“Sudaan Kibbaa Inisheetiivii Laga Abbayyaa mallatteessuun biyyooti miseensa inisheetivichaa fayyadamummaa waloof fedha qabaachuu mul’isa” -Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa, Ministira Bishaaniifi Inarjii

Finfinnee: Sudaan Kibbaa tibbana Inisheetiivii Laga Abbayyaa mallatteessuunshee biyyootni miseensa inisheetivichaa fayyadamummaa waloof fedha qabaachuu kan mul’isu ta’uu  Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Bara 2015tti dhiyeessiin bishaan dhugaatii sadarkaa biyyaatti namoota miliyoona 74.6 biraan ga’uun danda’amuus eeraniiru.

Doktar Injiinar Habtaamuun Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Sudaan Kibbaa Inisheetiivii Laga Abbayyaa mallatteessuunshee akka biyyaattis injifannoo guddaadha. Mallattichi fedhiin fayyadamummaa waloo biyyoota miseensa Lagicha mul’isuurra darbee biyyooti kunniin hidhicha waliin misoomsuuf hawaasa addunyaa biratti sagalee tokkoon iyyatanii dhageettii akka argatan taasisa. Biyyootni duraan hidhichi nu miidha jechuun Itoophiyaa dura dhaabachaa turan qalbiisaanii akka jijjiirratan taasisa.

Hidhichis erga ijaaramee as bishaan ganna guutee balaan lolaa dhaqqabaa ture hir’achuufi bona bishaan dachaan akka argatan taasisuun of hubachiisuusaa himanii; mallatteessuun Sudaan Kibbaa fedhii hidhicharraa fayyadamuu qabaachuu miseensota inisheetivichaarra darbee hariiroo Itoophiyaafi biyyattii caalaatti kan cimsuudha jedhaniiru.

Biqiltuulee Ashaaraa Magariisaa waggoota darban akka biyyaatti dhaabataman keessaa biliyoona 8.2 lageen gara  hidha Laga Abbayyaa hordofee akka dhaabamu ta’eera. Baranas haala adda ta’een dhaabbiin biqiltuu naannawaa hidhichaatti ittifufuu himanii; haala qilleensa qabatamaa naannawaa bu’uureeffachuun bakka dhaabbii biqilaaf kaartaan qophaa’ee dhaabamuun sagantaa ashaaraa magariisa baranaa adda taasisa jedhaniiru.

Inisheetiivii hidha Abbayyaatti Sudaan Kibbaa mallatteessitetti dabalee karooraafi raawwiin ministeerichaa bara 2015 milkaa’aa ta’uu ibsaniiru. Ministeerri Bishaaniifi Inarjii hojiiwwan ijoo sadan raawwachuuf hundeeffame keessaa dhiyeessii bishaanii, anniisaafi bulchiinsa qabeenya bishaanii mirkaneessuudha. Haala kanaan bara 2015tti dhiyeessii bishaan dhugaatii guddisuuf hojjetameen lakkoofsi namoota bishaan dhugaatii argatanii miliyoona 74.6tti  akka ol guddatu ta’uu himanii; namoota miliyoona 4.8 barana akka dhaqqabu ta’eera. Qulqullina naannawaan walqabatee hojiin hojjetame dhibbantaa 32 irra ga’eera.

Maastar pilaaniin Laga Waabii Shabalee, Gannaalee Daawwaa, Oomoo Gibee yoo xumuramu, Baaroo ammoo dhibbantaa 70 irra ga’uun hojiiwwan guguddoo Bulchiinsaa qabeenya bishaaniin hojjetamaniidha jedhan. Dhiyeessiin humna ibsaa % 51 akka biyyaatti ga’e keessaa barana namoota miliyoona 4.8 fayyadamoo ta’aniiru. Anniisaa soolaarii (‘off green’) namoota kuma 586 haaraan akka argatan  ta’eeras jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You