“Oromoon saba obbolummaafi walqixxummaaf qabsaa’u malee darbaa barbaadu miti” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee: Oromoon saba obbolummaafi walqixxummaaf qabsaa’aa as ga’e malee saba darbaa barbaadu akka hintaane Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Pirezidaantichi haasaa yaa’ii Caffee tibbanaarratti taasisaniin akka jedhanitti, Oromoon saba durii kaasee tokkummaafi obbolummaaf qabsaa’ee, lolee lolchiisee dhiigaafi lafeesaatiin biyya itiche malee akka diinotni jedhan saba darbaa barbaaduufi ijaarsa Itoophiyaa keessatti qooda hinqabne miti. Garuu ummata dhugaafi haqaaf hojjetaa ture diinotni itti yaadanii maqaa balleessuun boquusaa cabsaa turan. Osoo beekumsa qabuufi ijaarsa biyyaa keessatti lafee dugdaa ta’ee jiruu faallaa ibsamootasaa kanneeniitiin seeneffamaa ture.

Wayita duubatti deebi’amee ilaalamu Oromoon saba cunqursaa keessatti lolee lolchiisee sadarkaa har’a irra jirurra ga’e malee saba tasa bakka tokkoo ka’ee bakka biroo ga’e miti jedhanii; qabsoon ummata kanaa haqaan hogganamuu cinatti bilchinaan adeemsifamuun injifannoo har’aarra ga’e ta’uu hundi hubachuu qabas jedhaniiru. Sadarkaan ummatni Oromoo salphina keessatti awwaalame keessaa ba’ee har’a irra aarsaa lubbuu, dhiigaafi lafee malee badhaasa akka hintaane beekanii qixa sanaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hoggansi Oromoon har’a baase biyya hiyyummaafi boodatti hafummaan addunyarratti kadhaa qamadiin beekamtutti maqaa gaarii horuu cinatti biyya  dacheenshee ongeen dhala namaa dararutti magariisa uwwise ta’uu ibsanii; akka mootota Itoophiyaa duraanii hoggansa ummata rakkootti dhiisee biyyaa baqatu osoo hintaane hoggansa lolee lochiisee waraana dabalatee rakkoo carraatti jijjiireedhas jedhaniiru.

Ormi har’a hoggansa Oromoo hiyyummaafi boodatti hafummaa, beelaafi wallaalummaa maqsuuf dugdaa cabee, harkaa luqqa’ee Itoophiyaa tajaajilaa jiru ‘Abbaa dabaree” jechuun hamilee buusuu kan yaadu jedhanii; hoggansi jijjiiramaa garuu hoggansa oduu osoo hintaane hoggansa hojii waan ta’eef cimee hojjetee badhaadhummaafi walqixxummaa ummatni Oromoo qabsaa’eef akka dhugoomsu shakkiin kan hnjirre ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Hoggansa xiiqaa kanaan hojjetaa jiruufi imala gara badhaadhinaatti taasifamaa jiru keessatti aramaa kan ta’e humni ABO Shanee mudate kan  jedhan Obbo Shimallis; humni  kun  ummatni Oromoo injifannoo qabsoon argametti akka hinboqonne  guutuu Oromiyaatti  dhangalaatii dhiigaa taasisuu cinatti hojiin misoomaa akka laamsha’u taasisuu ibsaniiru.

Humni kun ummata Oromoorraa meeshaa hiikee du’aaf qopheessaa, diina ni dheessa, qaama nageenyaa ammoo ni waraana waan ta’eef diina  ummata Oromoo kan jedhameefis sababa kanaaf ta’uu dubbatanii; mootummaan daandii nagaan boqonnaa kana cufuuf carraaqqii taasisu ittifufa, didu garuu ummata keessaa hundeen buqqisuun dirqama ta’uu dhaamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You