Lammiilee balaa sigiga lafaatiin midhamaniif deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jira

  • Har’aa kaasee guyyoonni gaddaa sadii labsame

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Goofaa, Aanaa Gazee Goofaatti namoota balaa sigiga lafaatiin buqqa’aniif deeggarsi gahaan taasifamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Balaa Federaalaa beeksise. Hanga kaleessa oduun kun qophaa’eetti  lubbuun  namoota balaa kanaan darbee 226 ta’uus ibsaniiru. Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa har’aa kaasee guyyoota gaddaa biyyaalessaa sadii labse.

Komishinarri komishinichaa Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Taklamaariyaam ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ganna baranaa keessa roobni cimaan akka roobu, lolaa mudatuun balaan sigigaannaa lafaallee akka uumamu dursee raagamee ture.

Rooba guddaa roobuunis lammiileen kuma 800 hanga miliyoona tokkoo ta’an keessumaa kanneen qarqara lageenii jiraatan balaawwan garagaraatiif saaxilamuu akka danda’an raaga metiroolojiitiin adda baafamee sadarkaa biyyaatti koree hundeessuun hojjetamaa jira.

Godina Goofaa, ganda Keenchoo Shaachaatti balaan kun ni uumama jedhamee hin eegamne kan jedhan Komishinarri kun; uumamuun balichaa akkuma dhaga’ameen tumsi qaamota hundaan taasifamaa jira jedhaniiru.

Balaa mudate kanaan hanga Kamisaatti lubbuun namoota 226 kan darbe ta’uu mirkanaa’eera kan jedhan komishinarri kun;  namootni godinichaa balaa dabalataaf akka hin saaxilamne gochuuf ogeessota ji’olojistota, metirolojistotaafi ji’ospeeshaalistoota waliin ta’uun gandoota godinichaa 29 keessaa gandoota 15 irratti saaxilamummaa balaa ilaalchisee  qorannoo taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti qorannoon balaa saaxilamummaa namoota 6,600rratti kan hojjetamu ta’uu ibsanii, namoota kunneen keessaa namootni saaxilamoo ta’an adda baasuun hojiin qubachiisuu kan hojjetamu ta’uu himaniiru. Namoota kunneen keessaa namootni 600 bakka jiranii gara bakka birootti akka kaafaman taasifamuus ibsaniiru.

Hawaasa naannawa balaan kun itti uumamee buqqa’eef deeggarsi midhaan nyaataa gahaan  mootummaa fedaraalaatiin, mootummaa naannichaatiin, mootummoota naannolee garagaraafi dhaabbilee mitmootummaatiin taasifamaa jira. Gama fayyaatiinis deeggarsi yaala fayyaafi xinsammuu taasifamaa jira. Komishinichis gamasaatiin deeggarsa qarshii miliyoona ja’aa  taasiseera jedhan.

Oduudhuma walqabateen lammiilee balaa sigiga lafaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Goofaa, Aanaa Gazzee Goofaa, Ganda Keenchoo Shaachaa Gozdiitti uumameen miidhaman sababeeffachuun Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa guyyoota gaddaa biyyaalessaa labse.

Haaluma kanaan Adoolessa 20 bara 2016 irraa kaasee guyyoota sadiif lammiilee lubbuunsaanii darbe yaadachuuf guyyaa gaddaa akka ta’uun labsameera. Guyyoota kanneenitti Alaabaan Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti, dooniiwwan Itoophiyaatti, embaasiiwwaniifi waajjiraalee qonsilaatti gadi siqee akka mirmirfamu murtaa’uu ragaan mana maricharraa argame ni mul’isa.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You