“Inistiitiyuutichi burqaa ispoorteessitoota biyyaa akka ta’un abdadha” – Obbo Girmaayee Lataa

Guddina ispoortii biyya keenyaaf iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuun barbaachisaadha. Kanuma bu’ureeffachuun mootummaan wiirtuuwwaniifi akkaadaamiin ispoortii naannoleetti akka ijaaramaniif tattaaffachaa tureera.

Haata’u malee naannoleefi bulchiinsota magaalotaa hedduutti rakkoo iddoowwan oolmaa ispoortiirraa kan ka’e dargaggoonni baay’een iddoowwan hintaane ooluuf dirqamaa turan.

Rakkoo iddoowwan oolmaa ispoortii kana furuuf mootummaan naannoo Oromiyaa gandaa kaasee hanga sadarkaa naannootti iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuuf hojjechaa jira. Gandoota magaalotaa keessatti yoo xiqqaate iddoon oolmaa ispoortii hektaara tokkoo jiraachuu qaba jedhee murteessuun sochii jalqabeera.

Bu’uuruma kanaan Magaalaa Shaggar, Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii maqaa gootittii olompikiifi shaampiyoona atileetiksii Komishinara Ittaantuu Daraartuu Tulluutiin moggaafame torban darbe eebbifameera.

Sochii ijaarsa iddoowwan oolmaa ispoortii naannoo Oromiyaa keessa jiru maal akka fakkaatu ilaalchisuun gaafdeebii Obbo Girmaayee Lataa waliin taasifne akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineera. Obbo Girmaayeen Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaatti Daariktara iddoowwan oolmaa ispoortiifi faasiliitii ispoortiiwwaniiti.

Bariisaa: Haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Girmaayee: Waggaa 30n baranaa Kolleejii Barsiistota Kotobee kan yeroo ammaa Yunivarsitii Barnootaa jedhamurraa ispoortiifi cimina qaamaatiin digrii jalqabaatiin eebbifameen barsiisaa ta’ee Godina Gujii, Magaalaa Nageelleetti ramadamee ji’oota sadiif barsiise. Isa booda bara 1986 Godina Arsii, Magaalaa Asallaatti waamame. Erga waggaa tokkoof hojjedhee booda komishinara ispoortii godinichaa ta’een hanga bara 1992tti hojjedhe.

Waggoota kanneen keessatti aanaalee godinichaarraa atileetota beekamoota horachuudhaan Arsiin sadarkaa Oromiyaa dhiisi biyyaafi addunyaatti akka beekamtu oggeessota nafaana turan wajjiin carraaqii olaanaa taasiseera. Qabxii olaanaas galmeesisneerra.

Bara 1992 irraa kaasee hanga 1997tti Godina Shawaa Lixaatti komishinara ispoortii ta’ee hojjeedheera. Bara 1997 irraa kaasee ammoo Ittaanaa Qajeelcha Ispoortii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa ta’ee waggaa tokkoofi walakkaaf hojeedhera. Eddasii as sadarkaalee adda addaatti hogganaa ta’ee hojjedheera; ammas hojjechaan jira.

Bariisaa: Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti ijaaramee torban darbe eebbifameen maaltu isinitti dhaga’ame?

Obbo Girmaayee: Dhugaa dubbachuuf karaa kamiinuu ibsuuf Inistiitiyuutiin akkanaa biyyattii keessatti hojjetamee hinbeekamu. Inistiitiyuutichi leenjiifi qorannoo ispoortii jedhamuun Maqaa gootittii ispoortii atileetiksii Komishinara Ittaantuu Daraartuu Tulluutiin moggaafamuunsaa ammoo eenyuyyuu taanaan ummata kamiyyuu kan gammachiisuudha.

Namoota ijaarama inistiitiyuutichaatti gammadan keessaa tokko ana. Maaliif yoo jedhame jalqabbiisaarraa kaasee adeemsa inni keessa darbee har’a eebbaaf dhaqqabe tokko tokkoon waanan beekuuf.

Bakka inistiitiyuutichi itti ijaarame kan fudhanne yeroo kabajamoo Obbo Fiqaaduu Tasammaa Komishinara Komishinii Ispoortii Oromiyaa turaniidha. Qajeelcha Waajjira Ministira Muummee yeroo san turan Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyirraa darbeen iddoowwan oolmaa ispoortii naannolee hundatti babal’achuu qaba jedhuun dhagaan bu’uuraa inistiitiyuutichaa bara 2008 kaa’ame.

Inistiitiyuutichi bal’ina lafa hektaara 19 irra kan qabate yoo ta’u, yeroo sana laftisaa caffee ture. Yeoo sana ijaarsa inistiitiyutichaaf baajanni qarshii miiliyoona 700 ol ramadameefii sababii adda addaatiin waggoota saddeetiif osoo hinxumuramin hafuun hojiin ijaarsa inistiitiyutichaa lafarra harkifachaa turuun qarshii biiliyoona 1.5 oliin ijaaramee xumurameera.

Hojiin ijaarsa inistiitiyutichaa yeroo jalqabamu akka amma agartu kanatti miidhagee hojjetama jechuu hindandeessu. Ani akka oggeesa tokkootti adeemsa hojichaa keessa waanan tureef sirittin beeka. Inistiitiyuutichi haala kanaan miidhagee qulqullinaan ijaaramuusaatti gammachuu guddaatu natti dhaga’ama kanan jedhuuf kanaafi.

Pirojektichi ni eebbifama jedhamee sagantaan isaa bahee erga dhaadheffamuu jalqabee waggoota afur ta’eera. Sababii adda addaatiin lafarra harkifamaa turee hoggansa haarawaa ammaa kanaan kutannoodhaan hordofamee har’a tajaajilaaf dhihaachuun isaa gaariidha.

Inistiitiyuutiin kun qabeenya qaama tokkoo utuu hintaane kan biyyaa keessumaa ammoo kan naannoo Oromiyaati. Sababiin isaa ammoo qabeenya ummata naannichaatu itti dhangala’e. Ispoortiin kan ummataati akkuma jedhamu inistiitiyuticha kunuunsee eegunis gahee ummatarraa eegamuudha. Dargaggoonni naannichaafi hordoftoonni ispoortiis inistiitiyutichaaf eegumsa addaa gochuufiitu isaanirraa eegama.

Bariisaa: Oromiyaatti iddoon oolmaa ispoortii akkanaa ijaaramuun dhaloota dhufuuf faayidaa akkamii qaba?

Obbo Girmaayee: Iddoon oolmaa ispoortii akkasii ijaaramuun ispoorteessitoota boru biyyattii bakka bu’anii sadarkaa addunyaatti dorgoman horachuu keessatti faayidaa guddaa qaba. Itoophiyaan durii kaastee atileetota ciccimoo dorgommiiwwan sadarkaa ardiifi addunyaatti adeemsifamanirratti mo’achuun biyyattii beeksisan hedduu horachuudhaan beekamti.

Abbabaa Biqilaarraa kaasee, Maqaa masoo “Sibiila hinmicciiramne” jedhamuun kan beekamu Maammoo Waldee, Mahaammad Kadir, Isheetuu Turaa, Tolasaa Qottuu, Abbabaa Mokonnon, Fiixaa Baay’isaa, Gazzaahany Abarraafi Tasfaayee Tolaa dabalatee Dubaraan Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Geexee Waamiifi Birhaanee Adaree, Tikkii Galaanaa, Ijoollee Dibaabaa, Masarat Daffaariifi Mastaawot Tufaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Har’a ammoo gooticha Olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommii qaxxaamura biyyaa Qananiisaa Baqqalaafi quxusuusaa Taarikuu Baqqalaafi Tsaggaayee Kabbadaafaa dachee Oromiyaarraa kanneen biqilaniidha. Kanumarraa ka’uun Oromiyaan “Burqaa atileetotaa qofa osoo hintaane galaana atileetotaa” taati kan jedhamuuf.

Sochiin kun iddoo tokkotti kan dhaabatu utuu hintaane dhaloota haaraa duubaa dhufuun ittifufuu qaba. Iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuun atileetota duubaa dhufan horachuu keessatti gumaacha olaanaa qaba. Xinnaatus guddatus iddoowwan oolmaa ispoortii naannicha keessatti babal’isuun atileetota abdii boruu ta’an baay’inaan horachuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Fakkenyaaf Arsii magaala Asallaafi Boqojjii, Gujjiitti Wiirtuu Leenjii atileetiksii Booree, Shawaa Lixaatti pirojektii kubbaa miilaa Amboo (Amboo Goal Project), Sandaafaa, Sulultaafi Burraayyuu akkasumas iddoowwan istaadiyoomiin ammayyaa itti argaman Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamteetti, Jimmaatti, Baale Roobeetti, Shaashamaneetti hojjiiwwan gaariin hojjetamaa jiru.

Istaadiyoomonniifi dirreewwan kubbaa miilaa kanneen eeguufi kununsuun ammoo gahee hawaasa naannawichaarraa eegamuudha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas iddoowwan oolmaa ispoortiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuudhaan gandoota kuma torbaafi 414 keessatti lafa hektaara tokkorratti akka ijaaramu murtee dabarsuudhaan sochiin isaa jalqabameera. Hojiin kun komii iddoowwan oolmaa ispoortii dhabuudhaan ka’aa tureef deebii ta’a jedheen yaada.

Bariisaa: Akkuma biyyaattuu Inistiitiyuutiin leenjiifi qorannoo ispoortii hinturre. Kun guddina ispoortii biyyaarratti dhiibbaa akkamii uuma? Hanqina gama kanaan jiru furuuf gara fuuladuraatti maaltu ta’uu qaba jettu?

Obbo Girmaayee: Guddina ispoortii biyya takkoof bu’uurri iddoowwan leenjii ispoortii ta’uun beekamaadha. Kanarraa ka’uun naannoon Oromiyaa iddoowwan leenjii ispoortii babal’isuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiileen gama kanaan naannicha keessatti raawwatamaa jiran guddina ispoortii naannichaas ta’e biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Inistiitiyuutichi leenjii gabaabaafi dheeraa kennuuf kan gargaaru yoo ta’u, federeeshinoonni, dhaabbileen ispoortiifi waldaaleen akkaakuu ispoortii adda addaa inistiitiyuutichatti akka leenji’aniif carraa gaarii uumeera.

Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaafi Federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaas dargaggoota inistiitiyuutichatti leenjisuu ni danda’u. Inistiitiyuutichi iddoowwan oolmaa ispoortii adda addaa sadarkaasaanii eegan waan qabuuf itti fayyadamuun nidanda’ama.

Kaayyoon ijaaramuu inistiitiyuutichaa dargaggoota bakka kamiiyyuu dhufan simatee akaakuuwaan ispoortii Itoophiyaan addunyaarratti ittiin hirmaattuun leenjisee dorgommiif dhaqqabsiisuudha.

Inistiitiyuutichi bakka haalli qilleensaa atileetotaaf mijatutti ijaarame. Akuma beekamu atileetonni biyyoota alaa Mofaaraan, Siifaan Hasan, atileetonni Keeniyaafi Ertiraa, akkasumas biyyoota adda addaarraa dhufuudhaan Sulultaatti shaakalu.

Federeeshinoonni Itoophiyaas ispoorteessitoota ciccimoo biyyattii bakka bu’uudhaan dorgommiiwwan sadarkaa addunyaatti adeemsifamanirratti hirmaatan inistiitiyuutichatti akka leenjisaniif carraa gaarii uuma.

Bariisaa: Rakkoon adeemsa hojii keessatti isin mudate yoo jiraate?

Obbo Girmaayee: Istaadiyoomonni yoo ijaaraman mahaandisoonni duuka bu’uu qabu. Biyya alaa maahaandisoonni ispoortii akka jiran nan beeka. Biyya keenyatti garuu ogeesonni iddoo oolmaa ispoortii ijaaruuf leenji’an jiraachuusaanii nan mama.

Kanaafuu yeroo hojii kanarratti bobba’an dandeettii akkanaa waan hinqabneef istaadiyoomonni qulqullina sadarkaasaa eegeen waan hinijaaramneef yeroo gabaabaa keessatti haareffamaa jiru. Keessumaa mahaandisoonni istaadiyoomii ammayyaa sadarkaa “FIFAfi CAF” guutan ijaaraman baay’inaan biyya keessa waan hinjirreef baasii olaanaadhaan mahaandisoota biyya alaatiin ijaaramu.

Fakkenyaaf Istaadiyoomiin Wallaggaa kan Magaalaa Naqamteetti argamu tiraakiinsaa qulqullinaan waan hinhojjetaminiif ergasii as suphameeti hojjiirra kan oole.

Tashoomaa Qadiidaa

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 20 Bara 2016

Recommended For You