Olompikii 33ffaan Paariis kaleessa haala miidhagaadhaan eegalameera

Finfinnee: Atileetonni biyyoota 206 miseensota Koree Olompikii Addunyaarraa babbahan kuma 10fi 714 olompikicharratti nihirmaatu. Atileetonni Itoophiyaa akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin hirmaachuuf achitti argamu.

Pirezidaantii Mootummaa RFDI Saahilawarqi Zawudee dabalatee Pirezidantonni biyyoota 120, akkasumas pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktor Ashabbir Waldagiyoorgis, pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinarri Gargaartuun Daraartuu Tulluufi qaamoleen dhimmichi ilaallatu gara Paariisitti imalaniiru.

Jila kanaaf dhalattoonniifi lammiileen Itoophiyaa Paariisiifi biyyoota Awurooppaa adda addaa jiraatan qubata xayyaaraatti argamuudhaan simannaa ho’aa taasisaniiru.

Olompikii 33ffaa Paariis kanarratti Itoophiyaan akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin atileetota 39n fiigicha maaraatoonii dhiiraafi dubaraan, dorgommii meetira kuma 10n kuma shanii, kuma sadii, kuma 1fi500n nihirmaatti.

Akkasumas fiigicha meetira 800 dubaraan, dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 dhiiraan gulufa biskileetaafi bunyaadhaan dhiiraan qooda fudhatti.

Gooticha Olompikii Qananiisaa Baqqalaa dabalatee atileetonni meedaaliyaaf abdii qaban Lammeechaa Girmaa, Yoomiif Qajeelchaafi Gudaafi Tsaggaayee garee kana wajjin achitti argamu.

Baniinsa Olompikii Paariis kana adda kan taasisu sirnichi magaalaan ala laga Seeyin jedhamurratti atileetota bidiruudhaan hiriiranii darbaniin banamuusaati.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You