Lammiin lammiif birmachuu, mallattoo sabummaa

Itoophiyaan biyya haala teessuma lafaa adda addaa qabduudha. Haalota teessuma lafaa kanneen keessaa harka 49 sigiga lafaa sadarkaa olaanaafi jiddugaleessaatiif kan saaxilamu ta’uu hayyoonni damichaa argannoo qo’annoorratti hundaa’uun ni ibsu. Lafti biyyattii harka walakkaa ta’u balaa sigigaatiif kan saaxilame ta’uun daran yaaddessaa waan ta’eef dursee malli dha’amuu akka qabus hayyoonni nigorsu.

Balaa sigiga lafaa Adoolessa 14 bara 2016 Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Goofaa, Aanaa Gezee Goofaa, Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti tasa uumameen lubbuun lammiilee 200 olii galaafateera. Miidhaa hamaan balichaan uumame kun kan daran nama gaddisiisuudha.

Lammiilee balichaan maatiisaanii dhaban jajjabeessaa kanneen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an ammoo deebisanii dhaabuun aaadaafi duudhaa walii birmannaa barameen walbira dhaabachuun amma.

Ummanni biyyattii aadaafi duudhaa yeroo rakkoo akka ongeefaa dafee walii birmachuun beekamu ammas lammiilee Godina Goofaatti rakkoof saaxilamaniif waan qabuun sii jira jedhee bira dhaabachuu qaba.

Mootummaan erga balichi uumamee booda rakkinichaaf furmaata kennuuf birmannaa hatattamaa taasiseera. Tattaaffii si’aayaan mootummaafi seektaroonnisaa akkasumas dhaabbilee dhuunfaa gama kanaan taasisan akkuma jirutti ta’ee nama dhuunfaarraa kaasee lammiileen haaluma eegalaniin waanuma qabaniin toora hojmaata mootummaan kaa’een dirqama namoomaasaanii bahachuu qabu.

Ammaan tana xiyyeeffannaa addaa akka biyyaatti Ministira Muummee Abiyyi Ahmadirraa kaasee kennameen Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Ministeera Fayyaa dabalatee qaamoleen mootummaa bakkichatti argamuun dhiyeenyatti hojjetaa jiru.

Lammiilee balichaan miidhaaf saaxilaman, daa’immaniifi namoota kaan wal’aansi barbaachisu addaan baasuudhaan wal’aansi kennamaa jira. Deeggarsi nyaataafi bakka qubannaa haala gurmaa’een dhiyaachaa jira.

Yeroonsaa ganna ta’uun walqabatee guutiinsi lagaa, balaan lolaa hamaafi kan kana fakkaatan uumamuu waan maluuf hunduu gama tokkoon lammiilee Goofaatti balaaf saaxilaman gargaarsa sabummaa gochuudhaan aantummaasaa agarsiisaa gama kaaniin balaaf of eeggannaa cimaa gochuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You