiisa. Hojii Gorgoraatti hojjetamettis gammadeera. Hojiileen naannolee birootti raawwatamanis ajaa’iba. Hojiileen misoomaa kunneen cimanii akka ittifufaniif tokko tokkoon keenya ittigaafatamummaa nurraa eegamu bahachuufi nageenya mirkaneessuurratti waloon hojjechuu qabna. Amma kan nu baasu waltumsuu, walkabajuufi nagaan waliin jiraachuudha.
Bariisaa: Itoophiyaa gargaaramtummaa jalaa baasuuf sochii mootummaan taasisaa jiru akkamitti ilaaltu?
Luba Tolasaa: Utuma biyya lalistuufi biyyee gabbataa qabnuu daangaa biyyaa ceenee gargaarsa gaafachuun qaanii guddaadha. Sochii mootummaan biyyattii gargaarsa jalaa baasuuf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru tarkaanfii sirriifi guddina dinagdee biyyattii mirkeessuudha.
Gargaaramtummaa jalaa ba’uuf ilaalcha sabummaafi naannummaa keessaa baanee akka biyyaatti yaaduufi hojjechuu qabna. Lafa gabbataa biyyattiirratti daangaa tokko malee misoomsuu qabna. Kana dhugoomsuuf lammiileen biyyattii hundi ga’ee isaanirraa eegamu ba’achuu qabu. Gama kootiin kun yoo xiqqaate furmaata ta’a jedheen amana.
Bariisaa: Namoonni keessumaa dargaggoonni utuu hojii hinfilatiin akka hojjetaniif maal gorsitu?
Luba Tolasaa: Waaqayyo Addaamiifi Heewaan uumee wayita jannata keessa kaa’e uumama achi keessa jiru akka eeganiifi kunuunsaniif isaan abboome. Hojiin dhalli namaa jireenya fayyaqabeessa akka jiraatu taasisa.
Namni hojii hinhojjenne dhukkubsataadha. Kanaafuu dhibaa’ummaafi hojii malee taa’uun dhukkubaafi deega namatti fida. Kanaafuu ummanni keenya faayidaa hojii sirritti hubachuu qaba. Aadaan hojii keenyaas gabbachuu qaba. Gargaaramtummaa, hiyyummaafi kadhaa keessaa ba’uuf jabaannee hojjennee of dandeenyee jiraachuu qabna.
Keessumaa dargaggoonni dhimma nageenyaa, barnootaafi hojiif iddoo guddaa kennuu qabu. Ammaan booda namni dhibaa’aafi hinbaranne iddoo hinqabu. Bara teknolojiin daran babal’achaa jiru keessa waan jirruuf hojiin kamiyyuu barnootaafi ogummaa gaafata.
Kanaafuu dargaggoonni biyyattii barnootasaaniitti daran cimuu qabu. Dargaggoonni dhibaa’ummaa keessaa ba’anii barnootasaaniitti cimuufi hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabanin gorsa. Dargaggoonni hojii malee taa’anii bara gaarii eeggachuurra carraa hojii jiru hundatti fayyadamanii hojjechuun barri gaariin akka dhufu taasisuu qabu.
Bariisaa: Gareewwan hidhannoo qawweetiin naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa socho’uun faallaa mootummaa dhaabatan gara qabsoo nageenyaatti akka deebi’aniif ergaa akkamii qabdu?
Luba Tolasaa: Waraanni darbee darbee naannolee Oromiyaafi Amaaraatti mul’atu waraana sanyummaa waan ta’eef nu hinbaasu. Utuu waraana humna alaatiin Itoophiyaatti dhufe ta’ee birmadummaa biyyaa eegsisuuf jecha aarsaan kaffalamu jira. Waraanni yeroo ammaa kutaalee biyyattii gara garaaatti mul’atu garuu kan waraana sabummaa ykn ofjaalachuu natti fakkaata.
Nama siyaasa kamuu keessaa hinqabne kan jireenya harkaa gara afaanii jiraatu ajjeesuufi nagaa dhorkuun eessaanuu nama hinga’u. Siyaasni sabummaa ykn of jaalachuurratti xiyyeeffatu ammaan booda Itoophiyaatti hinhojjetu. Kana sabni Oromoo, Amaarriifi Tigreen akka beekan barbaanna.
Amma kan nu barbaachisu siyaasa sabummaarratti xiyyeeffatu utuu hintaane kan biyyaalessummaarratti xiyyeeffatuudha. Ilaalchaafi yaadama sabummaarratti xiyyeeffatu utuu hintaane kan biyyaarratti xiyyeeffatuudha.
Amma kan nu barbaachisu mul’ataafi ajandaa biyyaarratti kan xiyyeeffatuudha. Ilaalchi gandummaafi sabummaa eessaanuu nu ga’uu hindanda’u. Ammaan booda waltajjiin ijoollee keenyaaf qopheessinu sabummaarratti xiyyeeffachuun garaagarummaa uumuurratti utuu hintaane biyyoota guddatan waliin kan isaan dorgomsiisu ta’uu qaba.
Sabummaarratti xiyyeeffachuun walfalmuun Itoophiyaa hinfayyadu. Jaarraa 21ffaa keessa walii keenya waraanuufi walloluun nu hinbaasu. Iddoo kanaa walii keenya bira dhaabachuu, walgargaaruufi tokko isa kaaniif jiraachuu qaba.
Kan kaaba jiraatu gara kibbaa, kan kibba jiraatu gara bahaa, kan baha jiraatu gara lixaa deemee biyyattii misoomsuu danda’uu qaba. Biyya lalistuu, lafa qonnaa bal’aa, haala qilleensaa mijataa qabdu tana hojjennee misoomsuu dhiisnee rakkoo nageenyaafi gargaaramtummaaf saaxilamuun keenya sirrii miti. Kan nu baasu waliin mari’annee nagaan hojjennee waliin jiraachuu qofa.
Bariisaa: Duudhaa abbootiifi hangafoota kabajuufi tokkummaan waliin jireenya keenyaa laafaa dhufe bakkatti deebisuuf maaltu ta’uu qaba?
Luba Tolasaa: Kaayyoo guddaa ani gara Itoophiyaa dhufeef keessaa tokko duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jireenya keenyaa laafee ture kana akkamitti deebisnee jabeessuu dandeenya ajandaa jedhurratti hojjechuufi.
Duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jireenya keenyaa kana deebisuuf keessumaa ergan dargaggoota ol adeemoorratti hojjechuu jalqabee waggoota lakkoofsiseera.
Duudhaan walii yaaduu, jaalalaafi obbolummaan waliin jiraachuu keenyaa laafaa dhufuun Itoophiyaa keessatti waraanni akka babal’atu taasiseera. Biyya keenyatti nageenyi akka mirkanaa’uuf duudhaa keenya ganamaatti deebi’uu qabna. Ijoollee keenyas waa’ee gaarummaa haa barsiisnu.
Yeroo ammaa tokko isa kaan kuffisuuf hirriba malee bula. Rakkoo kana keessaa ba’amuu qaba. Kanarra waldeeggaruufi walbira dhaabachuu danda’uu qabna. Duudhaa nagaa, jaalalaafi obbolummaan waliin jireenya keenya ganamaa deebisuuf abbootii hammeenya facaasanirratti hojjechuurra dargaggoota duubaan dhufaa jiranirratti hojjechuu qabna.
Abbootiin kanaan dura ilaalcha sanyummaafi hamminaa barsiisan carraa umuriin turuu waan hinqabneef duudhaa jaalala, tokkummaafi obbolummaan nagaan waliin jireenya keenya ganamaatti deebi’uuf daa’immaniifi dargaggootarratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha.
Oggaa daa’imman waa balleessan akka isaan, ‘Balleeseeraa dhiifama” jedhan barsiisuu qabna. Yeroo waan gaariin daa’immaniif kennamu ykn ta’uufis akka isaan, “Waan naaf kennameef ykn ta’eef isinin galateeffadha” jedhan barsiisuu qabna.
Daa’imman yeroo maatiinsaanii waan gaarii godhaniif akka maatiisaanii galateeffataniif barsiisuu qabna. Barsiisonnis daa’imman dukkana keessaa gara ifaatti waan baasaniif galateeffachuu qabu. Mootummaa biyya bulchus kabajuufi deeggaruu aadaa taasifatanii akka guddatan taasisuu qabna.
Daa’imman naamusaafi amala gaarii horatanii akka guddataniif barsiisuu qabna. Nutis dargaggootaafi barattootni amalaafi naamuusa gaarii horatanii akka guddatan taasisuuf Ministeera Barnootaa faana waliigaluun irratti hojjechaa jirra. Hojiin kun keessumaa waan barsiisotaafi barattoota ilaallatuuf xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjechaa jirra.
Barsiisotaafi barattoota naannolee biyyattii gara garaarraa filataman Finfinneetti walittiqabuun duudhaa obbolummaafi jaalalaan waliinjireenyasaanii cimsuuf dhiyeenyatti sagantaa guddaa tokko qopheessineerra.
Barsiisotaafi barattoonni kunniin bakka tokkotti waa’ee jaalala, tokkummaafi kabaja biyyaa akka hubatan ni taasifna. Barsiisuu qofa utuu hintaane hojiilee misoomaa biyyattiitti hojjetamaniifi hojjetamaa jiranis ni daawwachiifna. Boru biyyattii kan geggeessu waan isaan ta’eef hojiilee misoomaa hojjetamanis akka eeganiifi kunuunsaniifi barnootasaaniittis akka cimaniif ni gorsina.
Kaayyoon keenya inni guddaan gaarummaa, amanamummaa, garalaafummaafi tokkummaa biyya keenya keessatti facaasuudha. Gaarummaa, amanamummaa, walii yaaduufi tokkummaa qabaachuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa waan qabuuf duudhaa laafee ture deebisnee cimsuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Hojii kana milkeessuun baasii guddaa waan gaafatuuf deeggarsa qaamolee biroos ni feena.
Barattootniifi barsiisotni seminaarii qopheessaa jirurratti hirmaatan wayita gara bakka dhufaniitti deebi’an ambaasaaddara nageenyaa akka ta’an barbaanna. Hojii dargaggoota gara tokkummaafi nageenyaatti fiduu kanarratti hunduu gaheesaa bahachuu qaba.
Bariisaa: Hojii kanaaf maaltu isin kakaase?
Luba Tolasaa: Dhimma kana natu hundeessee qindeessaa jira. Yaadni kun dhimma amantii, sanyiifi siyaasarraa bilisa. Yaadni kun Itoophiyaa keessa aadaan dinqisiifachuufi galateeffachuu akka jiraatu taasisuurratti xiyyeeffata. Yaadni kun Itoophiyaa keessa guyyaan waldinqisiifachuu “appreciation’ utuu jiraatee gaariidha kan jedhurraa madde. Yaadichis ummanni biyyattii waggaatti guyyaa tokko akka waldinqisiifatu taasisuurratti xiyyeeffata.
Waggoota 13 dura yaada kana qabadhee gaaffiilee tokko tokko Ministeera Aadaafi Turizimii gaafachuun Itoophiyaa keessa guyyaan waldinqisiifannaa akka hinjirren hubadhe. Isa booda hoggantoota olaanaa biyyattii gaafachuu naaf wayya jedheen Pirezidaantii Mootummaa RFDI yeroo sanaa Obbo Girmaa Waldagoorgis, “Guyyaan waldinqisiifachuu Itoophiyaa keessa jiraa?” jedheen gaafadhe. Isaanis “Eeyyee jira!” jechuun naa deebisan.
Deebiinsaanii quubsaa waan naaf hin taaneef gara Yunivarsitii Finfinnee deemee pirofeesaroota torba kutaalee barnoota gara garaa waliin mari’achuu jalqabe. Waltajjii marichaarratti “Guyyaan waldinqisiifachuu Itoophiyaa keessa jiraa?” jedhee gaaffiin kaaseef deebiinsaanii “Hinjiru” kan jedhu ture.
Itoophiyaan waan sirna Fiwudaalaatiin bulaa turteefi sirnichi ammoo duudhaa waldinqisiifannaa waan hinjajjabeessineef biyyattii keessa waldinqisiifannaan kan hinjirre ta’uu natti himan.
Kanarraa ka’uun guyyaan waldinqisiifachuu Itoophiyaa keessa akka jiraatuuf sosochii taasisuun jalqabe. Ani yaadni koo guyyaan kun sadarkaa biyyaalessaatti akka labsamu taasisuu ture.
Duudhaan walgalateeffachuu kun namoota umurii kootiin walgitan bira waan hinjirreef daa’imman duudhaa kana baratanii akka guddatan taasisuurratti xiyyeeffadheen hojjechuu jalqabe. Daa’imman har’aa waggaa 15 booda duudhaa kana qabatanii guddatu. Hojii kana Ministeera Barnootaa faana waliigallee waggaatti yeroo tokko guyyaan barattoota biyyaalessaa akka jiraatu taasisuudhaan irratti hojjechaa jirra.
Baranas barattootaa 250fi barsiisota 250 naannoleerraa walittiqabuudhaan waa’ee jaalalaafi nageenya biyyaa kan barsiifnu ta’a. Barattoonniifi barsiisonni kunneen yeroo gara dhufaniitti deebi’an ambaasaaddara nageenyaa ta’uun dargaggoota naannawaasaanii waliin dhimma nageenyaarratti kan hojjetan ta’u.
Dargaggoonniifi barsiisonni kunneen guyyoota shaniif waaree dura kan leenji’an yoo ta’u, waaree booda ammoo hojiilee misoomaa Finfinneetti hojjetamanis nidaawwatu.
Bariisaa: Turtii nu waliin taasistaniif galatoomaa.
Luba Tolasaa: Isinis galatoomaa.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 27 Bara 2016