Mariin paartiileen morkattootaa Ministira Muummee waliin taasisan ittifufuu qaba jedhame

Finfinnee: Mariin paartiileen morkattootaa Ministeera Muummee waliin taasisan ittifufuu akka qabu Manni Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Itoophiyaa beeksise.

Walittiqabaan mana marichaa Obbo Dastaa Dinqaa yaada tibbana Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti rakkoolee walxaxoo marii barbaadan hedduutu jira. Rakkoolee kunneen furuuf mariin furmaata jedhanii; gartuun siyaasaa mariitti amanan akkuma jiran kanneen hinamannes jiraachuu ibsaniiru.

Paartiileen morkattootaa Ebla darbe erga Ministira Muummee waliin dhimmoota siyaasaa guguddoo biyyattiirratti mari’atanii as pirezidaantota naannolee waliinis mari’ataniiru jedhanii, caalaatti paartiileen morkattootaa mariidhaan rakkoo biyyattii furuuf fedhii agarsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Paartiin Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoo gamasaatiin paartichi yeroo sadaffaaf marii Ministirri Muummee paartiilee morkattoota waliin taasisanirratti hirmaatee yaada biyya ijaaru gumaachuu ibseera.

Abbaan Bokkuu (Pirezidaantiin) paartichaa Roobalee Taaddasaa yaada Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, gaaffiileen paartichi Ministirii Muummeef dhiyeesse walakkaansaa deebii argateera, kanneen hafanis akka deebii argataniif paartiichi mariifi gaaffiisaa marabbaadhaan dhiyeessuu ittifufa.

Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee dhalootni baratee beekamtii akka argatu gochuufi waldhabdee karaa duudhaa sirna Gadaa furuuf Manni Murtii Aadaa akka hundaa’uuf paartichi gaaffii dhiyeessaa turuu himanii; gaaffiileen lamaanuu deebii akka argataniif mariin taasifamaa ture gahee guddaa taphachuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun paartichi paartiilee morkattootaa biroo waliin ta’uun filannoo walmadaalaa (‘Proportional election’) biyyattiitti akka dhufuuf gaafachaa jiraachuus himanii; gaaffichi paartii biyya bulchaa jiru dabalatee paartiilee hedduu biratti fudhatama argataa jiraachuu dubbaniiru.

Biyyattiitti nageenya amansiisaa fiduuf qaamolee maqaa siyaasaatiin hannarratti bobba’an seeratti dhiyeessuufi dargaggootaaf carraa hojii uumuun wantoota mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuun irratti hojjechuu qabuudhas jedhan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis sagantaa marii Kibxata darbe taasifamerratti haasaa taasisaniin akka dubbatanitti, paartiilee morkattootaa waliin biyyaaf hojjechuuf paartiileen morkattootaa walitti makamuu qabu, yoo akkas ta’e mootummaanis isaan jajjabeessuuf salphaadha.

Paartiileen morkattootaafi mootummaa waliin yoo hojjetan biyyaaf bu’aa buusu kan jedhan Doktar Abiyyi; waliin hojjennee Manneen Barnoota Bu’uura Boruu kuma 30 guutuu biyyattiitti ijaaruu dandeenyeerra jedhaniiru. Waliin hojjechuufis dhimmoota akka birmadummaa, tokkummaa, hireefi mul’ata biyyaa; dhimma dhalootaa, ijaarsa dhaabbileefaarratti ejjennoo walfakkaataa qabaachuu qabnas jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You